'Mana murtii nan kabaja, murtee kennametti garuu walii hin gallu'- Odiingaa

Raayilaa Odingaa fi Maartaa Karuuwaa

Madda suuraa, Raila Odinga

Manni Murtii Keeniyaa bu'aa filannoo pireezidantummaa Keeniyaa irratti murtee bu'aa filannoo mirkaneessu dabarsuu hordofee, ''Mana Murtii ni kabajna, murtee kennameen garuu walii hin gallu'' jedhan injifatamanii iyyata kan galfatan Raayilaa Odiingaan.

''Olaantummaa seeraafi heera biyyaa ni kabajna'' kan jedhan Odiingaan, murtee darbe garuu ''cimisnee mormina'' jedhan.

Pireezidantii itti aantuu Odiingaa ta'uuf dorgomaa kan turan Maartaa Karuwaa gama isaaniin ''Manni murtii murtee dabarseera. Nan kabaja bu'aa isaatti garuu walii hin galu'' jechuun tiiwitara gubbaatti maxxansan.

Kaadhimamaan dhaaba Azimio La Umoja Raayilaa Odingaa ibsa barreefamaan baasan irratti abbootiin seeraa isaanii ragaalee gahaa dhiyeessanii akka turan ibsan.

''Akka carraa ta'ee abbootiin seeraa qabxiilee sagal irratti nurratti murteessa jechoota gurra guddisaniinis ragaalee keenya kuffisan'' jechuunis komii qaban dubbatan.

''Murteen kun gunkumaa sochii keenya kan dhaabu miti. Inumaa tattaaffii keenya daballee biyya keenyaatti dimookrasiin akka badhaadhu akka hojjennu godha'' jedhan.

Deeggartoota isaanii galateeffatanii fuula duratti dhaabni siaanii qabsoo iftoomina, gaafatamummaa fi dimookraasiif godhan akkamiin akka itti fufan akka ibsan dubbatan.

Manni Murtii bu'aan filannoo dura ta'aa Komishinii Filannoo Keeniyaan Wafulaa Chebukaatiin torban lama dura ibsame sirrii ta'uu mirkaneessuu hordofee bakka dhalootaa Wiiliyaam Ruutuu kan taate, Eldoreet dabalee bakka adda addaatti namootni gammachuu isaanii ibsataa jiru.

Filannoo Hagayya 9, 2022 gaggeefameen inifachuun isaanii kan labsameef Wiiliyaam Ruutoon Fulbaana 13 pireezidantii Rippaablika Keeniyaa ta'uun waadaa galu.