Ibraahim Raa'isii: Dursaa amantaa cimaa pirezidaantii Iraan kan turan eenyudha?

Dursaa amantii cimaafi Hogganaa Olaanaa Ayaatolaah Alii Kaameeniitti dhihoo kan ta’an, Ibraahim Raa’isii, baatii Waxabajjii bara 2021 keessa pirezidaantii Iraan ta’uun filataman.

Maanguddoon ganna 60 kun malaammaltummaa ittisuufi rakkoo diInagdee Iraan pirezidaantii aangoo gadhiisaa jiran Hasan Ruhaanii jalatti mudate furuuf nama hunda caalu ta’uun of dhiheessan.

Kanaan dura itti gaafatamaa qaama haqaa biyyattii kan turan yoo ta'u, ilaalcha siyaasaa leellisummaa (ultra-conservative political views) qabaniidha. Lammiileen Iraan fi falmitoonni mirga namoomaa hedduun bara 1980moota keessa hidhamtoota siyaasaa jumlaan ajjeefamuu keessatti gahee akka qaban Raa’isiin akeekaniiru.

Ibraahim Raa’isiin bara 1960 magaalaa guddittii Iraan lammaffaa fi mana qulqulluu Musliimoota Shi'aa biyyattii keessatti argamuu kan taate, Mashhaaditti dhalatan. Abbaan isaa abbaa amantii kan ture yoo ta'u, wayita Raa’isii mucaa waggaa shan ta'u jalaa du'an.

Aadaa amantaa Shi'aa keessatti sanyii Nabi Muhaammad ta'uu isaa kan ibsu turbaan gurraacha kan uffatan Aab Raa’isiin, duukaa abbaa isaanii hordofuun umurii isaanii waggaa 15tti magaalaa qulqulluu Qom keessatti mana barumsaa seeminaariitti barachuu jalqaban.

Barataa yeroo turaniittis mormii Shaah kan biyyoota dhihaatiin deeggaramufi dhumarratti bara 1979tti Warraaqsa Islaamaa Ayaatollaah Ruhollaah Khomeeniin durfamu keessatti kuffifame, irratti hirmaatera.

Warraaqsa booda ammoo qaama haqaatti makamuun magaalota hedduu keessatti abbaa alangaa ta'uun tajaajilaa kan ture yoo ta'u, bara 1981 pirezidaantii Iraan kan ta'e Ayaatollaah Khaameneen leenji'aa ture.

Raa’isiin waggaa 25 yeroo turetti itti aanaa abbaa alangaa Teehraan ta'uun tajaajileera.

Yeroo sanatti abbootii murtii afur mana murtii dhoksaa bara 1988 hundeeffamanii fi "Koree Du'aa" jedhamuun beekaman keessaa tokko ta'uunis tajaajilaniiru.

Manneen murtii kunneenis hidhamtoota kumaatamaan lakkaa'aman kanneen duraanuu sababii sochii siyaasaa isaaniitiif adabbii hidhaa irratti murtaa’e irratti "irra deebi'anii murtii kennan". Irra caalaan isaanii miseensota garee mormituu bitaa Mujahedin-e Khalq (MEK) kan Dhaabbata Mujaahidin Ummata Iraan (PMOI) jedhamuun beekamu turan.

Lakkoofsi namoota murtii du’aa manneen murtiitiin irratti murtaa’e sirriitti hin beekamu. Garuu gareewwan mirga namoomaa, dhiironnii fi dubartoonni gara kuma shan ta’an haala yakka mirga namoomaa raawwatameera jechisiisuun, ajjeefamuun awwaala jumlaa mallattoo hin qabne keessatti awwaalamaniiru jedhu.

Hoggantoonni Rippabiliika Islaamaas ajjeechaan kun raawwatamuu hin haallee, garuu dhimma bal’inaasaa fi seera qabeessummaa dhuunfaa irratti hin mari’atan.

Obbo Raa’isiin murtii du'aa kana keessatti gahee qabaachuu irra deddeebi'anii haalaniiru. Garuu sababa fatwaa ykn murtii amantaa hogganaa olaanaa duraanii Ayaatollaah Khoomeeni irraa kennameen haqa qabeessa ta'uu isaanii dubbatu.

Waggaa shan dura waraabbiin sagalee walgahii bara 1988 Aab Raa’isi, miseensota qaama haqaa biroo hedduufi itti aanaa hogganaa olaanaa yeroo sanaa Ayaatollaah Hosseen Alii Montaazerii (1922-2009) waliin taasifame miliqee bahee ture.

Isa keessatti Montaazeri ajjeechaa kana ''seenaa Rippabiliika Islaamaa keessatti yakka guddaadha'' jechuun ibsuun yoo ibsan dhaga'amu. Waggaa tokko booda garuu yeroo Khomeeni du'aniitti, Montaazerii bakka isaanii bu'uun muudamu waan dhabaniif, Ayaatolaah Alii Kaamee Hogganaa Olaanaa ta'un muudaman.

Mr Raa'isiin bara 2014tti abbaa alangaa waliigalaa Iraan ta’uudhaan muudamuu isaanii dura, abbaa alangaa Teehraan ta’uu itti fufuudhaan, achiinis itti gaafatamaa Dhaabbata Qorannoo Mootummaa fi Dursaa Ittaanaa Hogganaa Qaama Haqaa biyyattii ta’uun tajaajilaniiru.

Waggaa lamaan booda ammoo Ayaatolaah Alii Kaameen eegduu faawundeeshinii bu'uuraalee amantii Iraan barbaachisoofi seena qabeeyyii ta'an keessaa tokko, Astan-e Quds-e Razavi irratti isaanii muudan.

Mashhad keessatti bakka qulqullummaa Imaam Reezaa Shi’aa saddeettaffaa akkasumas dhaabbilee tola-ooltummaafi dhaabbilee adda addaa isaan waliin hidhata qaban hunda ni bulcha. Akka US jettutti, innis ijaarsa, qonna, anniisaa, telekoomiifi tajaajila faayinaansii irratti qabeenya diinagdee bal’aa hammata.

Bara 2017tti Aab Raa’isiin pirezidaantummaaf dorgomuudhaan taajjabdoota ajaa'ibsiisanii ture.

Mr Ruuhaanii, abbaa amantii isaan waliin hojjetan, jalqabaa irratti filannichaan marsaan dursuudhaan sagalee %57 argachuun marsaa lammaffaaf injifatan. Raa’isiin kan akka qabsaa’aa farra malaammaltummaatti of dhiyeessaniifi garuu ammo pirezidaantichaan, ‘ittaanaa hogganaa abbaa seerummaa ta’uun malaammaltummaa furuuf waan xiqqoo qofaa hojjetee’ jechuun himataman, %38n sadarkaa lammaffaa qabatan.

Kasaaraan sunis maqaa Aab Raa’isii kan hin miinee yoo ta'u, bara 2019 Ayaatolaah Alii Kaameen itti gaafatamaa qaama haqaa cimaa sadarkaa guddaa qabuuf gochuun muudan.

Torban ittaanuttis, itti aanaa dura taa’aa Yaa’ii Ogeessotaa, kan qaama barreessaa miseensota 88 qabuu fi Hogganaa Olaanaa ittaanu filachuuf itti gaafatamummaa ta’ee taasifamuun filataman.

Obbo Raa’isiin akka hogganaa Olaanaa qaama haqaatti, riiformii biyyattii keessatti lakkoofsa namoota yakka qoricha sammuu hadoochu waliin walqabatee murtiin du’aa itti murtaa’eefi ajjeefaman akka hir’atu taasise hojiirra oolchaniiru. Haata'u malee, Iraan Chaayinaan alatti, namoota du’aan adababuudhaan biyyoota biroo caalaa itti fufteetti.

Akkasumas qaamni haqaa biyyattii tajaajila nageenyaa waliin ta’uudhaan kanneen mormii dhaggeessisan irratti tarkaanfii fudhachuufi lammiilee Iraan lammummaa biyya biraa qaban ykn jiraattota dhaabbataa biyyoota alaa ta’an hedduurratti himannaa basaasaa dhiyeessuun ajjeessuu itti fufeera.

Pirezidaantiin Ameerikaa yeroo sanaa Doonaald Tiraamp, haala qabiinsa mirga namoomaa Aab Raayisii ilaalchisee bara 2019tti qoqqobbii irra kaa’anii ture.

Innis ajjeechaa namoota wayita yakka raawwachuun yeroo himatamaniitti dargaggoota turan, akkasumas filannoo pirezidaantii falmisiisaa bara 2009 booda mormitoota Sochii Magariisaa keessatti hirmaatan irratti tarkaanfii fudhatame irratti to’annoo bulchiinsaa qabaachuudhaan himatamu.

Mr Raa’isiin filannoo pirezidaantii bara 2021 irratti dorgomuu isaanii yeroo beeksisaniitti, "hoggansa hojii raawwachiiftuu biyyattii irratti jijjiirama fiduuf akkasumas hiyyummaa, malaammaltummaafi loogii qolachuuf akka nama walabaatti waltajjiitti as bahee" jechuun labsanii ture.

Sababii kanaatiinis kaadhimamtoonni Manni Maree Eegdota sarara cimaa ta’efi haaromsaa bebeekkamoo hedduu ulaagaa osoo hin guutiin hafan.,

Mormitoonni fi haaromsitoonni tokko tokkoos adeemsi kun Aab Raa’isii dorgommii cimaa akka hin mudanneef kan hojjetame ta’uu eeruudhaan filattoonni filannoo kana akka ugguran gaafataa turan.

Itti fufuunis, marsaa jalqabaa irratti sagalee %62 argachuun injifannoo cimaa galmeessan. Haata'u malee, hirmaannaan ture %49 -gadi aanaa ture. Erga warraaqsa bara 1979n booda filannoo pirezidaantii gaggeeffameen kun kan sadarkaa gadaanaan itti galmeefame ta’unsaa ni yaadatama.

Aab Raa’isii, haati warraasaanii Jamiilehiin, Yunivarsiitii Shahid Beheshti kan Teehraan keessatti barsiistuu ta’usheefi ijoollee durbaa gurguddoo lama qabaachuu isaaniin alatti, waa'ee jireenya dhuunfaasaanii wanti beekamu xiqqaadha. Abbaan haadhawarraa isaas Ayaatolaah Ahmad Alaamolhodaa, geggeessaa salaata jum'aa cimaa Mashhad keessatti argamuuti.