Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa qilleensarraa Israa'el Sooriyaatti raawwatteen namoonni 40tti siqan ajjeefaman
Haleellaa qilleensaa Israa'el magaalaa Sooriyaa, Aleeppoo jedhamu cinaatti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 36 ajjeefamuu gabaasaaleen himan.
Ministeerri Ittisaa Sooriyaa haleellaan kun baadiyaa Aleeppoo bakka baayyee rukkutuu ibseera. Kun kan raawwatame akka saatii bakka sanaatti Jimaata barii 7:45 irratti ture.
Buufanni isaa UK kan ta'e Siiriyaan Observaatorii foor Huumaan Raayitis (SOHR) akka jedhutti, kan irratti xiyyeeffatame meeshaa waraanaa garee milishootaa Hezboollaah dha.
Hezboollaah garee milishaa Iraan irraa deeggarsa argatu, Libaanos keessa maadheffate yoo ta'u, Israa'el waliin 'si argee, diina arge' jechuun yaaddoo waliif ta'aa jiraatu.
Israa'el addatti haleellaa Sooriyaa keessatti raawwwattu kamiyyuu ilaalchisuun yaada hin kennitu.
Maddeen nageenyaa lama eeruun, maddi oduu Rooyitars akka gabaasetti, namoota ajjeefaman keessatti loltoonni Hezboollaah lama jiru. Kun ammoo lakkoofsa namoota haleellaa kanaan ajjeefamanii 38 qaqqabsiisa.
Akka ministeerri ittisaa Sooriyaa jedhetti, namoonni nagaafi qondaalli waraanaa Sooriyaas warra ajjeefaman keessatti argamu.
Neetiwoorkii bal'aa achirraa qabuun waan Sooriyaa keessatti mudatu kan hordofu SOHR, kanneen ajeefamaniin alatti namoonni kudhanii ol ta'an madaa'aniiru jedheera.
Bakki irratti xiyyeeffatamee haleelame kun buufata Xiyyaaraa Aleeppootti dhiyoodha.
Erga wal waraansi Sooriyaa keessatti bara 2011 keessa jalqabee kaasee, Israa'el haleellaawwan dhibbaan lakkaa'aman Sooriyaa irratti raawwatteetti.
Kana kan godhaa jirtuuf ammoo garee Iraan waliin hidhata qabu jettu irratti xiyyeeffattee rukkutuufi.
Iraan garee Filisxeem keessa taa'ee Israa'eliin lolu, Hamaasiin, addatti deeggarti.
Haleellaa Israa'el Sooriyaa keessatti gaggeessitu kun erga Onkoloolesa 7 Hamaas Israa'el irratti waraana banee dabalaa dhufeera.
Gocha Hamaas Onkoloolessa 7 Israa'el seenee raawwate haaloo ba'uuf Isra'el ammoo Gaazaa keessatti Hamaas irratti waraana banteetti.
Libaanos keessa maadhefatee Iraan irraa deeggarsa argachaa kan jiru Hezboollaah ammoo kibba Libaanosirraa irra deddeebiin rookkeettii Israa'elitti dhukaasa.
Ministeerri ittisaa Sooriyaa akka jedheetti, haleellaan xiyyaaraa haaraa Israa'el amma raawwatte kun haleellaa diroonii Aleeppoo keessatti "dhaabbileen shororkeessitootaatiin" raawwatame waliin walirra bu'e.
Ministeerri ittisaa kun haleellaa diroonii sanaan kan du'e jiraachuu hin ibsine.