‘Murtoon kun Keeniyaan biyya dimookraasii ta’u kan argisiisuudha’ - Lammiilee

Madda suuraa, Reuters
Manni murtii olaanaa biyyatti himannaa Raayilaa Odingaa bu’aa filannoo pirezidaantummaa dhiheenya gaggeeffameerratti dhiyaaffate, kuffisuun injifannoo Wiiliyaam Ruutoo mirkaneessuutti gammaduu lammiileen biyyattii himan.
Manni Murtichaas bu’aa filannoo hogganaan Komishinii Filannoo biyyattiin Hagayya 15 labsame ture raggaaseera.
Kana hordofes, deeggartoonni Wiiliyam Ruutoo dandiitti bahuun sirbaa kan jiran yoo ta’u, kanneen Raayilaa Odingaa deeggaranis ''baga gammadde'' jechuun miidiyalee hawaasarratti erga dabarsan.
Prezidaantiin Oggeesota Seeraa Keeniyaa, Eerik De'urii gama saanitiin, manni murtichaa yeroo gabaaba keessatti falmiiwwan dhihaatan dhaggeefate murtoo kana kennusaatiif galateeffatee manneen murtii biroon fakkeenya kana akka hordofan gaafate.
Murtoo har’a kana hordofe mana murtii olaanaa keessatti kan dubbi taasisan Ittigaafatamaan isaanii Eerik Deurii, murtoon kun sagalee lammileen Keeniyaa Hagayya 9 kennatan kan murteessuu fi amanamummaa Komishini filannoo fi mana murtii kan jabeessuudha jedha.
“Murtoo kanaan nutis hin mo’amne, kan mo’ate dimookrasii fi lammilee Keeniyaa.”
“Dabalataan biyyi dimookraasiidhaan dhalatu hin jiru, sirni dimookraasiis adeemsa itti fufiinsa qabu. Kanaaf bu’aa filannoo falmuu fi himannaa mana murtiitti dhiheesssuun dimookrsaasii keenya kan ijaarudha,” jedhan.
Lammiileen maal jedhu?
Kaawuntii Marsabeetitti Daareektara Komunikeeshinii kan ta’e Galgaloo Duuba Faayoo, deeggaraa qondaala siyaasaa gameessa biyyattii Raayilaa Odiingaa fi kan ammaa waliin si’a shan sagalee kennee fi dhabuu hima.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
‘‘Jaarsii kun waggaa dheeraaf dorgomaa jira, fedhii barcuma qofa utuu hin ta’in dimookrasii Keeniyaa keessatti argamsiisuuf aarsaa guddaa kaffale. Ammallee jijjirama guddaa fidu danda’a jedhe bara cufa isa wajjiin dhaabbadhe.”
“Namni filannoof dorgome kamuu akka argatuu fi akka dhabuu beeka. Innis mo’e, biyya kana akka bulchuuf fedhii guddaan qaba ani akka nama tokkotti.”
Haata’u malee, adeemsa manna murtii olaanaa hordofaa turuun, filannichi burjaaja'uuf ragaan argame waan hin jirreef amma Ruutoo deeggarra jedhan.
“Ani akka yaada kiyyaatti namni Keeniyaa cufti murtoo kanaan mo’ate jira, maan jennaan dhaabbileen keenya akka walaba taatee argineera.
Asiin dura abbootiin seeraa hedduun gara Uhuruu Keeniyaataa jirti. Bu’aan filannoo kana haqamuuf deemti jechaa turre, ammoo akka agarre hundusaanii sagalee tokkoon murtoo kennan.''
Akkasumas Komishiniin Filannoo (IEBC) filannoon hatamuu hin danda’amtu jechaa turan. Manni murtiis kana murteesse jira, wanti bira maarree? Amma pirezidaantiin keenna Ruutoodha,” jedha.
Faatuma Goolloo daldaltuun Magaala Naayirobii jiraatuus, deeggartuu Wiiliyaam Ruutooti. Murtoon kanaan boqonnaa argachuu dubbatti. “Akka inni darbe guyyaa Chebukaatiin labse murteesse. Amma ammoo manni murtii mirkaneessun kan akka malee guddoo gammachuu teenya ol kaaseedha,” jetti.
Keeniyaatti yeroo garaa garaatti filannoon waliin dhahamee jedhame jeequmsi ka’aa turuun isa ani yaadatama. Ta’us murteen dhimmicha irratti taasifames amanamummaa filanichaa dabalaa deeme jetti.
“Keeniyaan gara dimookrasii fagoo jirti, biyya garii keessatti adoo filannoon hin geeggeffamin bu’aasaa beekama. Keenya garuu hanga har’a sa’aatii ja’a kan manni murtii murteessutti namni tokko hin beekuu ture.”
“Raayilaan kan deeggarsa pirezidaanti Uhuruu Keeniyaataa qabutti filannoo kana dhabee, Ruutoon ka bara shanan darbe rakkoo siyaasaa hamtuu keessa ture mo’e. Kunis siyaasaa teenna keessatti jijjirama guddaadha,” jetti.

Madda suuraa, Citizen TV
Filannoon dura, bulchaan Marsabeeti, Muhaamuud Alii dabalate hogganoonni kaaba dhiha Keeniyaa deeggartoota Raayilaa turte. Filannoon booda hundisaanii godaanuun gara Wiiliyaam Ruutootti deebi’an.
Naannoo Raayilaan irra dhufus, akkasumas namoonni siyaasaa gariin Ruutoo deeggaruun gara paartiisaatti galan. Kun waan duraan hin beekamnedha jedhu jiraattoonni BBCn dubbise.
Garee Abbootii seeraa murtee tana dabarsan keessa tokkoo kan taatee fi itti aantuu pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Keeniyaa, Filomeenaa Muwiluu biyyatiin dimookraasii ishee cimuuf adeemsa gariirraa jiraachuu ibsite.
“Murtoo kanaan kan mo’ate dimookraasii fi lammiilee Keeniyaa ta’us, har’a namoonni miiliyoon jaha kan Raayilaa Odingaaf sagalee kennan gammachuu akka hin qabne beena. Garuu kun waan ta’uuf eegamuudha, gami tokkoo mo’e kaan jiguun aadaa seeraati,” jetti.
Murtoo kanaan Wiiliyaam Ruutoo pirezidaantii Keeniyaa 5ffa ta’uuf Fulbaana 13 siran kakuu raawwachuuf adeema.












