Filannoo Keeniyaa 2022: Dhuguma akka Odingaan himatan waraqaan filannoo waliin dhahameeraa?

Qondaaltoota IEBC guca filannoo qabatanii mana barnootaa keessatti

Madda suuraa, Getty Images

    • Barreessaa, Piitar Moowii fi Jaakii Hortan
    • Gahee, BBC Reality Check irraa

Filannoo pirezidaantummaa Keeniyaatti torban lamaan dura gaggefffameen Wiiliyaam Ruttoon sagalee %50.5 argachuun injifachuun himameera. Garuu dorgomaan isaa Raayilaa Odiingaa bu'aa filannichaa waliin dhahameera jechuun mormaniiru.

Abookaatoowwan Aab Odiingaan buufataalee filannoo 40 ol keessatti sagaleen itti dabalamuun akka Aab Ruutoon mo'ataniif sagaleen argate %50 ol akka bahu taasifameera jedhan.

BBCnis fakkiiwwan waraqaa buufataalee filannoo kanneenii jalqabaatiifi kanneen marsariitii Komishinii filannoo irratti maxxanfaman waliin wal madaalchiseera.

Himannaan ture maali?

Keeniyaa keessatti, tokkicha filannoon lakka'aamnaan, qondaaltoonni buufataalee battalamuunaan bu'aa beeksiisuun ibsa Guca 34A jedhamu guutu.

Guci kunis osoo karaa intarneetiin gara jidduugala biyyaaleessatti hin ergamin dura bakka bu'oota paartiileen ni mallattaa'aa. Guciiwwan kunneenis karaa onlaayiniitin komishinii filannootin akka ifa ta'u taasifama.

Wiliiyaam Ruutoo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Wiiliyam Ruutoo (mirga) filannoo pirezidantummaa injifachu labsame ture

Abbookaatoowwan Aab Odingaa bakkeewwan filannoo 41 keessatti lakkoofsa sagalee Ruutoof kenname dabaluuf jecha jijjirameera. Kunis osoo ifatti komishinii filannootiin hin maxxanfamiin dura jedhan.

Kutaan himannaan mana murtii olaanaa kun irratti dhiyaatees kanadha;

A screengrab of Odinga's petition to the Supreme Court alleging forms were manipulated
Ibsa waa'ee suuraa, Odingaa buufataalee filannoo 41 keessatti dorgomaa isaatiif dabaluuf jecha sagaleen irraa hirriifamu himan

Himannaan abbookaatoowwan Aab Odiingaan dhiyaatan keessa kan biraa lakkoofsi ni sirreeffaman, guciiwwan osoo ifatti hin labsamiin dura geeddaramaniiru jedhan. Garuu lakkoofsi sagalee walii galaa sirriidha jedhan.

Akkasumas erga gara buuftaalee filannootti ergamaniin booda ''koppiiwwan guca karaa elektironiksiin ergaman keessa kan sobaa jidduu galeera'' jedhan.

Maal adda baafne?

Hanga danda'ameetti waraqaa sagalee buufataalee naannoo ittiin sagaleen ibsame kan jalqabaa hedduu ilaaleerra. Kunis kan raawwatame yoo haala ta'een gucawwan kana duraa irraa adda kan ta'an ta'e adda baasuufiidha.

Akkaawwuntiiwwan kanneen irratti guciiwwan mallatteeffaman hundi bilbila mobaayilii bakka bu'oota paartiilee akka qabu hubanneera.

Bakka bu'oonni kunneenis namoota wayita lakkoofsi sagalee gaggeeffamu sirrii ta'usaanii hordofaniif kan paartiilee siyaasaa waliin hidhata qabaniidha.

Namoota kanneen keessayis yoo wayita hordofaa turaniitti suuraa waraqaalee filannoo sana kaafataniifi nuuf ergan ta'e gaafannee jirra.

Odinga

Madda suuraa, Getty Images

Bakka bu'oota paartii Aab Odingaa irraa dabalatee namoota bakka bu'aa turan 23 irraa deebii arganneera. Isaanis fakkii gucawwan jalqabaa 21 fi waraqaa bakkeewwan 41 nuuf qoodaniiru.

Bakka bu'oonni lama ammoo fakkii osoo hin taanee waan harkaan barreessan nuuf erganiiru.

Guciiwwan bu'aa filannichaas haaluma hundaanuu kan komishinii filannootiin marsariitii irratti maxxanfameen wal fakkaata.

Gucawwan itti dhiheenyaa yoo ilaalamus:

Election forms

Bu'aawwan sagalee filannichaa guyyaa filannootti buufataalee filannoo hundatti ni argamu. Miidiyaalee fi taajjabdoota dabalatee, namni kamuu qaaman dhaqee ilaaluufi suuraa kaafachuuf mirga qaba.

Dhuma sanadawwan kanneenii hundarrattis maqaa fi lakkoofsi bakka bu'aawwan hundaa ni argama. Nutis eenyummaa saanii dhoksuuuf jecha dhoksiineera.

Yeroo baayyees sanada dhumaa suuraa kaafachuu kan danda'an yoo ta'u, BBCnis namoota kanneeniin kan buufataalee 41 gareen Odiingaa eeran irraa kan dubbifne.

Election forms

Kanaafuu sanadawwan jalqabaa kanneen komishinichaan marsariitii irratti fe'aman waliin wal bira qabuuf ilaalu dandeenyeera. Kanaanis hundumtuu kan wal fakkaatan ta'uu adda baafneerra.

Suuraaleen nuuf ergaman, tokkoosaa malee, hundumtuu chaappaa itti rukutame waliin baayyee ifatti mul'ata. Kanaafu, kan komishinichaan maxxanfaman akka hin taane haalaan mirkanneeffanneeera.

Kaayyoon keenya barreeffama kanaatis yoo ragaan himannaa Aab Odiingaa waliin dhahameera jedhu sana deeggaru jiraate adda baasuudhaaf ture. Haata'u malee homaa argachu hin dandeenye.

Akkasumas himannaa isaanitiif yoo sanada dhiyeessan jiraataniif garee Aab Odiingaa gaafannee turre. Garuu eenyusaanituu nuuf hin kenniine.

Manni Murtii Olaanaa Keeniyaa himannaa filannoo irratti Aab Odiingaan dhiiyaatee irratti guyyoota dhufan keessatti murtee ni dabarsa.

Reality Check branding