Biyyoota shan maatin akka ijoollee godhataniif maallaqa guddaa kaffalaniif

Tibba kana Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin badhaasa 'haadha goototaa'' jedhamuun beekamu kan bara 1944 bulchiinsa Tokkummaa Sooviyeet jalatti eegale fooyyessuun hojiitti debisaniiru.

Kaayyoon badhaasa kanaa maatiin ijoollee hedduu akka godhatan onnachiisuudha.

Akka ibsa pireezidantichaatti badhaasi maallaqaa fi beekamtiiwwan biroo of keessaa qabu kun maatii ijoollee 10 fi sanaa ol godhataniif kennama.

Adeemsi kun lakkoofsa uummataa Raashiyaa hir'ataa jiru akka dabalu gochuuf kan eegalameedha.

Washington Post fi Gaazexaa Eksipirees jedhaman dabalatee miidiyaaleen idil-addunyaa hedduun tarkaanfii pireezidantii Raashiyaa ijoo dubbii ta'e kana walharkaa fuudhanii gabaasaa jiru.

Pireezidantichi wayita biyyi isaanii Yukireen waliin walwaraanaa jirtutti tarkaanfii kana labsan.

Raashiyaan erga Guraandhala gara dhumaa Yukireen weerartee as hanga yoonaa loltoonni ishee waraanarra jiru.

Haata'u malee badhaasi kun miidhaa waraanarratti mudateen walqabatuu fi dhiisuu ifatti hin eeramne.

Raashiyaan alatti biyyoonni biroon afur namoonni ijoollee hedduu akka godhatan jajjabeessuf maallaqa guddaa kaffalanis jiru.

Gaazexaan ''Money Magazine'' jedhamu maatii ijoollee hedduu godhataniif maallaqni hedduun, yookiin iddoon turtii daa'immanii fi badhaasi kaan waadaa galamuu gabaase.

Finland

Biyyoota Awurooppaa keessaa diinagdee jabaa kan qabduu fi lakkoofsi daa'immanii dhalatanii kan itti xiqqaatu Finland, maatiin ijoollee hedduu akka godhataniif maallaqa guddaa kennitiif.

Bara 2013 irraa eegalee daa'imni tokko erga dhalatee Yuuroo 10,000 karaa haadhaa argata.

Istooniyaa

Biyyoota Awurooppaa keessaa Istooniyaanis maatiin ijoollee hedduu akka godhataniif kaffaluu eegalteetti.

Erga tarkaanfiin kun eegalamee lakkoofsi daa'immanii dabaluu irraa kan ka'e mootummaan biyyattii gammachuu akka qabu hime.

Maatiin Istooniyaa ijoollee sadi qabu tokko ji'atti Yuuroo 520 argata, kun maatiin kaanis akka ijoollee dabalataan godhatan onnachiisa.

Biyyi kun tarkaanfii fudhatte kanaan waggoota 15 darban keessatti lakkoofsa daa'imman dhalatanii dabalteetti.

Jappaan

Jappaan keessatti waggoota 24 darban lakkoofsi daa'imman haaraa dhalatanii akkaan hir'ateera jedha Business Insider.

Sanuu bakka harmootii daa'imman hedduu godhataniif kaffaltiin kennamutu fooyyee qaba malee bakki kaan daa'imman homaa hin qaban.

Magaalaa odoola Nakanoshima jedhamu keessatti argamtu Ama keessatti maatiin daa'ima jalqabaa argatan hundinuu maallaqa Jappaan Yeenii 100,000 (Doolaara 940) argatu.

Daa'imman afur godhannaan Yeenii miiliyoona 1 (doolaara 9,400) argatu.

Awustiraaliyaa

Awustiraaliyaan biyyoota lakkoofsa daa'immanii guddisuuf ifaajaa jiran keessaa tokko jedha barruun ''Money magazine''.

Biyya kanatti maatiin daa'imman godhatan maallaqa hagam akka argatan hin ibsamne, garuu maallaqi ni kaffalama.

Awustiraaliyaan biyyoota haadholii daa'imman harkaa qabaniif tajaajila kennuun beekaman keessaati.

Mootummaan tajaajila garaagaraa daa'imman reef dhalataniif kennuun beekama.