Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Obbolaa lakkuu Ameerikaatti maashina bukoo bukeessee buddeena tolchu kalaqan
Ameerikaa kan jiraatan Efreemiifi obboleessi isaa Fitsum Yooseef dhalatanii kan guddatan Itoophiyaa keessatti.
Obbolaan kunneen barnoota ikkonoomiksii barachuu fi maatiin isaanii mana nyaataa saaquun walirra oole.
Efreem fa’i maatii isaanii waliin buddeenaan guuddatan illeen buddeen ittiin gudatan kun guyyaa tokko kan jireenyasaanii ittiin hogganatan ta’uu yaadanii hin beekan ture.
Obbolaan kunneen akkuma eebbifamaniin osoo gabaa Ameeerikaatti bahuun kan isaan mindeessu barbaaddachuu hin eegalin dura, mana nyaataa maatiin isaanii banan hanga baruufitti yeroo muraasaaf maatii isaanii gargaaruuf murteessan.
‘‘Osoo maatii waliin hojjataa jiruu kan hubanne biyya kana rakkoon hojjataa jiraachusaati’’ jedha Efreem.
Biyyaa bahanii mana nyaataa aadaa biyya ofii Ameerikaa Kaaliforniyaa keessatti eegaluun waan salphaa hin turre.
Yaalii kana kan caalaa dadhabsiisaa taasisuu waan hojjataa hin jirree qofaa osoo hin taane, humnaafi yeroo buddeena tolchuuf guyyaa guutuu baduu kan biraati.
Efreemiifi obbooleessi isaas amma buddeen tolchuun hangam ulfaataa akka ta’e hubataa dhufan.
‘‘Guyyaa guutuu buddeen tolchuun dadhabsiisaafi kan irra deddeebi’amu ta’uu hubanne’’ jedha Efreem.
Garuu ammoo maatii Efreem fa’iif buddeen gurguruun waan haaraa hin turre. Fira Minisootaa keessatti daldala buddeenaa irratti bobba’e qabu.
‘‘Shaggaa Injaraa’’ maqaa buddeenni isaanii ittiin beekamudha. Kunis humna namaatiin harkaan tolfamee dhiyaata.
Haalli kun ammoo Efreem fi obbooleessi isaatiin baayyee dadhabsiisaa ta’e itti mul’ate.
Maatii isaanii gargaaruuf murteessuun hojii kan eegalan Efreem fa’isi buddeen tolchuu shaakalan.
‘‘Fitsum keessattuu baayyee cimaa ture. Anis omaa hin jedhu’’ jedha Efreem.
Hojiin buddeen harkaan tolchu kunis dadhabsiisaadha jedhanii hin dhaabne.
Haala itti hojii kana salphisan yaaduu eegalan.
Yaada eelee awutoo
Buddeen nyaataa lammiilee Itoophiyaa guyyaa guyyaatti sooratan keessa tokkodha.
Lammiilee biyya biraa dabalatee buddeen kana nyaachuuf fedhii olaanaan jiraachuu hubataniiru dargaggoonni kunneen.
Mana nyaataa maatii isaanii kan dhaqanis lammiilee Itoophiyaa qofaa osoo hin taanee lammiileen biyya biraas jiraachuu sirriitti argan.
Haalli kun bulchiinsa isaan keessa jiraatan Saanhoozii qofaatti osoo hin taane bakka baayyee jiraachuu hubatan.
Kanaafuu buddeenni osoo sadarkaa warshaatti tolfamee namoota fedhii isa soorachuu qabaniif ni fayyada jedhanii yaaduu eegalan.
Maashinni bukoo naannessu yoo argame hojiin buddeen warshaan oomishuu salphaa akka ta’e hubatan.
Hojiin buddeen warshaadhaan omishuu beekumsa Makaanikaal Engineering gaafata haa jedhan malee ofiisaaniitii ogummaa kana hin baranne ture. Kan baratan ikkonoomiksii ture.
Yaadni kun kan gara ''Sammuu keenyaa dhufa bara 2013 ture,'' kan jedhu Efreem, yaada kanas abbaa qabeenyaa Shaggaa Injeeraa Minisootaatti argamuuf dhiyeessan.
Yaada isaa irratti waliigalan. Kanaafuu ogeessa mahaandiisii mindeessanii hojjachuuf yaadaa turan.
Yaadni kun osoo dhugaa ta’ee hojiirra oolfamee mana nyaataa maatii isaaniitiifis ta’e kan firootasaanii Minisootaatti argamaniitiif faayyidaa qaba.
Hojii saffisiisa, gabaa argamsiisa, akkasumas dadhabbbii hir’isa jedhanii murteessan.
‘‘Buddeena qulqullina qabu tolchuun hawaasaaf dhiyeessuunii fi haadhasaanii dadhabbii irraa boqachiisu’’ yaada jedhu qabatanii ka’an.
Hojiin buddeennaa giingoodhaan itti naquu qofaa akka hin taanee erga oggeessota waliin wal arganii mari’ataniin booda hubatan.
‘‘Buddeena itti naquun ogummaa Makaanikaal Injininariingii ol’’ jedha Efreem. Dursa bukoon qophaa’uu, akka bukaa’uuf guyyaa muraasa olkaawwamu, achiinis absiitiin itti makamuufi hojiiwwan qophii biraa akka barbaachisu hubatama.
Kana malees haala bokoon itti qallatee kan maashinichaaf tolu ta’un mirkaneeffamu qabaata. Yeroo tokko tokkos bukoon yoo turu jalaa furdatee maashinicha keessatti akka isaan rakkisaa ture kaasa Efreem.
Haala kanaanis ogeessa mindeessan waliin yeroo garaa garaatti irra deddeebiin yaalanii bu’aa bahii hedduu keessa darbuu hima Efreem.
‘‘Waggoota darban sagaliif maallaqa mataa keenyaatiin yaalaa turre,’’ jechuun waggoota dheeraa akka itti fudhate hima.
Haata’u malee, dhiheenya keessa yaaliin isaanii kun abdii agarsiisaa akka dhufe himu.
Kan yeroo itti fudhate maashina ofiisaatiin naannawaa eleewwan hedduu irratti bukoo buusu (depositor) sirriin akka hojjatu taasisuusdha jedha Efreem.
Eeleen awuto attamiin hojjataa?
Ittigaafatamummaan maashinichaa bukoo qophaa’ee kaasee buddeen tolchuudha.
Ameerikaatti namni tokko sa’aatii tokko keessatti buddeen 60-70 tolchuu akka danda’u dubbata Efreem.
Maashina kanaan garuu hanga buddeen 1,000 tolchuun ni danda’ama jedha.
Eelen Auto kun yaalii milkaa’aa taasifameen buddeen ija sirrii qabu tolchuun kan agarsiisee bara 2019tti ture.
Isaan booda wantoota sirreeffamuu qaban wal jalaa qorataa sadarkaa amma irratti argamu irra qaqqabuu dubbata.
Maashiniin kun ammatti Minisootaatti sa‘aatiin buddeen 1,000 tolchuu eegaleera.
Dhiheenyatti ammoo bakka isaan jiraataniifi Siyaatilitti eegaluudhaaf namoota isaan waliin ta’an argachuu dubbata.
Keessattuu Siyaatilitti hojjachuudhaaf abbaa qabeenyaa kan ta’an Nabiil Mohaammad waliin waliigaltee irra gahusaanii kaasa Efreem.
Efreem fa’i ammalleen fooyya’insa dabalataa taasisuuf qorannoo isaanii akkuma itti fufanitti ta’uu BBCtti himeera.
Efreemii fi obboleessi isaa inni lakkuun buddeena tolchuu akka rakkoo guddaa taʼeetti kan ilaalan taʼus, tolchuu, bukeessuu fi kan tolchan otuu harkaan hin tuttuqiin saamsuun qaaama pirojeektisaanii gara fuulduraati.
Maashinichi harka caalu tuttuqaa namarraarraa bilisa ta’ee kan hojjetu ta’us, ammayyuu buddena tolfame sana eeleerraa kaasuuf nama barbaachisa.
Efreem gara fuulduraattis kana furuuf ni hojjanna jedha.
Buddeen tolfame salphaatti baasuuf jecha, gara fuulduraatti eelee rog-afree ykn boca reektangulaara ta’een hojjechuuf adeemsarra jirra jedha.
Amma buddeena boca geegoo qabu eelee elektirikiin hojjatuu fi anniisaa qusatarratti tolchu.
Keessattuu Itoophiyaatti eeleen kun eelee biroo waliin wal cina wayita madaalamu anniisaa hangam akka qusatu qorachaa jiru.
Garuu akka ragaan amma qabanitti, eeleen ammayyaa Itoophiyaa keessatti buddeena1,000 tolchuuf barbaachisu caala xiqqaadha.
Danqaawwan turan
Efreem fi obboleessi isaa bara farantoota 2009 yeroo maashiniin ammayyaa buddeena tolchu kun hojjatamee xumuramee, sababa weerara Covid’n manneen nyaataa cufamanii turan.
Kunis gabaa buddeenasaanii qorrisiisee ture.
Kasaaraa guddaa akka isaan mudate kan dubbatu Efreem, pirojektii kana keessatti warri hirmaanne hundi keenya xiiqiin ykn ciminaan hojjechaa waan turreef as geenye jedha.
‘’Mana keenya qabsiisnee maallaqa liqifanneen baasii hojii ittiin gaggeessuf oolchaa turre,’’ kan jedhu Efreem, xumurrisaa miidhaguutti gammada.
Namoonni baayyeen buddeena nyaatan Itoophiyaa keessa jiru.
Gatiin budeenaa qalaa’uurra kan ka’e namoonni baay’een ni rakkatu.
Buddeena Efreem fa’aa tolchan sadarkaa industiriitiin biyyattii keessatti tolchuun yoo danda'ame garuu gatii salphaadhaan ba'aa haadholii hedduu salphisuun namoota heddu sooruun ni danda'a.
Kanaaf invastaroota dhuunfaa fi mootummaa waliin tumsuun barbaachisaa ta’uu dubbatu.