Baalli sammuu namaa hadoochu biqiloota miliyoona 1.1tti tilmaamamu to'atame

Baala sammuu namaa hadoochu to'atame

Madda suuraa, Guardia

Baalli sammuu namaa hadoochu kanaabis guddaan takkaa argamee hin beekne Ispeen keessatti to’atmuu poolisiin hime.

Qondaalonni biyyattii kanaabisii toonii 32 tahu gatii daandii irratti gurguramuun paawondii miliyoona 57 kan baasu to’atamuu himan.

Poolisiin sakatta’insa gaggeesuun argate yoo tahu kanaan wal qabatee dubartoota 11 fi dhiirota sagal umuriin isaanii 20 fi 59 gidduu tahu to’annoo jala oolcheera.

‘Gurdian Civil’ akka jedhetti ‘’neetwoorkii biizinesii wal xaxaa’’ tahe fayyadamuun baalli sammuu hadoochu kun gara biyyoota birootti ergama.

Baalli sammuu namaa hadoochu to‘atame kun salphaadhumatti hamma arba Afrikaa ga’eessa shanii ulfaata.

Wanbadeewwan kunneen sakatta’insa ji’a darbe naannolee Toledoo, Kudaad Riil, Vaaleensiyaa fi Oostiras keessatti gaggeeffameen to’ataman.

Waa’een sakatta’insa gorduubaa ‘Operation Garden’ jedhamu manaa mana irra gaggeeffamuu kun garuu uumatatti kan himame Sanbata kaleessaati.

Poolisiin akka jedhutti daldalli kun ‘’kaampaanota’’ adda addaa sanyii isaa bituu irraa eegaluun dhaabsisanii guddisuun hanga gogsuutti irratti hirmaatan adda addaan gaggeeffama.

Kaampaanotni kunneen adeemsa hunda irratti hirmaachuun saamsanii dooniidhaan hanga biyyoota alaatti erguu keessatti hirmaatu.

‘Civil Gurad’ kan nageenya uummataa eegu baala sammuu namaa hadoochu maariyuunaa saamsame baay’ee guddaa takkaa argamee hin beeknen to’adhe jedhe.

''Baalli sammuu namaa hadoochu qabame kun tilmaamaan hanga mukeen miliyoona 1.1 taha,’’ jedhe poolisiin.