Hambaalee Olompikii mallattoosaanii Paariis keessatti dhiisan

The track at Colombes is where Harold Abrahams and Eric Liddell won Olympic golds, an event that was recreated in the film Chariots of Fire (pictured)

Madda suuraa, hariots of Fire/Enigma Production/Hugh Hudson

Ibsa waa'ee suuraa, Sarara irra fiigiichaa Kolombees bakka Haaroold Abraahaams fi Eriik Liideel warqee Olompik ittiin injifatan

Kun barreeffama hidhata magaalaan Faransaay, Paaris dorgommii Olompikii waliin qabdu agarsiisuuf barreeffameedha.

Barreeffamni kun qophiin Olompikii bara faranjootaa 2012 magaalaa Landaniin osoo hin fudhatamiin dura kan maxxanfame ture.

Barreessichi, “Paaris magaalaa dorgommii Olompikii akka haaraatti dammaqsuun sadarkaa guddina amma irra gaheef tarkaanfiiwwan ijoon itti uumamanidha” jedha.

Tarkaanfilee kunneen keessaa hundeeffamni Koree Olompikii Idiladdunyaa tokko yemmuu ta’u, Waxabajjii 1894 lammii Faransaay kan ta’e Piyeer Da Kubeertaa dorgommiin Olompikii sadarkaa idil addunyaatti akka adeemsifamuuf yaadasaa hirmaattota Konfiraansii Atileetiksii Idiladdunyaaf dhiyeessuun yaadnisaas fudhatama argate.

Tarkaanfiiwwan lammaffaafii sadaffaa immoo magaalaan Paaris dorgommiiwwan Olompikii lammaffaafii saddeettaffaa qopheessuu isheeti.

Faanni dorgommiilee Olompikii lamaanii ammallee magaalaa Paariis keessaa mul’atu. Asiifii achi yoo ilaaltan “leegaasiin” dorgommiiwwan kunneenii ammallee lubbuun jiru.

Baa 1900 keessa saayikiliin dorgommiif faayidaarra oolfame

Kunneen keessaa tokko kan ta’e dirreen dorgommii saayikilii iddoo Bois de Vincennes jedhamutti argamu isa tokko. Dirreen dorgommii kun waggoota 124 booda ammallee tajaajila kennaa jira.

Saayikilii fiigsuun ispoortiiwwan bara 1900 keessa akkaan jaalataman keessaa tokko yemmuu ta’u, dirreen dorgommichaa garuu dorgommii saayikiliin cinatti, dorgommiilee akka jimnaastiksii, kubbaa miilaafii kunneen biroo keessummeessaa tureera.

Kana malees dirreen kun iddoo Ingilaand fi Faransaay dorgommii Kirikeetii irratti walmorkachuun Ingilaand injifannoo itti goonfattedha.

Waggoota darban keessa dirree kanaaf haaromsawwan garagaraa taasifamaa turan. Haa ta’u malee baaxii isaatiin alatti iddoon daawwattootaa hin jijjiiramin jira.

Dorgommiilee Olompikii ALA bara 1900 adeemsifamerratti turan keessaa tokko tokko ajaa’iba turan, dorgommiileen kunneen amma hinjiran, qaama seenaa Olompikii ta’aniiru.

Dorgommiilee kunneen keessaa tokko meeshaa waraanaa guddaa akka madfii dhukaasuu ture. Kana malees dorgommiileen akka qurxummii kiyyeessuu, ‘barmeelii’ lafarra dhiibuun konkolaachisuu fi afuuffeen fageenya dheeraa imaluun ni argamu.

Qophi sirna baniinsaa 1924 istaadiyemii Kolombiiyaarraa

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gama biraatiin qormaanni dorgommii Olompikii 1900, dorgommichi Agarsiisa Idiladdunyaa Paaris waliin sa’aa walfakkaataatti adeemsifamuu isaati. Kanaanis namoonni baay’een dorgommichi qaama agarsiisichaa akka ta’etti yaadu turan.

Haa ta’u malee dorgommiileen Olompikii Paaris keessatti adeemsifaman dorgommichi Giriik keessatti qofa kan adeemsifamu akka hintaanefii dorgommii idiladdunyaa ta’uusaa gama hubachiisuutiin gahee olaanaa bahataniiru.

Kana malees dorgommiileen Olompikii ilaalcha ispoortiin gochaa yeroo dabarsuuf qofa fayyadu osoo hintaanee dhimma barbaachisaa ta’uusaa gama hubachiisuutiinis gumaachaniiru.

Gama biraatiin dorgommiin Olompikii bara 1900 dubartoonni gosoota ispoortii akka Goolfi, yabala bidiruufi Kirookee irratti hirmaatanidha.

ALA bara 1924’ttimmoo dubartoonni 135 gosoota ispoortii akka bishaan daakuu, iddoo olka’insa qaburraa utaaluun bishaan lixuu (diving) fi kunneen biroorratti hirmaataniiru.

Leegaasiin ijoon Olompikii bara 1924 iddoo dorgommii kutaa Kaaba-Lixaa Paaris keessatti iddoo Kolombes jedhamutti argamudha. Dirreen kun sirna baniinsaa dorgommichaafii dorgommiilee heddu keessummeessera.

Dorgommii Olompii Paarsii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Paarsii duraan bara1900 fi 1924 keessa olompikii keessumeessitee beekti

Iddoon dorgommii dirreen guluffii fardaa irratti ijaarame kun maqaa guddaa kan qabufii dorgommiilee kubbaa miilaafii Ragbii gurguddaa kan keessummeesseedha. Booda garuu iddoon adda durummaasaa isteediyeemiiwwan birootiin harkaa fuudhameera.

Dirreen kun ammalee tajaajila kan kennu yemmuu ta’u, dorgommiin tapha qillee irratti adeemsifama.

Hayyuun ispoortii Maayikil Delpin, “lammiilee Faransaay ispoortii jaalataniif istediyeemiin Kolombes keessatti argamu iddoo miiraan guutamedha” jedha. Dabaluunis “namoonni beekamoon heddu dirree kanarratti fiiganiiru, rukkutamaniiru, sakaalamaniiru. Iddichi ekeraan kan guutamedha” jedha.

Deeggartoota ispoortii Biritiishif immoo ekeraa isporteessitoota fiigicha gabaabaa Haarold Abrahaams fi Eerik Liideltu dirree kanarraa mul’ata.

Atileetonni lamaan dirree kanarratti meedaaliyaa warqee kan injifatan yemmuu ta’u, seenaan isaan dalaganis fiilmii matadureensaa ‘Chariots of Fire’ jedhu irratti hojjatameera.

Kana malees Olompikiin bara 1924 adeemsifame kan dhaadannoon Olompikii yeroo jalqabaatiif ifatti itti agarsiifamedha.