Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammii Itoophiyaa oomishaalee xaafii gabaa addunyaaf dhiyeessuf gara biyyaatti deebii'e
Yoonas Alamuu yunivarsiitiwwan biyyoota Awurooppatti nama ogummaa injinaringiifi faayinaansii qorateera. Ogummaasaatti qaxalee ta’uurraan kan ka’e, dhaabbilee faayinsaasitti ‘baankarii investimentii” ta’uu nama danda’edha.
Waa’ee guddinasaatii gaafa haasa’u Yoonas, “Ani mucaa baadiyyaati, maatiin koo qotee bulaadha. Lafa qotaan guddadhe,” jedha.
Yoonas baruumsa sadarkaa lammaffaasaa erga xumureen booda carraa barnootaa argachuun gara Bulgaariyaa, sana booda ammoo carraa barnootaa biraa argachuun gara UK imale.
Yunivarsiitiwwan Awuroopparraa digrii jalqabaa elekitikaal injinaringiidhaan, digrii lammaffaa ammoo infoormeeshin teeknolojiidhaan baratus, abjuunsaa yeroo dheeraa ogummaa faayinaansii akka ta’e dubbata.
“Faayinaansii keessa seenuu waanan barbaaduuf seektara kanaan barnootakoo hordofe,” kan jedhu Yoonas, dhaabbata Global Association of Risk Professionals jedhurraa waraqaa beekamtii erga argateen booda industirii faayinaansitti akka makame dubbata.
Dhaabbilee faayinaansii maqaa guddaa qabanitti qacaramuunis hojjateera.
“Sartifikeetii kana namoota muraasatu qaba ture. Kunis carraa naaf uumee [dhaabbata faayinaansii] Faransaayi BNP Paribas jedhamutti hojii jalqabe. Sana booda GP Morgan, Credit Swiz osuman kan jedhamuu hojii baankarii investimentii itti fufe,” jedha.
Baruumsan milkaa'ee dhaabbilee addunyarratti beekamoo ta'an keessatti qacaramee hojjatus dhaabbileen biyya alaa daldala xaafii Itoophiyaarraa fayyadamoo ta'anii argamuusaanii gaafa ilaalu gara biyyaa deebi'ee biizinasii kanarratti hirmaachuu akka qabu murteesse.
Sadarkaa biyyaatti xaafii gabaa addunyaarratti barbaadamaa akka ta'u gochuu dadhabuurraa kan ka'e dhaabbileen biyya alaa xaafii gabaa addunyaaf akka dhiyeessaniif hayyama tarreessinee kennineefira jedha Yoonas.
"Kun anaaf, keessumaa akka ilma qotee bulaatti waan nama gaddisiisudha. Sadarkaa biyyaatti humni kana gochuu dhabamuunsaa na gaddisiisa. Qormaata na mudatu kam dura dhaabbadhee gara biyyaatti deebi'ee haala kana jijjiirun qaba ilaalcha jedhutu na keessa ture," jedha.
Kana milkeessuf xaafiin Itoophiyaa osoo bifaafi qulqullina isaa gadi hin jijjiramiin gabaa addunyaaf qopheessee dhiyeessuf biyya jiraataa ture Ingilizii gara biyyatti deebi'e Yoonas.
Hojii jalqabuuf qormaata ture
Yoonas gara biyyaa kan deebi'e omisha xaafii maqaa Itoophiyaatin gabaa addunyaarratti bifa dorgomaa ta'een dhiyeessuf.
Haata'u garuu abjuu kana milkeessuf karaan funyaan adalaa hin taanef. "Ergan dhufee qormaanni na mudate hedduudha. Qormaatiwwan na mudatan sochiillee kan nama dhorku turan.
"Bakka argachuun yeroo dheeraa natti fudhate. Yeroon ani dhufes yeroo jijjiiramni siyaasaa itti ta'e waan ta'eef yeroo rakkisaa ture. Bakka argachuu qofaaf waggaa tokkoofi walakkaa natti fudhate," jechuun rakkoo isa mudate ibsa.
Bakka hojii erga argateellee hayyama ijaarsafi kanneen biroo argachuuf dadhabbii baay'etu isa mudate.
Maasaa qonnaa Sulultaatii hanga gabaa UK'tti
Dadhabbbii yeroo dheeraa booda Yoonas xaafii lafa qonnaa Sulultaarratti omishame maqaa daldalaa Love Grass Ethiopia jedhuun gabaa Awurooppatiif dhiyeessuu jalqabeera.
"Maqaa Love Grass Ethiopia jedhu kan itti moggaafne xaafiin kan Itoophiyaati jechuudhaaf," jechuun kan ibsu Yoonas, xaafii buddeen qofa irraa tolchuutti beekanis waan baay'ee hojjachuun akka danda'amu dubbata.
Dhabbanni Love Grass Ethiopia daakuu xaafii qofa osoo hin taane paastaa xaafii, cireef kan ta'u kornfileeksi, giraanoolii, paankeekiifi omishaalee biroo xaafirraa hojjachuun gabaa alaaf dhiyeessaa jira.
"Gabaa nyaatarratti Itoophiyaan maqaa gaarii hin qabdu. Rakkoo fi beelaan beekamtti. Nuti kana jijjiirufi kutannee kan kaane," kan jedhu Yoonas, gabaan xaafii oomisha qonnaa amma addunyaarratti beekamtii argataa dhufeefi maqaa Itoophiyaa wajjin wal-qabasiisun akka barbaachisu hima.
"Mallattoo daldalaa kanaaf iddoo guddaan kennamuu qaba. Amma biyyoonni heddu xaafii oomishaa jiru. Amma dafnee walitti dhufeenya Itoophiyaan xaafii waliin qabdu jabeessuu qabna. Ta'uu baannan, akkuma bunaa, 'bunni Itoophiyaatti argame' jechuun ala baay'ee fayyadamaa ta'uu hin dandeenyu," jedha Yoonas.