Buqqaatonni Wallagga Lixaafi Kamaashii rakkoo hamaa keessa jiraachuu himatan

Madda suuraa, getty Images
Buqqaatonni Godina Kaamaashii irraa marsaa lama buqqaafamanii fi kanneen aanaalee Godina Wallagga Lixaa adda addaa keessaa buqqa’an gargaarsa dhabuu BBC'tti himan.
Yaaddoo nageenyaa qabaniif jecha maqaansaanii akka ibsamu kan hin barbaanneefi yeroo ammaa maatii isaanii waliin Magaala Mandii kan jiraatan namni BBC’n dubbise marsaa lama Godina Kaamaashii irraa buqqa’uu himu.
“Qaammee bara 2010 ture Godina Kaamaashii aanaa Sedaanitti haleellaan kan nurratti jalqabe. Seensa bara 2011 rakkoo kana jalaa baqannee Magaala Mandiitti godaannee as qubanne. Ani Maatii kiyya nama shan qabadheen baqadhe,” jedhan.
Yeroo sanatti gama mootummaatiin gargaarsi abbaa warraa tokkoof ji’atti qamadii kiiloo graama 15 kennamaa akka ture kan himan abbaan warraa kun, bara 2012 haalli nageenyaa fooyya’eera jechuun gara qe’ee irraa buqqa’aniitti deebifamuu himu.
“Bara 2012 hunda keenya qe’ee irraa buqqaanetti nu deebisan. Yeroos qabeenyi keenya hundi saamameera. Lafuma qullaatti deebine. Waggaa tokko akkuma ta’etti erga achi jiraanneen booda ammas marsaa 2ffaa haleellaan nurratti baname,'' jedhan.
Sababa kanaanis maatii isaanii waliin marsaa lammaffaadhaaf qe’ee isaanii irraa godaanuun hanga yeroo ammaatti Godina Wallagga Lixaa Magaala Mandii qubatanii jiru.
Haatii maatii isaanii nama torba waliin aanuma Sedaan sanarraa marsaa lama akka buqqaa’an himanii, yeroo ammaa Mandiitti ‘barandaa namaan jiraadha’ jedhanis qabeenyi waggaa 27 Kaamaashiitti horatan saamamee amma harka duwwaa ta’anii gargaarsa dhabuu himu.
“Ani Sedaanitti mana nyaataan qaba ture. Waggaa 27;f qabeenyan hore homaa qabadhee keessaa hin baane. Amma Mandiitti barandaa namaattin hirkadhee jiraadha. Uffata namaan mica. Qocqocaa namaan daaka. Tanaanin maatii jiraachisa. Gargaarsi homaa nun qaqabu,” jechun haalaa rakkiisaa keessa jiraachu dubbatu.
Waldhibdee waggootaan dura Godina Kaamaashiitti mudate kanaan lubbuun namoota hedduu darbee turuu kan kaasan namoonni kunneen, namoota achii buqqa’an keessaa abbootii warraa 2,500 kan tahan Magaala mandii qubatanii jiraachuu himu.
Namoonni haleellaa sanaan qe’ee irraa buqqaafaman kaan ammoo Baambaasii fi Asoosaa akka qubatanii jiran himu.
'Abdii hin qabnu'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoonni Godina Kaamaashii fi rakkoo nageenyaa aanaalee Godina Wallagga Lixaatii buqqa’an kaanis yeroo ammaa Magaalotatti kaan mana kireeffachuun kaan ammoo gargaarsa namootaatti maxxananii erga jiraachuu jalqabanii waggoonni lakkaa’amaniiru.
Gargaarsi qamadii karaa mootummaatiin nuuf dhihaachaa ture erga adda cite ji’oonni lakkaa’amaniiru kan jedhan buqqaatonni kunneen, gargaarsi adda cite akka dhihaatuufis gaafataa jiru.
“Amma jireenyi keenya duubattis fuuldurattis abdiin hin qabu. Yookan asiitii gargaarsa jalaa akki itti baanu hin jiru. Yookan akka deebinu hin godhamne. Amma Mandii keessatti ani hojii gaafan argadhe waa hojjedheen haati warraakoo qoraan gurgurtee of jiraachisaa jirra,” kan jedhan ammoo kanneen buqaafaman keessaa tokko.
Erga gargaarsa qamadii argadhee gara waggaa tokkoo ta’eera kan jedhan abbaan warraa kun, rakkoo keenya qaamni hubatee deebii nuuf kennu hin argamne jechuun dubbatu.
Akka Ragaan waajjira Buusaa Gonofaa Godina Wallagga Lixaa irraa arganne ibsutti, namoonni Godina kaamaashii fi sababa rakkoo nageenyaan aanaalee godina Wallagga Lixaatti qe’ee isaaniirraa buqqa’anii gargaarsa barbaadan lakkoofsaan kuma 100 caalu.
Itti Gaafatamtuun Waajjirichaa Aadde Netsaanat Alamaayyoo BBC’tti akka himanitti, sababa rakkoo nageenyaatiin namoonni qe’ee isaaniirraa buqqa’an aanaalee akka Mandii, Lataa sibuu, Qondaalaa, Qilxu Kaarraa, Naajjoo fi Gimbii qubatanii jiru.
“Beenishaangul Godina Kaamaashii irraa buqqa’anii Godina keenya kan qubatan gara maatii kuma 50’ti. Waliigala aanaalee godina keenyaa rakkoo naageenyaa qabanirraa kan buqqa’anii amma gargaarsa barbaadan waliigala maatii kuma 100,036 ts'u,” jedhan.
Buqqaatonni kunneen magaalota eeraman keessatti bakkuma adda addaa qubatanii argamu malee bakka tokkotti bakki kaampii buqqaatonni keessa qubatanii jiran akka hin jirres himan.
Hanqina gargaarsaa buqqaatonni komatan kan ilaaleenis, adda ciccituun midhaan gargaarsaa jiraachuun dhugaa ta’uu himan.
“Adda ciccituun midhaan gargaarsaa ni jira dhugaadha. Kun hanqina dhiheessiitiin qofa osoo hin taane rakkoo nageenyaa geejjibsiisuu irratti jiruunis walqabata. Konkolaachistoonni rakkoo nageenyaa sodaatanii gara kana demuu irratti rakkootu jira,” jedhan.
Ta’us adda ciccitiinsa darbee darbee mudatuun alatti hamma danda’ame karaa dhaabilee miti mootummaa fi dhaabbilee gargaarsaatiin namoota kana gargaaruuf tumsi jiraachuu eeran.
“Hamma danda’ame istaandardii dhaabbata nyaata addunyaa kaa’een nama tokkoof kiloo giraama 15 dhiheessuuf yaalamaa jira. Garuu sababoota amma eereen alatti kanneen dursanii dhufan fedhii gargaarsa jala turuutu jira. Rakkoo geejjibsiisuu irratti jirus furuuf yaalamaa jira,” jedhan.
Hammi gargaarsaa buqqaatota qaqqabu namoota dadhaboo humna hin qabnee fi miidhaa qaamaa qabaniif dursi kennamee dhihaataa jiraachuus eeran Aadde Netsaanat.
Buqqaatonni garuu dhiheessii amma jiruun rakkoo hammaataa keessa waan jirruuf falli fooyyee qabu akka dhihaatuuf gaafachuutti jiru.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa buqqatota biyya keessa jiraniif xiyyeeffannoo gahaan akka hin kennamne himuun bakka buutotaa fi qaamolee isaan ilaallatu kaan waliin mari'achuu ibseera.
Komishinichi mirga buqqatonni biyyattii keessatti qaban akka eegamuuf dabalatee sababa buqqaatiidhaan miidhaa xiinsammuu isaan irra gaheefis tajaajilli gorsaa gahaan akka hin kennamne ibseera.
Qabinsi mirga buqqatotaas dhimma ijoo marii isaanii ture.
Itoophiyaa biyya waraanaa fi walitti bu'insi dhiyeenya itti hammaate keessatti namootni kuma dhibbaan lakkaa'aman qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.
Akka gabaasa UN'tti Itoophiyaa keessaa namootni sababa waraanaa fi goginsaan miidhaman dabalatee waliigala miliyoona 20 kan tahan deeggarsa namoomaa barbaadu.












