Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo Baallii dabarsuuf qophiitti jiran maal milkeessan?
Baallii Gadoomaa dabarsuuf waggaa tokkoofi ji’oonni muraasni qofti kan hafe Abbaa Gadaa Booranaa 71ffaa Kuraa Jaarsoo Baallii Gadaa dabarsuuf qophiitti jiraachuu himan.
ALA Bitootessa 2017 Abbaa Gadaa Booranaa 70ffaa Guyyoo Gobbaa irraa Baallii kan fudhatan Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo waggoota torba bara Gadooma isaanii milkii, akkasumas qormaatawwan dabarsuu dubbatan.
“Gadooma kiyya keessatti waan gurguddootu ta’ee jira. Bara Gadoomaa kiyya keessatti Oromoon abbaa biyyaa taatee aangoo argattee jirti” jedhan.
Waggoota afran jalqabaa bara Gadoomaa isaanii roobni haalaan roobaa turuu kan himan Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo, kunillee milkii guddoo akka ture dubbatu.
“Haataatu malee, ganna shaneessoofi jaheessoo irratti caamni bahee bonni nama qabatee ture. Kunillee taatee gurguddoo Gadaa koo keessatti ta’e,” jedhan.
“Gadaa kiyya keessatti gammachuun guddoon Booranni gaafii yeroo dheeraa gaafataa ture gaafiin godina Boorana Bahaa, ardaa jilaa kan gama Liibanii qabu sun Negeelle Booranaa bara dheeraa gaafachaa ture.
''Gadaa kiyya keessatti mootummaan deebii kennee Booranni godina Boorana Bahaa argatee guddoo itti gammade. Tunillee gammachuu guddooo Gadaa kanaaf taate,” jechuunis dubbatan.
Isaan akkas haa jedhan malee waa'een qaamooleen gama Gujiitii dhimma kanaan hanga ammaatti muffii qabaachuu ibsaa jiran jiru.
Haata’u malee, waggoota torba bara Gadooma isaaniitti qormaatawwan garagaraa dabarsuu kan himan Abbaan Gadaa Booranaa 71ffaa Kuraa Jaarsoo, rakkoon nageenyaafi gogiinsi isaan ijoo ta’uu dubbatan.
“Yeroon jalqabaa Baallii fuudhu sana akkuma baallii fuudheen weerarri Somaalee kuni jalqabe,” jedhan.
Rakkoon nageenyaa naannoo daangaa Oromiyaafi Somaaleetti uumamee ture kunis akka fedhan socho’anii jilawwan jilachuufillee sodaa uumee akka ture dubbatan.
Kana malees, gogiinsi waggoota lamaan darban tureefi horsiise bultoota Booranaa miidhes qormaata isa biraa ta’uu himaniiru.
'Aadaa Booranni nutti kenne tokkollee bira hin dabarre'
Abbaan Gadaa tokko Baallii erga fudhatee booda turtii Gadoomasaa waggoota saddeet keessatti jilawwan garagaraa jilata.
Haaluma kanaanis “Egii baallii fuunee ganna torbeessoo keessa jirra. Ganna kana torbaanuu waggaa waggaadhaan jila jilachaa dhufne. Jilawwan gurguddoo heddu, aadaa Booranni nutti kenne osoo tokkollee bira hin darbin Gadaan sadeenuu ardaalee jilaa qaban hundattuu jilataniiru,” jedhan Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo.
Waggoota torba darban keessatti aanaalee akka Dirree, Liiban fi Areerootti jilachuu kan himan Abbaan Gadaa kun, galmawwan garagaraa dhaabaa akka turanis dubbatan.
“Ganna shaneessootti galma Gadoomaa dhaabne. Gumii Gaayoo korree erga deebinee Ardaa Jilaa Guutootti galma guutuu dhaabne. Ergasii aanaa Areeroo keessa arduma jilaa Guutoo jirra” jedhan.
Ardaa Jilaa Guutoottis galma torba dhaabuu isaanii himuun, galma kunneen keessattis “nagaa kadhatta, rooba kadhatta, milkii kadhatta, quufa kadhatta, badhaadhina kadhatta,” jedhu.
Gama biraatiin waggoota torban bara Gadoomaa dabarsan keessatti seerota uummata isaanii fayyadan tumuufi fooyyessuun hojiirra oolchuus Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo himaniiru.
Qophii Baallii dabarsuu maaliirra jira?
Gadaan Booranaa gogeessa shan kan qabu yemmuu ta’u, goggeessawwan kunneen abbootii gogeessaan waamamu.
Haaluma kanaan gogeessi Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo kan Adii Dooyyoo Jiloo Leencoo yemmuu ta’u, kan Abbaa Gadaa Booranaa 72ffaa immoo gogeessa Gadaa Guyyoo Boruu Galmaati.
Haaluma kanaan sirni Baallii dabarsuu ALI Guraandhala 2017 akka adeemsifamu kan eegamu yemmuu ta’u, Abbaa Gadaa Booranaa 72ffaa ta’uun Baallii fudhachuuf qophiitti kan jiran Guyyoo Boruuti.
“Abbaa Gadaa kan Baallii narraa fuudhu Guyyoo Boruu ammayyuu waliin teenyee jirra. Malaaf mariin keenya cufti tokko. Walumaan mari’ataa deemaa jirra,” jechuun himan Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo.
Yeroo Baallii dabarsuuf isaan hafe keessatti dirqamoota Gadooma isaanii xummuruuf hojjechaa jiraachuu kan himan Abbaan Gadaa kun, “Baallii kennuuf waggaa tokkotu na hafe. Hangasitti galma heddu kan dhaabutu jira. Galma hanga shaniitu na hafe. Galma kana dhaabee yoon keessaa bahe Qaalluu muudee nagayaan baallii ofirraa kenna,” jedhan.
Warri Dooriis Baallii fudhachuuf jiilti tokko qofti kan isaan hafe yemmuu ta’u, qophii taasisaa jiraachuu himaniiru.
“Doorii waliin ardaa tokko keessa aanaa Areeroo keessa jirra. Ardaan nu keessa qubannullee arduma tokko. Warrillee jila isaanirraa eegamtu Adoolessa darbe butte dhaabanii jiran” jedhan.
“Dubartoonni isaanii goolmaa naqatanii jiran. Daballeellee elellaan irra kaayanii jiran. Jarrillee qophiitti jiru,” jedhaniiru.