Manni murtii Olaanaa Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo filannoo pireezidantummaa injifachuu raggaasise

Madda suuraa, Getty Images
Manni Murtii Olaanaa Keeniyaa himata bu'aa filannoo pirezidaantummaa irratti dhiyaate ilaalaa ture murtee kenneen Wiiliyaam Ruutoo injifachuu mirkaneesse.
Komishiniin Filannoo biyyattii qondaalli Pireezidantii Itti Aanaa turan Wiiliyaam Ruutoo sagalee uummataa miiliyoona 7.1 argachuun filannicha injifachuu mirkaneesse.
Kunis sagalee miiliyoona 6.9 argachuun sadarkaa lammaffaarra kan jiran qondaalli siyaasaa gameessi biyyattii, Raayilaa Odiingaa, bu'aa filannoo mormuun, mana murtiitti himata dhiyeessuu hordofee murtee darbedha.
Mana murtichaa filannichi burjaaja'uuf ragaan argame akka hin jirre ibse.
Bu'aa filannichaa burjaajessuuf teeknolojiin addaa gidduugale akka hin argamnes ibseera.
Keeniyaan wayita murtee Mana Murtii Waliigalaa eegaa jirtutti, haalli nageenyaa biyyattii keessatti yaadoo uumeera.
Yeroo ammaa daandiiwwan gara mana murtii geessan hunduu cufaadha.
Manneen barnootaa barattoota dafanii manatti deebisuuf karoorsaniiru.
Qaamoleen nageenyaa iddoowwan jeequmsi itti uumamuu danda'a jedhamanii shakkamanitti dabalataan bobbaafamaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Manni Murtii Waliigalaa Keeniyaa waggaa shan dura bu'aa filannoo pireezidantummaa biyyattii haquun seenaa hojjetee ture.
Filannoon yeroo sana Pireezidantiin amma yeroon aangoosaanii obba'e, Uhuruu Keeniyaataa, mo'atan bu'aansaa kan waliin dhahamee fi adeemsi isaas seera-maleessa jedhamee ture.
Kan alanaa kanarrattis Aab Odingaan bu'aan filannochaa of-duuba deebi'ee, isaan ammoo mo'achuunsaanii akka labsamuuf yookiin filannoon irra-deebiin akka gaggeeffamu fedhu turan.
Morkataansaanii sirna qaamoleen filannoo hoogganan ittiin fayyadaman cabsanii seenuun (hatuun) sagalee isaaniif kenname akka hir'isan Odingaan himatan.
Himata kana Komishiniin filannoo fi Wiiliyaam Ruutoon ni haalan.
Aab Odingaan Dura taa'aan Komishinii Filannoo biyyattii kanaan booda dhimma filannoo akka hin ilaallee fi akka ari'aman gaafataniiru.
Komishinaroota jiran torba keessaa afur bu'aa filannootti hin amanne, afran kunneen Odingaa degegaru. Hoogganaansaanii qajeelaa ta'uu dhabuus himatan.












