'Miila isaa tokko gaafa dhabu booyicha koo nan yaadadha' Artiist Mahmuud Ahimad

Mahaammuud Ahimadiifi Alii Birraa

Hiriyyaan ijoollummaa Doktara Kabajaa Alii Birraa Artiistiin Gameessii biraan Mahmuud Ahimad sirna gaggeessaa irratti dubbii gabaabaa godheen Aliin nama addaa turee jedhe.

''Alii Birra nama guddaa ture. Aliin sammuu baldhaa qaba ture. Qoosaa kan beeku hangafaafi quxusuu kan kabaju. Nama addaa ture.''

Aliifi Mahmuud ALI bara 1957 wayita Aliin Dirree Dhawaa irraa gara Finfinnee dhufee Kibuur Zabanyaa galu wal baran.

''Kibur Zabanyaa keessa gara waggaa torbaa tajajileera. Akkuma galeen nuti isa simanne. Innis namaan waliigala. Qoosaa danda'a'' jedha Artiist Mohaammad Ahimad.

Aliifi Mahmuud sirba Alii 'Ammaaleelee' jedhu waltajjiiwwan adda addaa gubbaatti waliin weellisaniiru.

''Ali Birraa kan ani dubbadhuuf miti, jechatu natti hanqata. Anaaf wallee ' 'Fiqrish naw ye goddaany'' jedhu naa kennee, na qo'achiseera. Mandooliinii taphataa ''Tiz Tiz Iyyaaleeny'' sirba jedhus na qo'achiiseera.''

Urjiin muuziqaa biraan obbo Mohaamnmuud Ahimad Aliin dhukkabsatee Adaamaa fi Bishooftuu waldhaansarra yeroo ture deddeebi'ee gaafateera.

''Duuti hin oolu. Du'uu isaa dura Bishooftuu fi Adaamaa dhaqeera. Gaafa dhumaa miila isaa tokko gaafa dhabu booyicha koo nan yaadadha. Miilli isaa citee torbanitti boqote.''

''Hiriyyoonni koo lama bifa walfakkaatuun dhabuutti nan gadda. Ani amma nan jajjabaadha. Ani maaliif jiraadhee kana akkan arge hin beeku'' jedha Artiist Mohaammuud.

Artiist Mohaammud Ahimadiifi keessummoota sirna gaggeessaarratti argaman

Madda suuraa, OBN

Gameessi Muuziqaa maqaa guddaa Xilaahuun Gassasaas lubbuun darbuu isaa dura waldhaansa godhamaafii ture keessa miilli isaa akka citu ta'ee ture.

Waltajjii gaggeessaa Alii kan irratti seenaa bara dargaggummaa isaanii gabaabse himeera.

''Ana, Tafarraa kaasa, Buzunesh Baqqalaa, Xilaahuun Gassasaa fa'a waliin ani tamboo xuuxuu baadhuus ana gidduu na galchanii ni xuuxu ture. Isatu gadan si baasa naan jedha ture'' jedha.

Aliin ollaa mana haadhasaa yeroo dheeraaf jiraataa akka ture kan ibse Artist Mahmuud Ahmad, wayita sana jaalalaa fi kabaja inni agarsiisaa ture yoomuu akka hin daganne ibse.