Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Benjaamiin Mendii 'dubartoota 10,000 waliin ciisuusaa' dubbachuu dhaddacharratti dhihaate
Taphataan kubbaa miilaa Maanchistar Siitii Benjaamiin Meendiin shamarree tokko erga gudeedeen booda, ''homaa miti, dubartoota 10,000 waliin quunnamtii saalaa raawwadhera'' jechuun dubbachuu isaa dhaddacha irratti dhihaate.
Dargaggeessi umuriin wagga 28 Meendiin Onkololeessa 2020 mana sanaa Cheeshaayariitti argamuuf paawundii miiliyoona 4 baasu keessatti shamarree waggaa 24 irratti miidhaa quunnamtii saalaa raawwachuun dhagahame.
Himatamaan kunis shamarree tanaan alattis yeroo sanatti dubartii umuriin ishee waggaa 29 ta’e tokko gudeeduudhaan himatameera.
Dubartiin tunis himatamaan waggaa laman dura osoo manasaa jirtuu miidhaan irratti raawwachuu dubbattee jirti.
Taphataan kubbaa miilaa kun garuu himannaa namoota lamaaniinu irratti dhiyaate kana hin raawwanne jechuun haalee jira.
Ammaan tanattis himannaan isaa kun mana murtii Cheestar Kiraawunitti ilaalamaa jira.
Gumii murteessitootaa (jury) miseensonni hawaasaa dubartoonni jahaa fi dhiironni jaha keessatti hammataman kanaan, Benjaamiin Meendii dhimmasaa hordofaa jira.
Abbaan seeraa Isteefan Evarat gumichaan, taphataan Faransaay kunis himannaan dubartoota biraatiin irratti dhiyaateen balleessaan irratti hin argamne jechuun dubbataniiru.
Haata’u malee, gumiin yeroo sana ture himannaawwan dirqiidhaan gudeeduufi yaalii gudeeduu ittiin himatameerratti waliigaltee irra gahuu waan dadhabeef ture amma mana murtiitti akka dhiyaatu kan taasifameef.
Abbaan seeraas gumichi adeemsa haqaa kana dura ture irraa odeeffannoo gadi fagoo kamuu akka hin ilaalle akeekkachiisuun, ragaa mana murtiitti dhiyaatu qofa irratti hundaa’uun murtee akka dabarsuuf gorsaniiru.
Haati alangaa Benjaamiin Ayiinaa Keesii jedhaman wayita adeemsa mana murtichaa eegalaniitti, ‘‘Beenjaamiin Meendii taphataa kubbaa miilaa Maanchiistar Siitiif waliin taphaa jiruudha.
‘‘Yeroo hedduus mana isaa keessatti qophii fi waliitti dhufeenya hawaasummaa qopheessa. Qophii kanarrattis keessummoota dhiiraafi dubartootatu hirmaata,’’ jedhan.
‘‘Yeroo tokko dirqiidhaan waliin qunnamtii saalaa raawwachuuf yaaleera. Yeroo gara biraatti ammo kutaalee ciisichaa isaa keessaa tokko keessatti dubartii biraa gudeedeera.’’
Dubartiin UK yaaliin gudeeddii irratti raawwatame ture barattuu yoo taatu, Meendiin kan wal barte bara 2017'tti Baarseloonaa keessatti ta’u manni murtii dhagaheera.
Erga hiriyyummaadhaan waggaa tokkoof waliin turanii booda dubartittiin affeerraadhaan gara mana himatamaa deemuushee, garuu ammo ganama wayita dhaqna ishee dhiqattuutti Meendiin osoo hin affeeramiin surree jalaa qofaa uffachuun ‘‘miira keessa ta’e’’ gara ishee dhaquusaa mana murtiitti himameera.
Himatamaan dubartiitti dirqiidhaan qabee gudeeduudhaaf yoo yaalu, irra deddeebiin akka dhaabu itti himulleen akka didee ittiin wal'aansoo qabe himameera.
Dubartiin gara biraa ammo hiriyoota gara biraa waliin gara mana taphataa kanaatti afferamtee deemuun dhagahameera.
Himattuun tun akka jettutti, Meendiin bilbila dhuunfaashee iccitii qabu harkaa fudhuudhaan gara mana ciisichaatti qajeela. Isheenis bilbila ishee barbaacha isa hordofte.
Abbaan alangaa akka jedhanitti, Meendiin dubartiittii ‘‘si argu barbaadeen’’ jechuun akka uffata ishee baaftu itti hime.
Dubartittiinis akkuma inni jedheen gochuudhaan, garuu ammo uffata jalaa qofaa turti. Yeroo kanattis Meendiin bilbilicha gara sireetti darbata.
Dubartittiinis bilbilicha fudhachuuf gara sireetti wayita imaltuutti Mendiinis hordofuudhaan deemuun qunnamtii saalaa raawwachuu akka hin barbaadne osoo itti himtuu, dirqiidhaan gudeede.
‘‘Meendiinis ‘baayyee hin yaadda’iin. Dubartoota 10,000 faana quunnamtii saalaa raawwadheera‘ jedheen.‘‘
Himatamaan kunis taateewwan himannaa ittiin himatame lamaaniin, qunnamtii kanan raawwadhe dirqiidhaan osoo hin taane, fedhiidhaan ta’u poolisiitti himuun himannicha haalee ture.
Ammas adeemsi mana murtichaa akkuma itti fufeetti jira.