Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaan biyyootii hiyeeyyii 'kiyyoo liqiitti' galchaa jirtii?
Chaayinaan biyyootii hiyeeyyiif liqii kennuun, akka isaan liqicha deebisuuf rakkatanii fi kanaafis dhibbaa ishee jala lixuuf akka saaxilaman goochuun ni himatamti.
Ta’us garuu Chaayinaan himata kanneen haaluun, biyyootiin Lixaa maqaashee balleessuuf soba akkanaa raabsu jetti.
“Chaayinaa irraa waan liqeeffatteef biyyi takkittiin wanta ‘kiyyoo liqii’ jedhamu kanaan qabamte hin jirtu,” jetti Chaayinaan.
Addunyaa keessatti Chaayinan biyyoota liqii kennaan gurguddoo keessaa ishee tokkodha. Waggootii soddoman darbe keessatti liqii isheen biyyootii galii gadi aanaa fi gidduugaleessaaf kennitu dacha sadiin dabaluun, bara 2020’tti doolaraa biiliyoona 170 ga’eera.
Ta’us garuu, waluumaagalatti waadaa liqii Chaayinaan kennitu isa lakkoofsaan beekamurra guddachuu mala.
Qorannoon dhaabbata AidData jedhamuun gaggeeffame, liqii Chaayinaan biyyootii guddachaa jiraniif kennitu walakkaan isaa galmee liqii seera qabeessa irratti akka hin galmoofne argateera.
Yeroo hedduu galmee diinagdee mootummarra utuu hin kaa’amin, jijjiirraa mootummaa fi mootummaa gidduu jiru fakkeessuurra, gara dhaabbilee fi baankii mootummaa, dhabbilee dhuunfaa ykn kan waliiniitti dabarfamee ka’ama.
Amma sababa ‘liqii dhokataan’ biyyootiin galii gadi aanaa fi giddugaleessa 40 ol ta’an, liqiin isaan Chaayinaa irraa fudhatan omisha biyya keessaa diinagdee biyyatti (GDP) wagga wagga isaaniirra %10 kan guddatu ta’uu AidData argateera.
Jibuutii, Lawoos, Zaambiyaa fi Keegistaan liiqii Chaayinaa yoo xiqqaate GDP waggaa tokkoo isaanii keessa %20 ta’uun wal gitu irra jira.
Liqiin Chaayinaa hedduun isaa ijaarsa daandii, sarara geejjiba baaburaa fi bufataa doonii akkasumas industirii albuuda baasuu fi annisaa, kan sochi Belt and Road Initiative jedhamu fi Pireezdaanti Zhii Jinpiing jalatti jiruun kan wal qabatedha.
Hoogganaan dhaabbata basaasa hajaa alaa Biriteen MI6, Riichardi Muur, Chaayinaan biyyootii biroo irratti dhibbaa uumuuf wanta ‘kiyyoo liqii’ jedhamu fayyadamti jedha.
‘Kiyyoon liqii’ maali, kanaafis ragaa akkamii qabna?
Himatni jiru Chaayinaan biyyootii biroof maallaqa liqeessuun, yoo isaan liqii kana deebisuu dadhaban, qabeenyota ijoo biyyootii sanii akka to’attuuf kennuuf dirqamsiifti kan jedhudha.
Himata kana Chaayinaan yeroo dheeraaf haalaa jirti.
Fakkeenyi tokko ibsamu kan Siri Laankaa, biyya waggootii muraasa dura hojii buufata doonii guddaa investimaantii Chaayinaatiin magaalaa Hambantoota keessatti eegaltedha.
Ta’us garuu piroojektiin doolara biliyoonaa kan liqii fi kontiraaktaroota Chaayinaatiin eegalame rakkoolee adda addaa fi bu’aa qabeessa yeroo ta’uu dhabe, Siri Laankaan liqii guddachaa deemu keessa akka seentu taasiseera.
Dhuma irratti, bara 2017’tti, Siri Laankaan mootummaa Chaayinaaf ga’ee to’annoo buufata doonichaa %70 kennuun invastimantii Chaayinaa dabalataaf kontiraata wagga 99’n mallateessiteetti.
Ammatti liqiin waliigalaa Siri Laankaa harki caalaan biyyooti Chaayina hin taaneerraa yoo ta’u, Chaayinaan liqii kana fayyadamuun buufata doonii kanatti bu’aa humna waraanaa uummachuu ishee ragaan mul’isu hin jiru.
Kun ta’us, waggootii kurnaan darban keessatti gidduu seentummaan Chaayinaa dinagdee Siri Laankaa keessatti qabdu guddachaa jira. Yaaddoon jiru kun feedhii siyaasaa ishee naannichatti babal’isuuf fayyadamuu dandeessi kan jedhudha.
Biyyootii addunyaa biroo keessatti, kontiraaktaroonni akka Chaayinaa qabeenyota ijoo irratti humna qabaattu taasisuun, akka liqiin Chaayinaa shakkisiisaa ta’e mirkaneessan jiru.
Ta’us garuu, waligaltee liqiiwwan dhibbaan lakka’amu AidData fi qorattoonni biroo qoratan kessaa, liqeessitoonni Chaayinaa sababa liqiin yemmuu isaan qabeenya ijoo to’atan ragaan mul’isu hin jiru.
Malli liqii Chaayinaa kan biyyoota biroorraa addaa?
Chaayinaan raga liqii biyyootaaf keennitu hin maxxansitu, akkasumas kontiraatonni hedduun isaanii keeyyatoota iccitii waan qabaniif kanneen liqeeffeetan waliigaltichi maal of keessatti akka qabatu akka hin ibsineef ni dhorka.
Iccitiin waliigaltee akkanaa kontiraatota liqii idil addunyaa keessatti waan baramaadha.
“Waliigalteewwan iccitii liqiiwwan daldalaa idil addunyaa keessatti waan baramedha,” jedha Yunivarsitii Queen Mary Landan irraa Piroofeesar Lii Joonsi.
“Malli diinagdee Chaayinaan fayyadamtu hedduun isaa mala daldala keessatti baramaa ta’edha.”
Biyyootiin guddatan hedduun odeeffannoo wa’ee liqii kennanii karaa miseensummaa gartuu Paris Club jedhamuun beekamuun ni qoodu.
Chaayinaan gartuu kana seenuu hin filanne, ta’us garuu akka odeeffannoo Baankii Addunyaatti, biyyootii biroo waliin yeroo madaalamu liqii Chaayinaan kennitu saffisaan dabaluun isa ani mul’ata.
Biyyootii lixaarra Chaayinaan liqii dhala guddaa ta’een liqeessiti.
Akkasumas yeroo itti liqii Chaayinaa deebisuuf kennamu kaanirra gabaabaadha – waggootii 10 gadi, biyyootiin biroo yeroo biyyootii hiyyeeyyiif liqii kennaan yeroo hanga waggootii 28 kennu.
Liqeessitoonni Chaayinaa yeroo hedduu, qaamni irraa liqeeffatu herrega baankii liqeessitooti fayyadamuu danda’an biyya alaatti akka uumaniif ni gaafatu.
“Qaamoleen liqeeffatan kun liqii isaanii yoo kaffaluudhaa baatan, Chaayinaan karaa adeemsa liqii sassaabuu seeraa kessa utuu hin deemiin, herrega kana keessa maallaqa fudhachuu dandeessi,” jedha hogganaan AidData Biraad Paarkis.
Adeemsi kun liqeessitoota biyyoota lixaa biratti badaa hin argamu.
Amma biyyootiin G20 – kan diinagdee guddaa qaban- akka biyyootiin hiyyeeyyi dhibbaa weerara Covid-19 to’ataniif liqiin akka dhiisamuuf ykn foyya’u taasisuuf sochiin eegalame jira.
Chaayinaan sochii kana kessa seenuun, biyyootii karoora kana irratti hirmaatan kaan caalaa ‘maallaqa liqii deebifamu’ guddaa akka gumaachite ni himti.
Baankiin addunyaa akka ibsutti Caamsaa 2020 as, karoora kana jalatti liiqii dhiisuuf doolarri biiliyoona 10.3 ta’u dhiyaateera.
Ta’us garuu biyyootii kam kamtu kana akka godhe akka ibsaniif Baankii Addunyaa yemmuu BBC’n gaafatu, odeeffannoo kana qooduu akka hin dandeenye ibseera.