Ameerikaan nama hogganaa haleellaa al-Shabaab Naayiroobii bakka jiru itti hime doolaara mil. 10 badhaasuuf

Ameerikaan haleellaa waggoota sadiin dura Magaala guddoo Keeniyaa-Naayiroobiitti gamoo hoteelarratti raawwatame qindeesseera kan jetteen hogganaa Alshabaab bakka jiru kan natti himeef badhaasa doolaara miiliyoona 10 nan kenna jette.

Mootummaan Ameerikaa haleellaa shororkaa bara 2019 keessa dhaabbata Duusiiti jedhamu irratti raawwatamee durseera kan jedheen, Mohaammad Abdii Adan to’achuuf odeeffannoo nama kennuuf maallaqa akka badhaasu beeksiise.

Mohaammad Abdii Adan qaama seelii Alshabaab hoteela DuusiitiD2 (DusitD2) jedhamu rratti rawwatachuun du’a namoota 22’f madda ta’e kan qindeessedha jedhameera.

Gareen hidhattoota Somaaliyaa fi Al qaa’idaa waliin hidhata akka qabu kan himamu Alshabaab, yeroo sanatti haleellichaa raawwachuuf itti gaafatamummaa fudhatee ture.

Ameerikaan akka jettuutti, haleellaa kanaan haala walqabateen Adan shakkamtoota miseensa garichaa kan biraa waliin barbaadamaa jira.

Miseensa garee shororkeessaa barbaadamaa jiru kanaa bakka jiruu nama himeef badhaasni maalaqaa Ameerikaan dhiyaate kunis aanga’oota Keeniyaatiin deeggarsa guutuu argateera.

Namoonni haleellaa shororkeessummaa kanaan walqabatee gahee adda adaa qabaachuun shakkaman hedduunis to’atamuun dhimmisaanii mana murtiitti dhiyaateera.

Haata’u malee hanga ammaattis shakkamtoota keessaa haleellaa raawwatameef murteen kan irratti dabarfame omtu hin jiru.

Ameerikaanis hordoffii hogganaa Al shabaan irratti taasiftu kan cimsite yoo ta’u, jalqaba torban kanaarrattis, Keeniyaatti hoggannaa damee Alshabaan kan ta’e Ma’aliim Ayimaani qabuuf odeeffannoo kamuu nama kennuuf badhaasa doolaara miiliyoona 10 kennuuf waadaa galte turte.

Ma’aliim dhiheenya daangaa Keeniyaan Somaaliyaan itti wal daangeessitutti kan argamu buufata waraanaa keessatti haleellaa miseensoota raayyaaa Ameerikaa fi Keeniyaa irratti raawwatame keessa harka qaba jechuun Ameerikaan barbaadaa kan jirtu.

Duula farra shororkeessummaa Ameerikaan gaggeessaa jirtun Keeniyaan biyya deeggartuu shee naannichaati.

Gareen Alshabaab, sababii loltoota ishee karaa humna Gamataa Afriikaatiin Somaaliyaa keessatti bobbaaftef jecha Keeniyaa irratti kiyyeeffachu irra dedebiin ibsaa ture.

Keeniyaan Somaaliyaatti aansee biyya haleellaa cimaan garee kanaan irratti raawwatame yoo taatu, magaalaa guddoo Naayiroobii dabalatee, kutaalee biyyattii kaan keessatti haleellaa shrorkeessaa du’a namoota hedduuf sababa ta’e garichaan raawwatameera.

Yeroo ammaatti mootummaan Somaaliyaa Alshabaab irratti duula olaanaa gaggeessaa jiruun magaaloota to’annoo jala turan gadhiisuun baqataa jiru.

Kanaafis Ameerikaan mootummaa jidduugala Somaaliyaatiif deeggarsa loltummaa doolaara miliyoonota baasan kan kennite yoo ta’u, akkasumas haleellaa diroonii Somaaliyaa keessatti raawwattuun dureewwaniifi miseensota garichaa irraan miidhaa qaqabsiisaa turte.

Amma ammo, nama ragaa hoggantoota garichaafi haleellawwan shororkeessummaa adda addaa dursan akkasumas miseensoota barbaadaman to’achuuf dandeessisu kenneef badhaasa doolaara miiliyoonaan lakkaa’amu kennuuf waadaa galte.