‘MM Abiy mana hidhaatii na baase jedhee hidhamaa isaa ta’ee itti hin fufu’

Andaargaachoo Tsiggee

Madda suuraa, Getty

Obbo Andaargaachaw Tsiggee nama waggoota gara shantamaa ta'uuf siyaasa Itoophiyaa keessatti maqaansaanii ka'aa tureedha. Hirmaannaan siyaasaa isaanis bara Ihaappaa, TPLF fi Ginbot Sabaatti keessatti hanga qabsoo hidhannoo kan gahuudha.

Ministira Mummee Abiyi waliin walitti dhufeenya dhihoo kan qabaataa turan Obbo Andaargaachaw Tsiggee, hooggansa MMtti abdii kutachuun biyyaa bahuu dubbatu.

BBC’nis isaaniifi kaayyoo saanii gara fuulduraarratti haasoofsiiseera dubbifadhaa.

BBC: Biyyaa baqattanii jirtu jedhamaa jira, kana naaf mirkaneessuu dandeessuu?

Obbo Andaargaachaw: Baqachuu miti biyyaa baheeraan jedhe. Ani hojii mootummaa keessa ykn duree waraanaa ykn ministeera mootummaa miti. Jiraachaa kanan ture dhuunfaadhaan, kanaafuu biyya gadhisee baheera, kun ammoo sirriidha.

BBC: Yoom biyyaa baatan?

Obbo Andaargaachaw: Kanan biyyaa bahe Jimaataa Hagayya 11, 2023.

BBC: Wayita biyyaa baataniitti rakkoon isin mudate jiraa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Andaargaachaw: Rakkoon homaatu na hin mudanne. Namni paaspoortii irratti viiza bahumsaa guutu qofti ‘osoo hin araarsiin eessa deemtu’ jedhee takka na ilaalee ture. Garuu ammoo chaappaa itti rukutee naaf kenne.

BBC: Sababii maaltu murtee kanarraan isin gahe? Hordooffiin isiniirratti taasifamaa ture jiraa ykn waan shakkiitan qabduu?

Obbo Andaargaachaw: Obboleessoo ati gaazexessaadha mitii? Finfinnee keessatti namoonni jumlaan hidhamaa akka jiran beekta immoo akka aanga’oota mootummaatin namoota 23 qofatuu hidhame kan jedhu amantaa?

BBC: Har’a Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa waliin dubbadhee hidhaan jumlaa hedduun akka jiru hubadheera. Garuu kan isin ilaallatu qofa gaafachuufan.

Obbo Andaargaachaw: Kanaafuu naannoo Amaaraatti magaala Finoota Salaam irratti biiroo IZEMA, bakka holeetti magaalichaa guddaan jiru dirooniin rukutanii namoota nagaa 20-30 ta’an akka ajjeessan, akka madeessan hin dhaggeenye? Kanan sitti himaa jiru waa’ee isaati.

Mootummaan badiifi gochaa akkasi raawwatu, kanneen homaa hin raawwannee irratti kan tarkaanfii akkasii fudhatu, nama badiifi gochaa cimsee balaaleeffatu kan calliisee ni ilala jeetee yaaddaa?

BBC: Ati keessattuu naannoo jalqabaarratti walitti dhiheenya mootummaa kana waliin qabdu bu’uura godhachuun, yoo sirra qaqabuutti dhimmichi bifa biraa qabaachu ni danda’a jechuudhaa?

Obbo Andaargaachaw: Homtuu hin jiru. Ani nama siyaasaa muuxannoo bara dheeraa qabuudha. Mootummaan tokkoo eessaa ka’ee garamiitti akka adeemu, tibba akkamiitti tarkaanfii attam akka fudhatu, qaamoolee akkamii akka sodaatu sirriittan beeka.

Ani mootummaan kun erga caasseeffamee kaasee walitti dhufeenya gaariin qaba ture. Haata’u malee, adeemsa keessa walitti hufeenyi keenya badaa deemee sadarkaa ergaa dabarsuun hin danda’amne, ergaan erguuf cimaa ta’usaarraa kan ka'e oodanii cufatanii haala itti taa’aniidha kan amma jiru.

Kanaafuu, yeroo dheeraaf jechuunis baatiiwwan sagal ykn kudhanii as namoota kanneen waliin walitti dhufeenya homaatuu hin qabu. Barreeffamoonnin barreessuuf baayyee akka isaan aarsuu sirriittan beeka. Namoonni naannoosaanii jiran natti himu. Isarra darbees namoonni naannoosaanii jiran ‘maaliif callisanii ilaaluun?’ maaf tarkaankiin irratti hin fudhatamne yaada jedhu sadarkaa dhiyyeessuurra akka qaqqaban nan beeka.

Haala akkasiitiin biyya keessa yoon taa’ee badii biyya keessatti raawwatamu saaxiluu, dubbachuun hin danda’amu. Kanaafuu, haala madaaleen kanan biyyaa bahe. Kana uummanni beekuu qaba, odeeffannoowwan ragaan deeggaraman baayyee waanan qabuuf, isaan kana baasuuf biyya keessa taa’ee hin danda’u. Kanaafan bahe.

BBC: Ministira Mummee waliin yeroo dhumaatiif qaaman kan wal agaratan yoomi? Yeroo wal agartanitti haasan isin naasiise jiraa?

Obbo Andaargaachaw: Qaaman kanan isaan arge wagga tokko, tarii gara baatiiwwan 10 ta’uu danda’a. Isaan booda qaamaan wal agarree hin beeknu. Garuu yeroo qaamaan wal argaa turreettis ta’ee osoo qaaman wal hin argin ani amala Abiyyi beekun qaba. MM bira dhaqee muuziiqaa gurrasaatti tolu miti dubbadhee kanan deebii’u.

Tarii kan odeeffannoo hin qaqabne yoo jiraate jechuun hanna aanga’ootaa, ukkaamsaafi ajjeechaa bakka bakkatti raawwatamu, malaammaltummaa waajjiraalee keessatti raawwatamu fi kaan ragaan deeggareen dubbadha.

Yeroo hunda addemsa balaafamaa sirnichaa dubbataan jira. Walitti dhufeenyikoo callisanii wal arganii harka wal fudhanii sanaafi sani haasa’anii kan bahan miti. Kan warra kaanii hin beeku, MM biyya tokkoo yeroo qabu keessaa anaaf yeroo gahaa akka naaf kennen amana.

Haata’u malee haasawwan yeroo sanatti mari’anne keessaa tokkollee yoo itti fayyadamu hin agarre. Walitti dhufeenya qabnurraa ka’ee badiiwwan yeroo garaa garaatti raawwatamaniif sababiiwwan adda addaatu kennama.

Baatiiwwan jalqabaarratti sababiiwwan kanneen amanaa adeemta, booda garuu itti fufee sababoonni kunneen gahaa akka hin taane fi fedhii homaatuu akka hin qabne ykn gahuumsa akka hin qabne ykn beekumsa akka hin qabne amma kana sababa godhachu hin barbaadu. Waan akkasii keessa maaliif akka galan ibsuun hojii isaaniti.

Ani garuu kanan arge ofiisaa sirreessuu kan hin dandeenye, uummatarraan miidhaa diinagdeefi namoomaa olaanaa qaqabsiisaa kan jiru, kan sabummaa haala olaanaadhaan cimsu, dabaa kan ta’e, mootummaa hojii kaayyoonsaa maal akka ta’e hojjataa jiru hin beekne ta’een arge. Kanas ifatti sadarkaa ibsaatiin, barreeffamaanis irra deddebbiin MM’f ergeefiira. Kanaafuu, ejjannoo akkamii akkan qabu ni beeka.

BBC: Kana miidiyaa hawaasaarratti yoo qooddu nan arga. Namoonni baayyenis yaadasa isaanii ni ibsu. Si adda kan si taasisu namoota siyaasaa muraasa hanga tokko kiiloo 4 seenuu danda’an keessa ta’uudha. Haasaa keessan keessa, ‘haalli akkasii?’ jechuun naasuu keessa galchuu kan danda’u mallattoon MM irraa agarte jiraa?

Obbo Andaargaachaw: Arguu hin qabu. Biyyattii keessatti sadarkaa kanaan namni yoo ukkaamfamu, daandiirraa butamee yoo reebamu, bu’aafi aangoo saaniitti yoo buute eenyuufuu kan hin deebiine ta’uu falfaltuu ykn saayintisitii rookkeettii ta’u hin qabaattu.

Waan tokko natti himi yoo jette, ergaa koo dhumaatiin hojiiwwan naannoo Amaaraatti raawwataman ilaalchisee Ministira Mummeetiif ergaa ergeera.

Waliigaltee nagaatiin booda naannoo Tigraay irraa lammiileen Ertiraa waliigaltee nagaa hin fudhanneefi naannoo Amaaraa mootummaa jiddu galaa waliin taanee ni waraanna jechuun mariin irra deddebbii koree jiddu galaa saanii waliin taasisuun odeeffannoon kunis ana bira gahe.

Anis akkuma barame odeeffannoo kana isaaf dabarseera.

Kanaafuu, yoo rakkoon naannoo Amaaraa ka’u, ‘tarkaanfiin Amaaraa balleessuu namoonni sun jechaa turan eegalemee?’ jedheen ture kanan ergaa ergeef. Kana dubbataa as hin teessu. Hanga ammaatti kana danda’ee dabarseera. Kanaan booda garuu garamiitti adeemuu akka malu tilmaamuun yeroodhaan bahuun hin badu.

BBC: Yeroo ergaa kana ergitaniifitti deebii akkamii argattan?

Obbo Andaargaachaw: Deebiin homaatu hin jiru. Siriiyyuu oduun dhumaa kan dhufe kanaan booda ture. Ergaa akkasii wal harkaa fudhuunis kan dhaabbate isaan booda.

BBC: Yoo maqaan keessan ka’u keessattuu Pirezidanti Isaayaas Afawarqii MM Abiy waliin walitti dhiyeessuun, walitti fiduuf gahee olaanaa taphataniiru kanneen jedhaman keessaa tokkoodha. Amma biyyaa bahuu keessaniin walitti dhufeenya hooggantoota lamaan jidduu qilleensi muraasni akka gale namoonni tilmaaman jiru. Isin maal jettu?

Obbo Andaargaachaw: Qilleensi jidduusaanii seenuu ykn dhiisuun hin beeku. Akka ati jettes ani isa duraa miti. Walitti dhufeenya nagaafi araarri ittiin umamee keessatti namni gahee taphate ana qofaadha. Waa’ee walitti dhufeenya amma qabanii irratti odeeffannoo hin qabu. Haata’u malee, waa’ee amma ta’aa jiruurratti namni hundi tilmaamuu kan danda’u natti fakkaata.

Walitti dhufeenya baayyee hin agartu. Yeroo darbe Masirii irratti erga wal arganiin booda Pirezidanti Isaayaas ni dhufa jedhamee ture garuu hin dhufne. Maaliif ni dhufa jedhanii waan akkasii akka baasan mataasaa hin beeku. Haala kana caalaa keessa galaniiru yoo ta’es gara fuulduraatti kan agarru ta’a.

BBC: Dhimmi kana caalu ni mudata jettanii tilmaamtuu?

Obbo Andaargaachaw: Mootummaan kun waan hojjatu hunda yoo ilaalte, gama dippilomaasitiiniss hojjataa kan jiru waliigalatti kan harca’aniifi kan sirriitti itti hin yaadamanin ta’uu yoo agartu, homaayyuu hojjachuuf, badii kamuu raawwachuuf kan dhibu, kan hin dandeenyeedha amantaa jedhu hin qabu. Kanaafu maaltu beekama.

BBC: Waliigaltee Piritooriyaa kan waraana waggaa lamaa dhaabetti gammadoodhaa?

Obbo Andaargaachaw: Kanaan dura mariin miidiyaa tokko waliin taasiseen, waraana kana dhaabsiisuuf kan dandeessisu yoo ta’e, keessattuu hooggantoonni lubbuusaanii fi qabeenyaa saaniif kan dhiphatan yoo ta’e, mootummaan daandii ittiin biyyaa bahan haa mijjeessuuf jedheen ture. Yoon dhiphadhu jechuudha.

Isaan booda gara waliiigaltee nagaa yoo dhufan baayyeen gammade. Keessattuu haalli waliigaltee nagichaa ittiin gudunfame baayyee gaarii ture. Waan ofii tullummaan kaka’uun raawwataniif kan madaalu ture. Meeshaalee waraanaa cicimoofi xixiqqaalleen akka hiikkan jedhe waliigaltichi. Waliigalteen sunis waliigaltee bojji’amtootaa jechuun ni danda’ama.

Isaanis harka keennattan jedhamuun himatamaniiru. Haata’u malee, erga waliigalteen sun xumurameen booda Keeniyaarratti Abiy, Reediwaaniifi Birhaanuu Julaa erguun, namoota hirmaattoota waliigaltee Piritoriyaa turan kaan adda baasuun isaan waliin maal akka mari’atan hanga har’aatti odeeffannoon hin jiru. Dhimma waligahii sanarratti dubbataniidhaa akka meeshaasaanii hiikkattan kan isaan taasise? Kanarra odeeffannoo bal’aan qaba. Amma achi keessa hin seenu.

BBC: Waahila keessan duraanii kan turan Piroofeesar Biraanu Naggaa amma mootummaa waliin waliitti dhiheenyaan hojjataa jiru. Miseensa kaabineetis. Isaan booda lamaan keessan wal argaa turtanii? Ammatti Pirofessar Biraanuun waliitti dhuheenya mootummaa waliin qabaniifi waliin hojjachuu isaaniitti komiin isinitti uumamee jiraa?

Obbo Andaargaachaw: Maaliifan komii qabaadha. Ejjannoo koo ifaa ta’e sitti himeera. Yeroo waraanni sun turetti fuldura argee dhaabbanni kee IZEMA’n, dhaabbileen kaan kan akka ABIN fa’i yeroo sanatti biyya ooluuchuuf jecha mootummaa maddii hiriruun hojjachuu keessaniitti, qabsaa’uufi kaan raawwachuun keessan sirriifi barbaachisaa ture.

Erga sun xumurameen booda, biyyattii keessatti waliigalatti diinagdeerraa kaasee hanga hawaasummaatti akkasumas haalawwan nageenyaan wal qabataniin yeroo kufanitti mootummaa kana waliitti maxxanuun hojii dorgomtootaa hojjachuu dhiisuun keessan mataansaa yakka of danda’eedha. Namoonni paartii keessaniin hundi dhimma kana cimsanii mormaa jiru. Maaliif itti maxxantanii asii hojjattuu? Kanaan booda hojjachuu kan qabdan hojii dorgomtootaa sirriidha jedhee sirnaan itti himeera.

BBC: Pirofeessar Biraanuu mataasaatti dubbattanii beektuu?

Obbo Andaargaachaw: Itti dubbadhee beeka. Gareewwan adda addaa sadi miseensa paartii isaa ta’aniin ergamee dubbiseera. Deebiin naaf kennes baayyee ifaafi salphaa ture. Kan garas seenne adeemsa paartitiini. Miseensoonni dhimma kana yoo barbaadan waligahii fi adeemsa akkasii fiduun murtee achi ittiin seenne murteessisuu ni danda’u kan jedhu malee, eeyyeen! Haalli kun sadarkaa yaaddeessaa irra gaheera attamiin kana keessaa baana ejjannoo jedhu akka hin qabneen arge.

Fedhii achuumaan itti fufuu qaba. Maaliif achumaan itti fufa kan jedhuuf isaaf sababii hin kennuuf. Garuu ammoo kan sirrii hin taaneefi badii, miidhaa, hanna fi saamicha bara TPLF agarree caalaa bara kana raawwatamaa, TPLF mormiinee mootummaa Badhaadhinaa sababiin hin mormiineef homtuu jiraachuu akka hin dandeenye beeka. Sababii biraa innis ta’e ummanni deebiisu danda’u. Fedhii dhunfaa isaa akkanaa fi akkasi jechuu hin danda’u.

BBC: Pirofeessar Biraanuun isin akka biyyaa baatan ni beeka turee?

Obbo Andaargaachaw: Hin beeku.

BBC: Waahila waliitti dhihoo fi hiriyaa qabooti jedheetan.

Obbo Andaargaachaw: Waliin hin dubbane. Ittiis hin himu. Sababiinsaas walitti dhufeenya mootummaa waliin qabuun sababiin homaa itti himu hin qabu. Sababiinsaa haalli itti baayyee dhagahamaa (sensitive) ta’e umamaa dhufuu ofiikoon wantin tilmaame jira.

Akka tasaatti waan badii osoo hin yaadiin illeen namootaan ‘inni akkas ta’e, bahuufiidha‘ yoo jedhee waan dhufuu danda’u waanan beekuufan osoon namootatti hin dubbatiin bahe.

BBC: Itti fufee maal raawwachuf yaaddan? Gara gammoojjii Eriraatti deebiituu?

Obbo Andaargaachaw: Qabsoon bifa baayyee qaba. Namoonni qabsaa’an biyya keessa jiru. Kanneen haala malee badiin irratti raawwatamaa dhumaa jiran, kan dhiibamaa jiran, lafarratti kan qabsaa’aa jiran jiru. Qabso namoota kanneenii deeggaruu ni danda’ama karaa hedduudhaan. Muxannoo qabna. Muxannoo karaa hedduun ijaaruu qabna. Muuxannoo quunnamtii ummataa, kan dippilomaasiis qabna.

Gama loltummaanis yoo ta’e yaada rimee, naamuusaa kaasee waan waraanni tokkoo qabaachuu qabaatu maal ta’u akka qabu nan beeka. Kanaafuu haala murtaa’een ta’ulleen humni namaa nu waliin hidhata qabaniifi hanga ammaattis nu waliin dhaabbatanii deeggarsa taasisuu danda’an kan biyya alaatti argaman baayyeen jiru. Isaan kunneen akka deeggaran gochuu ni dandeenya. Gochuu kan hin dandeenye miidhaa kana calliisanii bira darbuu qofaadha.

BBC: Deebii keessan irraa akkan hubadheetti qabsoon hidhannoo jiraachuu akka danda’uudha.

Obbo Andaargaachaw: Ani hin jenne. Kanneen qabsoo hidhannoo lolaa jiran jiru. Qabsoon hidhannoo icciitii miti waan achuma lafarratti lolaa jiraniifuu. Dhagahaa jirta. Namoota meeshaa hin qabaneedha kan magaaloota naannoo Amaaraa sana hunda torban lamatti to’atanii kan jiran.

Calliiftee na hawwaa yoo oolte, humnootiin kunnneen tasuma hin badan. Namoota nagaa dirooniidhaan reebdee fi nama qawwee qabate meeshaa qabatee gara keetti fiiga jechuu miti. Kun ammoo odeeffannoon qabuun qabsoo Faannoo muraasaa qofa miti. Kan milishoota muraasaa qofaas miti. Kun qabsoo ummataati.

Holoola barbaade miidiyaa qabateen haala danda’een akkasiin tamsaasaa jiraatulleen, odeeffannoon dhugaa qabatamaan lafa jiru agarsiisan baayyeen jiru. Kanaafuu humni kun bilisummaa, mirga, jireenyasaatiif keessattuu naannoon Amaaraa qabsoon jiraachuuf taasisuu ni deeggarra.

BBC: Wantoota hedduun jedhamaa jiru. Gama tokkoon saba seenaadhaan dhiibameera jedhee amanu humna cimaa taasisuun baasuudhaaf ergami jira jedhanii kan yaadan jiru. Gama biraatiin ammoo Ministirri Mummeen abdii biyyaa guddoo taasisuu qabu, haata’u malee, milkaa’uuf dadhaban malee kan jedhan jiru. Isin bulchiinsa kana waliin walitti dhuheenya waan qabaachaa turtaniif mallattoolee baayyee agartanii jirtu ta’a. Maaltuu ta’aa jira?

Obbo Andaargaachaw: Kanaan dura jiraachaa kanan ture sababiiwwan gochaawwan garaa garaa, badiiwwan raawwataniif ykn yeroo tokko tokko ammoo gochaawwan gaarii raawwataniifan sababii kennaa jiraachaa ture. Amma garuu Itoophiyaa keessatti ta’aa kan jiruu hundi saamichaa kaasee hanga ajjeechaa, buqqaasuu, waraana namoota nagaarratti labsuu hordoofee dhimma dhufeerratti ani maaliif kana hojjatuu? Dogongora, dadhabiidhaan, hanqina dandeeettittiin sababiiwwna jedhan kennuufii yeroo na barbaachisuu qaxxamuuree deemeera.

Kanaafuu, isaan rakkoon kun nu mudateera jedhanii bahanii ibsa haa kennan. Ani garuu gochaan saanii dhaabbachuu qaba, uummanni dhaabsiisuu qabaata eejjannoo jedhu qabadheera. Kanarratti yeroo balleessuun sirriiyyuu humni namoota kanneen mormu sirriidha jedhee hin amanu. Kun rakkoon mudateeti, kunwaan hin guunneefiidha jechaa rakkolee yeroo garaa garaatti mudataniif yeroo gahaa kenniineefiirra. Haata’u malee, waaggaa shan keessatti dhimmoonni kunneen jalqabarratti dhugaa ta’uu malu. Yeroo murtaa’een booda garuu dhimmoota kanneen fakkeessuun, waliin dhahuu ta’een arge.

Kanaafuu ana na hin galchu. Namtichi sabboonaa Itoophiyaati immoo sabboonaa Oromooti kan jedhu kanaan booda dhimma koo miti. Kanan beeku akka hattuu hammatee biyya saamisiisu, namoota nagaa dirooniin kan reebsiisu akka ta’e, kan yeroo TPLF ture caalaa waajjiraaleewwan keesatti osoo hojjataan sadarkaa gadaanaa hin hafne mattayyaan alatti hojii homaatuu akka hin raawwaanneef haala kan mijeesse, fi biyyattiin dameewwan adda addaatiin haala rakkisaa ta’e keessa kan itti galteedha kan amma jiru.

Hojiiwwan bu’uuraa ta’an hojjachuurra dhimmoota callaqiisoo ta’an irratti rarra’uudhaan kanas miidiyaalee sabaa himaatiin tamsaasaa, akka waan guddaa hojjatee gochuun nama haasa’u ta’ee argeera. Maaltu isa tuqee, rakkoo maaltu isa mudateetii jechuun hojii kiyya miti.

BBC: Kan namoota nagaa diroooniin ajjeessuu jettee jirta. Tibba waraana Tigraayiitti namoonni nagaa dirooniin rukkutamaniiru. Wallaggaanis irra deddeebiin reebameera dirooniidhaan. Garuu har’a malee isin yoo kana jettan dhagahee hin beeku. Siiriidhaa miti?

Obbo Andaargaachaw: Waraana Tigraay keessa tureen namoonni nagaa dirooniidhaan reebamusaanii qabatamaadhaan bakkichaatti bilbiluun gurra kootiin dhimman hin mirkanneeffanneedha. Karaa gara biraatiin ammoo, dhimman hin mirkanneeffaneerratti namoota nagaa gabaa jidduutti tarkaanfii loltummaa fudhachuudhaan bifa kollateral jettuun kan rukutamu sadarkaa murtaa’een ni fudhatta.

Jidduu Magaala Finoota Salaam kan naannoo sana homtuu hin turre, ykn namni meeshaa hidhate hin jirreetti ture dirooniin kan rukute. Haalli akkasii Tigraay irratti kan itti raawwate osoo jiraatee nan morma ture. Haalli namoonni nagaa Oromiyaa keessatti dirooniidhaan itti reebaman, magaala kanarratti haala akkasiitiin akka amma Finoota Salaam irratti mudateen mee kan Ormiyaa naa fidi. Magaala kami? Eddoo kamiitti kun kann ta’e? Jimmaatti? Adaamaatti? Wallaaggaatti kun kann ta’e? Sadarkaa kanatti ragaa naa fidi.

BBC: Namoonni nagaa ajjeefamaaniiru jedhamee nutis yeroo garaa garaatti gabaasaa turre. Haata’u malee, deebii gabaabaa ta’uu kan qabaatu ragaa kanan hin qabaanneerratti gadda koo ibsachuu hin danda’u naan jechaa jirtuu?

Obbo Andaargaachaw: Akkasi malee, nuti namoota ragaa qabuudha. Ani dhimma Amaarratti ykn dhimmoota Amaaraa irra gahaniirratti ibsawwan ykn xinxalawwanan barreessee ykn kanan dubbadhee caalaa, ajjeechaa TPLF Gaambeellaa irratti raawwate, tarkaanfii badii kann akka TPLF Ogaadeen keessatti ollaawwan gara daaraatti geeddareenii, dararaafi miidhaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa turanii fa’i irratti ture barreefamootaafi ibsa kanan baase.

Dhimma Amaaraa irratti yoon waan akkasii hojjadhu hin yaadadhu. Kanaafuu loogii saba tokkoo qabaadhee badiifi ajjeechaa garee tokkoo gadi xiqqeessuu ykn dhoksuu, kan hin jirree harbeessuuf amala akkasii hin qabu. Hojiiwwan kiyya kamiinuu dhimmota kanneen fuldura kaa’ee nama deemuudha ani. Haata’u malee, qaamooleen odeeffannoo gahaa baasu qaban hin dabarsine. Anis hin agarre.

BBC: Yeroo hidhaarra turtanitti Obbo Andaargaachoon hiikamu hin qabaatu jedhamee, garuu MM Abiy ejjannoo fudhataniin akka hiikamtan himamaa ture. MM akka nama olmaa sii ooleetti ni lakkooftaa?

Obbo Andaargaachaw: Kun nama wallaaluudha. Yeroo baayyees kanan namoota waaliin dubbadhuudha. Galmi qabsookootii kan dhumaa namni tokko erga mana hidhaa na buuseen booda akka hidhaarraa hiikamu akka jedhu miti. Ykn kanan qabsaa’e akkan nama maan hidhaatii na baasuuf nama oolmaa ta’uuf miti kanan qabsaa’e.

Yeroon hiikame sanatti guyyaan biiroo keessa taa’ee waliin argeetti, sa’aatii tokkoofi wallakakaa ture kan waliin haasoofne. Kan natti hafe homtu hin turre. Hannaafi saamicha dabalatee yaaddoo koo hunda dubbadheera. Kan biraa hafee rakkoo ummata Itoophiyaa salphisuun waan hin dandeenyeef, akka isaaniitti beela’aa yoo isaan dursuu baattee rakkoo keessatti kufta, akkasumas shiroo akka nyaattu fi waan nyaattuufi dhugduu osoo hin hanfee mana kee keessatti kaameeraa dhaabdee kallattiin agarsiisi jedheetanan deeme.

BBC: Yeroo sanatti miirri isaanii maal ture?

Obbo Andaargaachaw: Waan baayyeedha. Yeroo sanatti balaa siyaasa sabaa ilaalchisuun kaaseera. Sadarkaa biyyattii rakkoo cimaa keessa galchurra gaheera. Malaamaltummaan mataansaa sadarkaa olaanaarra gaheera. Kanaafu, rakkoon siyaasa keessa jiru kan biyya diiguu yoo ta’e malaamaltummaan mataansaa ni diiga. Malaamaltummaarratti ejjaannoo baayyee cimaa ta’e fudhachu akka qabaatuun itti hime.

Haata’u malee, namoonni naannawasaatti walitti qabe hangam kan hannaan badhaadhan akka ta’an tokkoo tokkoosaanii ni beekna. Hanna kan jibbituu yoo ta’e, hattootaan hin marfamtu. Kanuma! Rakkoonkoo kanadha. Yeroo sanatti dhimmoota kanneen raawwateera osoo ta’e isaan mormuu dhiisiitii rasaasa isaaf dhokaafame fuldurra dhaabbaachuuf booddeeti hin jedhu ture. Waanan biyyaaf kan fayyaduufi toluudha jedhee amanuufi.

BBC: Yeroo sana kan dubbiftan Ministira Mummee ammas jiraniidha. Miira yeroo sana isiniitti uumeefi Ministira Mummee amma jiran yoo ilaaltan maaltuu isiniitti jijjirame?

Obbo Andaargaachaw: Duratti dubbadheera bari. Ani 'raashinaalayiz' hin godhu. Hojiikoo miti. Rakkoon na mudate kana. Kaayyoon qabaachaa turre kana. Garuu jijjiramiichi akkasiin maqfame jedhee yoo waan ummataan amansiisu yoo qabaate ummatatti haa himu. Garuu ani hangan argeetti dhimmi jijjirama jedhamu maqfameera.

BBC: Garuu ni amanuunii?

Obbo Andaargaachaw: Hojii hojjate kan isa amansiisuudhaa? Maaliifan amanaani? Hojiiwwan hojjatu, dhimmoonnn raawwatu fi yeroo garaa garaatti miidiyaatti bahuun sobni dubbatu namootaaa miti kan umanii dhiyeessaa jiran. Dhaabbata siyaasaa hojii jidduugalumsa guutuu qabu hojjatutu jira. Yeroo garaa garaatti naannoon garaa garaa ibsa baaseera kan jedhamus jiddu galaan kan qophaa’uudha.

Dhaabbanni siyaasaa qindaa’aan attamiin akka hojjatu bara Ihappaa irraa kaaseen beeka. Dhaabbata akkasii keessatti yaadni bilisaa namootaa ykn gareewwanii hin jiru. Kanaafuu rakkoon yoo mudate keessattuu dhaabbata guddaafi bal’aa keessatti yoo ta’e, bakka namoonni bilisummaan keessa socha’an jechuu dandeessa. Haata’u malee, haala kanaatiin gubbaa hanga dakaatti jidduugalummaan takaalamee dhaabbata hojjatu keessatti dhimmi kamuu deemee mataarra dhufa. Beekkamtii mataatiin alatti wanti raawwatamu omtu hin jiru.

BBC: Yeroo dhumaatiin Ministira Mummee waliin kan wal agartan tokkoofi tokkoon ture?

Obbo Andaargaachaw: Eeyyeen. Yeroo baayyee kan wal argaa turre akkasiini. Yeroo kennuudhaan kan barbaadamu caalaa yeroo naaf kenneerra jedheen yaada.

BBC: Dura Pirezidanti Isaayaas Afawarqii walin yeroo dhumaatiif kan waliin haasooften ykn ergaa kan waliin jijjirtan yoom?

Obbo Andaargaachaw: Ani yeroo dhumasaa hin yaadadhu. Tarii wagga afur ykn shan ta’u danda’a. Yeroo lama gara Ertiraa deemeera. Kanan deemees namootan beeku bira du’a gahiifi cidhaaf ture.

Yeroo sanattis aanga’oota mootummaa Ertiraatiin wal hin agarreen ture. Ergan pireizdantichaan wal argee wagga shan guutuuf.

BBC: Kanaafuu walitti dhufeenya hooggantoota lamaan jidduu jiruurratti odeeffannoo hin qabdanii?

Obbo Andaargaachaw: Eeyyeen, odeeffanoo homaatu hin qabu.