Abjuu xombora Olompikii baachuu nama garbummaa jalaa oolee

Baqataan waggaa 19'f erga eeggateen booda UK keessatti hafuuf mirgi kennameef jecha gammadaa jiru tokko, amma ji'a dhufu keessa Paarisitti xombora Olompikii baachuuf abdataa jira.
Mohaammad Zaamaan bara 2005tti ture Baanglaadeesh irraa viizaa fi hojiidhaan qabachuun gara Landan kan dhufe. Garbummaa ammayyaatiin garuu miidhameera.
Nama ispoonsar isa godhu qaba ture, haata'u malee hanga viizaansaa dhumutti paaspoortiin isaa harkaa fudhatame. Isaan boodas seeraan ala UK keessatti hafe.
Dhiheenya kana akka UK keessa turuuf hayyamni waan kennameef, ji'a dhufu Paaraalimpikiidhaan dura xombora beekamaa kana baachuu akka danda'u abdii qaba.
Turtii waggoota digdamaa
Mr Zaamaan bara 2005tti yeroo UK gaheettis ispoonsarri isaa kaffaltii xiqqaadhaan sa'aatii dheeraa akka hojjetu isa dirqisiise.
''Guyyaa hunda, guyyaatti sa'aatii 16 ykn 17, torbanitti guyyaa jaha, yeroo tokko tokko torbanitti guyyaa torba hojjenna turre,'' jechuun BBC Londonitti hime.
“Namoota gara sagal hanga 10 taane kutaa lama keessa jiraanna turre.”
Innis hokkoraan kan doorsifame yoo ta’u, mindeessaan miidhaa irraan gahaa tures, maqaa isaatiin liqaa fudhachuudhaaf odeeffannoo isaatti fayyadame.
Dhumarrattis jaLaa miliquudhaan gara poolisiitti kan deeme yoo ta'u, waggoota kurnan lamaan darbaniif ammoo haala immigireeshinii isaa sirnaan jijjiiruuf yaaluun dabarse.
Maallaqa mootummaatti kan hin gargaaramnee fi erga viizaan isaa dhumee booda mirga hojjechuu waan hin qabneef, yeroo isaa irra caalaa qophiiwwan ispoortii gurguddoo magaalaa guddoo biyyattii keessatti raawwataman irratti tola ooltummaadhaan dabarse.
Mr Zaamaan garee namoota filatamoo xombor tapha Koomanwelzi bara 2022 baatan keessaa tokko yoo ta’an, Olompikii Landan bara 2012 irrattis hojjetaniiru.
Ji’a Onkololessaa keessa BBC Landan seenaa Mohaammad himee ture. Erga yeroo sanaatii as Waajjirri Biyya Keessaa UK keessa turuu akka danda'u ibse.
''Nan hojjedha, nan jiraadha, bilisummaa nan qabaadha,'' jedhu Obbo Zaamaan.

Tola ooltummaa isaaf beekamtii kennuudhaan, Olompikii Paaris irratti nama xombora baatu akka ta'uuf affeerame. Kanaafuu, Sambata darbe magaalattii keessatti ibsaa Olompikii baatee deemuu qaba ture.
Haata'u malee, paaspoortiin isaa kan Baanglaadeesh erga yeroon isaa irra darbee waan tureef, sanadni imala hatattamaa Waajjira Biyya Keessaa irraa yeroodhaan kennameefii deemu hin dandeenye.
Angawoonni Olompikii Paaris guyyaa haaraan gaafa Hagayya 28, banamuu Paaraalimpikii isaaf kennaniiru.
Yeroodhaan achi ga’uuf Zaamaan sanada imala hatattamaa Waajjira Biyya Keessaa ykn Komishinii Ol’aanaa Baanglaadeesh irraa akkasumas viizaa Faransaay hatattamaa argachuu qabu.

Waajjirri Biyya Keessaa sanada imala hatattamaa yeroof ta'u kennuufi qorachuun gargaaruuf kan yaade yoo ta'u, Mr Zaamaan ammoo guyyaan haaraan kun paaspoortii Baanglaadeesh haaromsuuf yeroo gahaa akka isaaf kennu abdii qaba.
“Addunyaa guutuurraa namoonni 100,000 kan kaadhimaman yoo ta’u, namoota 10,000 qofatu [kan] xombora Olompikii qabatanii fiiguuf filataman,” jedha.
''Dhugumaan carraa qaba, warra na filataniifis galata guddaa qaba. Hundaa isaaniis baayʼeen galateeffadha.”















