Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gareen Waagnar fincilee ture ammas miseensota mindeessaa akka jiru BBC'n irra gahe
Gareen Waagnar fincila pirezidantii biyyattii Vilaadmiir Putiin gara wal waraanaasaatti geessuu mala jechuun yaaddoo keessa galchee ture booda, ammalleen Raashiyaa guutuu keessatti miseensota mindeessaa jiraachuun barame.
BBCn bilbila Raashiyaatti fayyadamuun jidduugalawwan mindeessaa garichaa adda addaatti bilbiluun adda baafachuu akka danda'eetti, hojiin isaanii akkuma duriitti deemaa jiraachuu mirkaneeffate.
Lixa biyyattii Kaalinigiraadii kaasee hanga kibbaatti, gariichi akka dhorkame kan amanu homtuu hin jiru.
Magaalaa Arkitik kan taate Murmaaniskii irraa, dubartiin kilabii Ispoortii Viking jedhamurraa taate tokko, ammalleen loltoota Yukireeniif akka galmeessitu dubbatti.
''Eeyyeen achii mindeessaa jirra. Namni deemuu barbaadu yoo jiraate, naaf haa bilbiluutii guyyaan qabaaf.''
Tarree dheeraan teessoowwan Waagnar irra caalaan manneen barnootaa maarshaal aartiifi kilabiiwwan booksii dabalatee, kilaboota ispoortii keessatti argama.
Namoonni bilbila kaasan baay'eenis miseensonni haaraa garee mindeeffattootaa waliin malee raayyaa ittisa Raashiyaa waliin kontiraata akka hin mallatteessine dubbatu.
''Ministeera raayyaa ittiisaa waliin gonkumaa walitti hin dhufu,'' jedhan namtichi Volgogirad keessatti kilabii ispoortiiwwan Ispaartaa irraa dubbifame tokko.
''Wanti dhaabbate homtuu hin jiru, nuti ammalleen mindeessaa jirra,'' jedhan.
Gareen mindeeffamtootaa gara ministeera ittisaa jala akka galuuf yaadni tureetu, gareen Waagnar fi hoogganaan isaanii Yevgenii Pirigoozhin akka fincilaniif torban darbe keessa kakaasee ture.
Haalli kunis aangoo Putiin kan waggaa 20 ol keessatti rakkoo isa cimaa ture.
Himannaan yakkaa garee kanarratti banamee ture kaafamuun kan himamee yoo ta'u, garuu ammoo rogeeyyiin paartii mormitootaa hedduun waraana Putiin Yukireen irratti mormuun waan dubbatan qofaadhaaf itti murtaa'ee waggoota dheeraaf mana hidhaa keessatti argamu.
Kan biraa hafee hoogganaan garee Waagnar mataansaa akka bilisaan gara Belaaruus imalu ta'eera.
Jeettiin dhuunfaa Pirigoozhin halkan Kibxataa gara Raashiyaatti deebi'uunsaa ammoo mirkanaa'eera.
Loltoonni garichaa kan gara Mooskootti qajeelanii turaniif hilikooptarootaafi xiyyaarota samiirratti rukutuun barbadeessan ammalleen hin diigamne.
''Hojjataa jirra. Yoo wanti ta'ee jijjiirame, nutti himu ture. Garuu homtuu hin jiru,'' jetti mindeessituun dubartii gariichaa Kirasnodaar kibba Raashiyaatti argamurraa.
Miindaan loltoota Waagnar ammalleen baay'ee olaanaadha. Ji'aan maallaqa biyyattii 240,000 (£2,175) yoo ta'u kontiraanni isaanii baatii jahaafidha.
Gaafa Kamisaa, paarlaamaa Raashiyaa keessatti dura taa'aan koree raayyaa ittisaa, Pirigoozhiniin guyyaan dhumaa gareen Waagnar ministeera raayyaa ittisaa jala itti seenu kan irratti mari'atamu miti jechuun akeekkachisee akka ture dubbatan.
''Ministeerri ittisaa ammoo gareewwan hundi waliigaltee mallatteessuu qabaatu. Pirigoozhiin alattis hundisaaniis har'a eegalaniiru jedhee ture,'' jedhan Andireeyi Kaartapoloy gochaa hoggantichichaa akka biyya haaluutti kaasuudhaan.
"Waagnar akka oppireeshiniiwwan waraanaa addaa keessatti qooda hin fudhanne itti himameera'' jedhan waraana Yukireen keessatti gaggeeffamu ilaalchisuun wayita dubbataniittis.
Kana malees deeggarsi meeshaa ykn maallaqaa argatu kamuu hin jiraatu jechuun isaanilleen gabaafameera.
Barootaaf Waagnar waliin hidhata akka hin qabne waakkachaa kan turan Puutiin, Sambattan darban jijjiirama ejjannoo cimaa taasisaniiru.
Yevgenii Pirigoozhiin xiqqeessuudhaaf ammatti garichi %100 mootummaa Raashiyaatiin deeggaramaa ture jedhan.
Qabatamaadhaan egereen Waagnar ammatti ifaa miti.
Sambata darbe ammoo Putiin seera Ministeera Raayyaa Raashiyaa qofti manneen sirreessaa keessaa miseensa mindeessuu dandeessisu mallatteessaniiru.
Manneen sirreessaa duraan bakka gareen Waagnar humna namootaa baay'inaan keessaa argatuudha.
Haata'u malee, hojiin miseensa mindeessuu garichaa akkuma itti fufeetti jiraachuutu dhagahame.
Namni Volgogiraad keessatti, namni haasoofsiifame tokko har'a yoo mallatteesse ''boru isa bobbaasuun danda'a'' jechuun amma Belaaruus bakka buufataa akka jiru mirkanneesse.
Jalqaba torban kanaarratti hoogganaan Belaaruus gama isaatiin loltoonni Waagnar gara biyya isaanii yoo imalan akka simataman himamunsaa ni yaadatama.
Loltoonni Belaaruus isaan irraa waan baratan hedduu qabaachus himaniiru.