Keeniyaatti balaa konkolaataa mudateen namoonni 48 du'an

Keeniyaatti balaa konkolaataa bakka namoonni heddummatanitti mudateen yoo xiqqaate namoonni 48 du'uu pooliisiin gabaase.

Balaan kun kan mudate konkolaatan fe'iisaa 'konteenarii' baatee deemu erga konkolaachisaaf ajajamu dideen booda, karaarraa maquun bakka namoonni baayyeen itti argamaniitti garagaluusaatiin.

Balichi kan mudate naannoo magaala Kerichoo jedhamutti yoo ta'u, bakka namoonni itti heddumattanii jiranitti hechuun miidiyaalen biyya keessaa gabaasan.

Ajajaan poolisii Jooferii Maayek akka jedhanitti, namoonni biroo 30 ta'an balaa kanaan miidhan cimaan irra kan gahe yoo ta'u lakoofsi namoota du'aniis dabaluu danda'a.

Namoonni "lama ykn sadi'' konkolaataa garagalee jiru jalatti danqamanii jiraachuu akka malanis eeran.

Ajajaan poolisii naannichaa Toom Maboya Odeerootu jedhe jechuun AFPn akka gabaasetti konkolaatan fe'iisaa gara magaala Kerichoo jedhamtuu osoo imalaa jiruu to'annaan ala ta'ee konkolaattota saddeet, motorsaayikilootafi hedduufi namoota karaarratti waa gurguran akkasumas imaltootata heddu irratti balaa balaa geessise.

Namoonni ijaan argan miidiyaa biyya keessatti akka himanitti konkolaachisaan sun konkolaataa karaarratti cabee turerraa maquuf yeroo jedhutti balaan kun mudate.

Pirezidaantin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon "kanneen du'an keessaa kaan dargaggoota mul'ata borii qabaniifi namoota daldalatanii jiraataniidha" jechuun du'a lammiilee biyyattiif gadda itti dhagahame ibsan.

"Konkolaachiftoonni of-eeggannoo addaa akka godhan dhaamna, keessumaa yeroo roobni cimaan roobu kanatti," jechuun Tiwitara irratti barreessan Pirezidaant Wiiliyaam Ruuton.

Bulchaa magaalattii kan ta'an Dr. Erik Mutaayi taatee kana magaala Kerichoof "yeroo dukkanaati" jechuun tajaajilli yeroo balaa hatattamaa barbaachisu hundi bobba'uu himan.

Gama biroon ammoo roobni cimaan hojii lubbuu baraaruu danqaa ture jedhama. Balaan kun akka mudatuufis roobni cimaan roobe sababa ta'uusaa garuu waanti adda bahe hin jiru.

Bara darbes Keeniyaatti konkolaatan riqicharraa mucucaatee hallayyaatti dhidhimuun namoonni 34 du'anii turan.