Halaala taa'anii Gaazaa ilaaluun baayyee nama dhukkubsa - Gaazexeessaa BBC

Gaazexeessaan BBC Rushdi Abualouf waggoota kurna hedduuf Gaazaa irraa gabaasaa ture, gaafa Sadaasa 20 garuu nageenyasaaf jecha biyyasaarraa ba’ee amma Tarkii, Istaanbul jira.
Gaazexeessaan kun sagantaa BBC Newshour jedhamurratti dhihaachuun, qe’eesaa gadhiisee baqachuun miira akkamii akka qabuu fi halaalarra taa’ee Gaazaa wayita daawwatu maaltu akka itti dhagahamu dubbateera.
Anis maatiin kiyyas achumatti dhalannee guddanne. Haala kanaan biyya koo gadhiisee ba’uun baayyee na gaddisiisa.
Wanti hundi yaadannoo natti fidu: qe’eekoo fi kan maatii kootii, ollaakoo fi aadaa naannoo, haalli jiru hundi ija koo dura deema.
Maatiin haadha manaakoo, abbaa, haati fi obboloonnishee, abbaankoo, obbolootikoo hundi ammallee Gaazaa keessa jiru.
An dhugumatti halaala taa’ee haala Gaazaa keessa jiru daawwachuun baayyee na dhukkubsa, maaliif yoo jette wayitan daangaa sana keessa turetti hojii hedduutti waan ko’oommadhuuf waan ta’aa ture haala Kanaan yeroo argadhee hin argu.
Amma yeroon keessaa ba’u waa hedduu yaaduuf yeroon argadha. Deebi’ee mana koo hin arge, lamuu ol seenee siree kiyyarra hin rafu, olla kiyya deebi’ee hin argu, waa’een qe’ee kiyyaa dhadhaa abidda buute taate.
Kana hunda yaaduun qalbii na cabsa, hamilee na buusa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Erga Istaanbul seennee boda manneen keenya akka barbadaa’na nutti himame, jechuun koo gamoo guutuu fi ollaa hundi.
Waahillan kiyya BBC Afaan Arabaa hojjetan gariin ammallee achi jiru. Biyyaa ba’uu koo dura galgala sana hundasaaniiyyuu argeen ture, akkan ba’us hin mirkaneeffannen ture.
Akkuma carraa tasa natti bilbilamee akkan ba’u natti himame.
Isaanis akka bakka waraanaa sanaa ba’anii nagaa argatan waan danda’u hunda akkan raawwadhu waadaa seeneefiin ture.
"Jabaadhaa, tokko ta’aa hojjedhaa, BBCn baayyee isiniin boona. BBCn nageenya keessan tiksuuf waan barbaachisu hunda ni raawwata,’’ jedheeniin ture.
Ergan Gaazaa keessaa ba’ee ganama ganama guyyuu inuman bilbilaaf. Yeroo hunda isaan waliinan jira, nan gorsa, bakka jiranitti rakkoo isaanii fi maatiisaanii mudatu akka furataniif nan gargaara.
Maatiin koo waraanichi eegalee akkuma xiqqoo tureen Gaazaa keessaa baafamuuf carraa argatan.
Onkoloolessa 7 wayita Hamaas haleellaa raawwatu hojiin koo jalqabaa waan mudate BBCtti himuu ture. Itti aansee haadha manaa kootti himuudha.
"Adaraa! Korojoo kee qopheeffadhu. Amma kana Gaazaa keessaa ba’uu qabda,’’ jedheen.
Namuu Israa’el haleellaa hamaan akka deebii kennitu eega, anis akkasin ture. Garuu guyyoota jalqabaa sana ulaan ittiin ba’an turaniiru.
Hamaas erga haleellaa raawwatee guyyoota muraasa itti aananiif ulaan Raafaa banaa ture.
Haati warraa kiyya garuu na dhiistee deemuu hin feene. "Gargar hin beenu, walumaa jiraanna," naan jette.
Guyyaa sadaffaarratti carraa kanayyuu dhabne - Ulaan Raafaa boombiin erga haleelamee booda ni cufame.

Wayita kana waa’een maatii, fira fagoo fi dhihoo, jaarrolee, haawwan, daa’imman, dubartootaa dhiphuu hamaa keessa na galche.
Waa’een hojii koo ammoo bitaa natti gale.
Gabaasuu qabda, garuu waa’een abbaa, haadha, haadha manaa, ijoollee, obbolaa fi fira kee sammuu keessaa si hin dhabamu, yeroo mara.
Waa’een mana jireenyaa kee si dhiphisa, adada boombiin dhuka’uun mana kee akka barbadeessetti yaadda.
Gaazaa keessa jiraachuun wayita ulfaatu, bakka itti baqannu dhabnee dhiphanne. Boodarra gara kibbaa deemnee yeroo muraasaaf achi turre.
Magaalaa Kaan Yuunis osoo jirruu manni keenya boombiidhaan barbadaa’uuf akka jiru nu akeekkachiisan.
Kanaafuu bakka deemnu wallaalus qe’eedhaa ba’uun dirqama ture.
An bakka hojii koo dhiheenya hospitaala Naasir jirutti dukkaana dhaabbadheen jiraachuu eegale, maatiin kiyyas as keessa na waliin torbee tokko jiraatan.
Manni kiyya Gaazaa jiru lafa kaaree 170 irra jira, amma garuu namni hundinuu kutaa tokko keessa walitti baayyannee jiraanna.
Amma akkuma ta’etti Gaazaa keessaa baaneerra, garuu guyyaa tokko inuman deebi’a jedheen abdadha.
Gaazaan bakka jireenyaaf filatamtuu taate, kann seenaa hedduu qabdu ta’uushee yogguu maran gaazexeessitootatti hima.
Garuu Gaazaa keessatti guyyaa tokkollee boqodhee hin beeku. Maatiin kiyya waggoota hedduuf dararamaniiru.
Akkuma daangaa ceeneen haala kamuu keessatti gara Gaazaa hin deebitu jedheen haadha manaa kootti hime.
An garuu gaazexeessaa waanan ta’eef carraan argadhe hundatti fayyadamee inuman deebi’a, seenaa kootu achi jira.
Seenaan koo seenaa uummata Gaazaa miiliyoona 2.3 waliin walqabata. Uummanni koo nama seenaasaa himu qabaachuu qaba.












