Lammiileen biyyoota 20 olii kumaatamatti lakkaa'aman Sudaan irraa baqatanii Itoophiyaa seenan

Lammiilee daangaa ce'uun biyyoota ollaa Sudaanitti baqatanirratti dabalataan biyyoonni dippiloomaatotaa fi lammiileesaanii baasaa jiru. UKn lammiileeshee xiyyaara waraanaan baaste.

Madda suuraa, Reuters

Waraana Sudaan torbee lammaffaa qabate dheessuun lammiilleen biyyoota addunyaa garaagaraa kumaatamatti lakkaa'aman gara Itoophiyaatti baqataniiru.

Waraana sababa jenaraalonni aangoo dhuunfachuuf jecha eegalaniin biyyattiin yaaddoo fi dhiphina hamaa keessatti kufteetti.

Keessattuu torbee darbe haleellaan waraana biyyattii fi humna addaa- RSF gidduutti mudataa ture lubbuu lammiilee fi qabeenyarraan miidhaa guddaa geessiseera.

Goolamaa fi tasgabbii dhabuu biyyattiirraa kan ka'e lammiileen biyyoota addunaa garaagaraa Sudaan keessa jiraatan kaan lafoon, kaan ammoo bidiruun, gariin xiyyaaraan keessaa baqataa jiru.

Lammiileen biyyoota hedduu kumaatamatti lakkaa'aman daangaa Sudaan qaxxaamuruun gara Itoophiyaatti baqataa jiru.

Naannolee Itoophiyaa Sudaaniin waldaangessan keessaa tokko naannoo Amaaraati.

Hoogganaan Komikeeshinii naannochaa Obbo Gizaacho Mulune, lammiileen biyyoota 23 kumaatamatti lakkaa'aman torbee darberraa eegalanii Itoophiyaatti baqachuu BBCtti himan.

Lammiileen Itoophiyaa goolama Sudaan keessatti mudate baqachuun biyyasaanii galan hedduu ta'uus himan.

Dabalataan lammiileen Sudaan, Tarkii, Yaman fi kaanii karaa daangaa Kaaba-lixa Itoophiyaa gara naannoo Amaaraa seenuu ibsan Obbo Gizaachoon.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lammiileen biyyoota 23 Sudaan irraa ka'uun Gondar Lixaa, magaalaa Matammaa Yohaannis erga seenanii booda gara naannolee kaaniitti imalaa jiraachuu himan qondaalli naannoo Amaaraa kun.

Magaalaa kanarraa guyyaatti konkolaattota 20 ta'aniin namoonni gara magaalaa Gondar geeffamaa jiraachuus ibsan.

Ameerikaa fi biyyoonni lixaa torbee darberraa eegalanii lammiileesaanii magaalaa Kaartuum keessaa baasaa jiru.

Keessattuu waliigaltee dhukaasa dhaabuu gareen wal-waraanaa jiran lameen Wiixata darbe galgala irra ga'an fayyadamuun biyyoonni lammiileesaanii baafataa jiru.

Erga waraanni kun eegalee biyyoonni addunyaa garaagaraa haala mijataa eeggachuun lammiileesaanii kan baasaa jiran yoo ta'u, haala kanaan haga namoonni biyya adda addaa kuma torba caalan ba'aniiru.

Waraana Sudaan kanaan namoonni 420 caalan yoo ajjeefaman 3,700 kan caalan miidhamaniiru.

Sudaan keessa lammiileen Itoophiyaa hedduutu jiru, waraana kanaanis lammiileen Itoophiyaa saddeet ta'an du'anii afur miidhamuu Imbasiin Itoophiyaa Kaartuum jiru BBCtti himeera.

Erga waraanni kun eegalee jenaraalonni lameen aangooof walmorkan yaada dhukaasa dhaabuu yeroo sadiif dhiheessanis tokkollee hojiirra hin oolle.

Wiixata darbe galgala sa'atii 72'f dhukaasa dhaabna jedhan, garuu dhukaasi cimee itti fufeera.

Jenaraalonni waraanaa lameen dhukaasa dhaabuuf fedhii agarsiisaa akka hin jirre mirkaneeffachuu UN ibseera.