Dureen mana murtii Keeniyaa himannaa filannoorratti ka'e kuffiiste Maartaa Koomee eenyuu?

Maartaa Koomee

Madda suuraa, AFP

Manni Murtii Olaanaa Keeniyaa himannaa bu’aa filannoo baatii tokkoon dura raawwatameerratti Raayilaa Odiingaatiin dhiyaatan kuffisuun Wiliiyaam Ruutoof mirkaneesse.

Ittigaafatamtuun Mana Murtii Olaanaa biyyattii, Maartaa Koome murtee kana keessatti gahee olaanaa baate.

Kanaanis wal qabatee, namoonni hedduun hojii Maartaan hojjattaniif leellisa karaa intarneetii ibsaaniiru. Akka ‘goota’ haqa argamsiifteetti ibsaniin.

Ofii Maartaa Komee eenyuudha?

Maartaa Koomee dubartii umuriin wagga 62 yoo taatu kan dhalattees baha Keenyaa baadiyyaa Meeruu keessatti. Abbaan isheen irraa dhalatees nama haadha warraa lama fudhuuni ijoollee hedduu irraa godhatan.

‘‘Dhugumatti ani nama baadiyyaati. Maatiin koo qonnaan bultoota turan. Nuti obboolaa 18 kan haadhoolii lamarraa dhalannee taanee guddanne.

‘‘Kanaafuu hunda keenyaafu, keessattuu shamarraniif dhiibbaa aadaa mo’achuun baayyee cimaa ture,’’ jettee turte kana dura waa’ee haala itti guddattee ilaalchisuu yeroo dubbattee turtetti.

Muudamni ishee akka hoggantuu Haadha alangaa mana Murtii Olaanaa Keeniyaas Caamsaa 2021 keessa akka tasaatti dhagahame.

Isheenis dorgomtoota 10 Komishinii Tajaajila Haqa Keeniyaatiin tamsaasa TV kallattii gubbaatti gaaffiifi deebiin dhiyaateef keessaa tokkooffaa baate.

Kanaanis dorgommii sa’aatii afuriif gaggeeffame haala tasgabbii fi ofitti amanummaatiin injifachu dandeesse. Isheenis ‘‘afuura haaraa baafachu’’ jechuun ibsite turte.

Haatii alangaa tunis falmituu mirga dubartootaa irraa kaa'uun sadarkaa haadha alangaa mana murtii olaanaa biyyattii ta'uu dandeesse.

Haatii Alangaa Maartaa Koomeen hojii mirga daa’imannii irratti hojjatteen bara 2020tti Badhaasa Waggaa Nama Keeniyaa Dhaabbata Gamtoomaniitiif dorgomuun sadarkaa addunyaatti beekamtii argate jirti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haata'u malee Maartaa Koomee gaheen ishee mirga daa'imaafi dubartootaatiif falmuun baateen alattis, Heera mootummaa biyyatti kan 2020, keessatti Wixinee mirgootaa wixineessu keessatti gahee olaanaa bahate.

Isheenis waa'ee heera mootummaa kan amma loogii korniyaa irratti keewwata gaarii qabate wixinneessuu keessatti gahee baate boonaa dubbatti.

''Seerri duraanii dhimma lammummaa osoo hintaanee, hojiimmatawwan aadeeffannaa , kanneen akka heeruma daa'imummaa fi dhaqna qabaa dubaraa fa'i caalchisa ture. Daandii dheeraa imalle,'' jette.

Kana malees Maartaan Koreen Gamtaa Afriikaa keessatti komishinara ta'uun Mirgaa fi nageenya Daa'imaarra tajaajilte jirti.

Erga bara 1986tti Yunivarsitii Naayirobii irraa seeraan eebbifamteen boodas hojiiwwan jajjabaa hojjataa kan turte Haatii Alangaa tun, heerumuunis ijoollee sadii godhatetti.

Erga seeraa eebbifamteen booda digiriiwwan garaa garaas barattee jirti.

Bara 1988tti gargaartuu ogeettii seeraa ta'un eegaltee, booda bara 1993tti dhaabbata seeraa mataashee hundeeffatte.

Tibba dhunfaan hojjataa turteettis, hojiiwwan ittisa mirga namoommaa, fi hidhamtoota siyaasaa bakka bu'uun tibba bulchiinsa pirezidaanti Daani'eel Araap Mo'itti hojjatteen dinqisiifannaa olaanaa argatte.

Bara 2003tti, haatii seeraa beekamtuun tunis mana murtii keessa hojjataa kan turte yoo ta'u, Pirezidaantiin yeroo sanaa Mwaa'i Kibaakiin haadha seeraa Mana Murtii Olaanaa gochuun muudaniin.

Waggoota saddeetiifis Manneen murtii Lafaafi Naannoo akkasumas kutaa maatii kan Naayirobii keessaa hogganaa turte.

Akkasumas manneen murtii sosocho'an (satellite) keessatti hojjataa turte.

Booda ammoo bara 2012tti gara Mana Murtii Ol Iyyannootti guddachuun, Amma Hoggantu Mana Murtii OLaanaa biyyatti ta'urra geesse.