Jarman taankiiwwan 'qara haaduu' eegamaa turan Yukireeniif ergite

Jarman taankiiwwaan 'Li’oppaard 2' jedhaman yeroo jalqabaaf Yukireenitti ergamuu Ministirri Ittisaa biyyatii beeksise.

Taankiiwwaan ''qara haaduu'' jedhaman 18 Yukireenitti kan ergaman erga lammileen Yukireen akkatti taankichatti gargaaraman leenji'anii booda ture.

Ministirri Ittisaa Jarman Booris Pistoriyees, taankonni kun dirree waraanaarratti ''gumaacha murteessaa ta’e akka qaban nan amana'' jedhan.

Taankoonni ‘Chaalenjar 2’ jedhaman kanneen Ingiliziirraa ergaman Yukireen qaqqabaniiru.

Yukireen ji’oota muraasa darban meeshaaleen waraanaa ammayyaa weerartoota Raashiyaatiin loluuf isaan gargaaru akka kennamuuf waamicha dhiyeessaa turan.

Mootummaan Yukireen taankiwwaan ‘Li’ooppaard 2’ jedhaman biyyattii qaqqabuu ilaalchisuun amma yoonaatti yaada hin kennine.

Haa ta’u malee, taankonni Ingiliziirraa ergaman Yukireen seenuu mirkaneessan.

Taankonni Li’ooppaard 2 jedhaman baayyinnisaanii 2,000'tti dhiyaatu biyyoonni miseensota NATO oomishanii itti gargaaraman yoo ta’u, taankota ga’uumsa olaanaa qaban keessatti eeramu.

Biyyi Jarman taankota Li’ooppaard 2 jedhaman Yukireeniif dhiyeessuurraa duubatti harkifataa erga turtee booda ji'a Amajjii darbe biyyattiif dhiyeessuuf waliigalte.

Kana qofaa miti, biyyi biraas taankiwwan kana Yukireeniif dabarsanii akka hin kennine dhorkaa turte.

Akka seera Jarmanitti biyyii tokko taankiwwan kana gara biyya kaanitti erguuf Barliin eeyyamuu qabdi.

Ministirri Ittisaa Jarman Booris Pistoriyees akka jedhan ''taankonni kun akkaata waadaa seenneen yeroo jedhame keessatti michoota keenya Yukireeeniif kennameera,’’ jedhan.

Waraanni Jarman lammiilee Yukireen taankiwwan ammayyaa kanatti gargaaraman torbanoota hedduuf leenjisaniiru.

Taankonni Li’oppaard 2 jedhaman kun taankii dirree waraanaa Raashiyaa T-90 jedhamu waliin kan dorgomu yoo ta’u, taankota biyyoota Lixaa kanneen biroo caala salphaatti suphuun kan danda’amuu fi boba’aa kan qusatudha.

Jaarman taankota Li’oppaard 2 irratti dabalataan konkolaattota suphaa taankiwwaan kanaaf oolan lamaafi konkolaataa waraanaa 40 Yukireeniif ergiteetti.

Kun otoo haala kanaa jiru Dubbi-himtuun Ministeera Ittisaa Yukireen Iriyinaa Zolotar taankonni Ingilizii ‘’Chaalenjar 2 duranuu Yukireen qaqqabaniiru,’’ jedhan.