Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hogganaan garee maafiyaa Xaaliyaanii waggoota 30’f barbaadamaa ture kilinika keessatti to’atame
Hogganaan garee maafiyaa Xaaliyaanii waggoota soddomaaf poolisiin barbaadamaa ture, Maateewo Maasiinii Diinaaroo, Sisiilii keessatti poolisiin to’annaa jala oolfame.
Hogganaan garee maafiyaa Koosaa Nositiraa baay’ee sodatamuu ta’uunsaa amaname kun kan poolisiin to’atame, Xaaliiyaaniitti magaala mummee Bulchiinsa Sisiiliitti kan argamu kilinikii dhunfaa tokko keessatti ta’un gabaafameera.
Miidiyaalee Xaaliyaanii akka gabaasaniitti, namni waggoota soddomaaf barbaadamaa ture kun osoo kilinikicha keessatti walaansi taasifamaaf jiru, poolisiin qabamun iccitiin gara biraatti geeffameera.
Maateewoo Maasiinii Diinaaroo kana dura yakkawwan ajeechaa hedduu waliin wal qabatee bakka hin jirretti himannaan irratti banamuun hidhaan umurii guutuu irratti murtaa’ee ture.
Yakkawwan namni barootaaf barbaadamaa turu kun ittiin himatame keessaa tokko bara 1992 keessa, abbootii alangaa farra maafiyaa turan, Jiiyovaanii Faalkoonee fi Paawuloo Booreseeliinoo ajjeesuun keessatti argama.
Kana malees bara 1993 keessa haleellaawwan boombii Miilaan, Filooriidaa fi Room keessatti lubbuu namootaa dabarsan fi uggura, dararaa fi ajjeechaa mucaa wagga 11 kan abbaansaa garee maafiyaa keessaa didee bahe irratti taawwatame keessatti argamau.
Shakkamaan kunis karaa garee maafiyaa Kosaa Nostiraatiin dadabarsuu maallaqaa seeraan alaa raawwachuufi dadabarsa qoricha sammuu adochoo ta’an dabalatee, yakkawwan ciccimoo hedduu olaantummaan hogganuun raawwachiseera jedhamun amanama.
Maateewoo Maasiinii Diinaaroo bara 1993 irraa eegalee pooliisii jalaa dhokataa kan ture yoo ta’u, bakka hin beekamne taa’uun ajaja kennuun hanga ammaattuu hordoftoota isaa dursaa akka jirutti amanama.
To’atamu nama kanaa hordofes, Ministirri Mummee Xaaliyaanii Jiiyorijiiyaa Meeloonii, raayyaan ittisa biyyaa ‘‘miseensi mummee garee yakkamtoota maafiyaa’’ kana to’annoo jaal oolchu isaanitti galateeffataniiru.
‘‘Kunis biyyattiif injifannoo olaanaadha’’ jedhan.