‘Kanaan booda eenyutu abbaa jedhe na waama?’- Lammii Filisxeem maatiisaa 103 dhabe

Ahimad al-Guferii, nama gaa'ila dhaabbateefi abbaa ijoollee dubaraa sadii ture. Garuu haleellaa Israa'eliin mana maatiisaa kan magaala Gaazaa irratti raawwatameen haadha warraafi ijooleesaa sadan dabalatee firootasaa 103tu jalaa ajjeefame.

Ahimad haleellaa boombii miseensa maatiisaa 130 fixe jalaa lubbuun kan hafee kan danda'e sababii guyyaa sanaachi hin turreef.

Innis gaafa sana bakka km 80 magaala Gaazaarraa fagaatu, Iyyaarikoo,= magaalaa West Baankii keessatti argamtutti ugguramee ture.

Ahomadis Onkkololeessaa 7, 2023 guyyaa Hamaas Israa'el irratti haleellaa raawwate sana dirree ijaarsa Teel Aviiv keessa hojjataa ture. Itti aansees sababii waraanaa eegaleefi uggura waraana Israa'elitiin, Ahimad haadha warraa fi ijoollee dubaraa sadanitti deebii'u hin dandeenye.

Yeroo bilbilli bahuuf guyyaatti al tokko isaan dubbisaa ture. Halkan Muddee 8 yeroo haleellaan naannoo maatii isaatti raawwatamaa tures haadha warraa isaa waliin bilbilaan haasa'aa turan.

''Akka du'uutu ni beekti ture'' jedha. ''Hamaa narratti hojjattee kamiifuu akkan dhiifama taasisuuf na gaafatte. Akkas jechuun barbaachisaa akka hin taaneen itti hime. Yeroo dhumaatiif kan waliif bilbillee sana ture.''

Haleellaa boombii cimaa mana eessuumasaarratti raawwatameen halkan sana haati wwarraasaa fi ijoolleensaa dubaraa sadan; Taalaa, Laanaa fi Naajilaan ajjeeffaman.

Akkasumas haatii Ahimad, obboolaansaa afuriifi maatiin isaanii akkasumas ijoollee eessuummaniifi adaaddaa ajjeeffaman. Waliigalatti namoota 100 olitu ajjeeffame. Ergasii baatii lamaa ol ta'ulleen hanga ammaatti reeffii muraasa saanii jijjigaa jalatti hafe.

Torban darbes guyyaa dhaloota intalasaa qixusuu yaadate. Naajilaan silaa waggaa lama guutti turte. Ahimad ammalleen badii isa mudate hubachuuf yaalaa jira.

Reeffa ijoolleesaa hammachuu dhabuun ykn awwaala isaanii irratti argamu dhabuunsaa, ammalleen ijjisaa imiimaaniin guutamaa dubbata.

"Ijoolleen durbaakoo ammalleen anaaf simbirroota xixiqqoodha" jedhe. "Abjuu keessa waanin jiru natti fakkaata. Waan nu mudate ammallee amanuun na rakkisa."

Ahimad suuraalee ijoolleesaa bilbila harkaasaafi foddaa laaptoppiisaarraa haqeera akka isaaniin hin adamsamneef.

Maaltu akka maatiisaa mudate ilaalchiisee, firootasaa fi ollaa muraasa lubbuun hafan irraa waan dhagaheen walitti qabate.

Isaanis jalqaba misaa'eliin seensa mana maatiisaa akka haleele itti himan.

Isaanis "saffisaan baqatanii gara mana eessumakoo naannoo sanatti argamuu dhaqan" jedhe. Haata'u malee, "daqiiqaa kudha shaniin booda xiyyaarri waraanaa mana sanarratti haleellaa raawwate."

Gamoon abbaa darbii afurii kan maatiin kun itti ajjeefaman naannoo Zeyituun, mana yaalaa magaalaa Gaazaa keessatti argamu Sahabatti dhiyaatti argama.

Amma ijaarsi gamoo sana diigamuun, naannichatti kan hafe xuqaawwa haalluu, kubbaayyaa pilaastikii magariisa, uccuuwwan daaraan makamaniitu mul’ata.

Qarqarri foddaa konkolaataa bifa meetii, iskiriiniin foddaasaa cacabuun konkoriitii dhaggaa tulame jalatti argama.

Firoota Ahimad lubbuun hafan keessaa tokko kan ta'e Hamid al-Guferi, BBC'tti akka himanitti, yeroo haleellaa sun jalqabameetti, kanneen gara gaaratti ol baqatan lubbuun hafaniiru. Garuu kanneen manatti baqatan ajjeefamaniiru.

"Haalliichi saqqii ibiddaa ture,'' jedha. Mana keenyatti aansees manneen jireenyaa afran irratti haleellaan raawwatame. Daqiiqaa kudhan kudhaniin mana haleellaa turan."

"Maatii Guferiin keessaa namoonni 110 achi turan, jechuunis ijoollee fi firoottan keenya dabalate," jedhan. "Muraasni isaaniirraa kan hafe hundi isaanii ajjeefamaniiru."

Namoonni lubbuun hafan akka jedhanitti, namoota du'an keessaa kan umuriin guddaa akkoosaanii kan ganna 98 yoo ta’an, kan umuriin xiqqaan ammoo daa'ima erga dhalatee guyyaa sagal hin caalle keessatti argama.

Firri Ahimad kan biraa, ilmi essumasaa kan maqaansaa Ahimad jedhamus waa‘ee dhohinsa gurguddaa lama haleellaa qilleensaatiin uumame ibse.

''Akeekkachiisni dursaa hin turre,'' jedhan. "Osoo namoonni muraasni naannichaa dursanii hin baqanne ta'ee, namoonni dhibbootaan lakkaa'aman ni ajjeefamu jedheen yaada. Naannichi amma guutummaatti wanta addaa fakkaata.

''Bakki konkolaataan dhaabatu, bakka bishaan itti kuufamu fi manneen jireenyaa sadii fi mana guddaa tokkotu ture. Dho'iinsichi naannoo mana jireenyaa sana guutuu dhabamsiiseera."

Hamid akka jedhetti, namoonni lubbuun hafan hanga ganamaatti reeffa namootaa gamoo diigame keessaa baasuuf hojjataniiru.

"Xiyyaaronni samii keessa marsaa, osoo nutis namoota danqama baasuuf yaallu diroononni nutti dhukaasaa turan," jedha ilmi eessumaa Ahimad.

"Mana keessa taa'aa turre, garuu caccabaa gamoo jalatti of arganne," jechuun Ummu Ahimad al-Guferi BBC'tti himeera.

"Gama tokkoon gara isa biraatti darbatame. Akkamitti akka na baasan hin beeku. Du'as ija keenyaan fulduratti agarree jirra."

Ji'a lamaa fi walakkaan booda ammallee reeffa caccabaa gamoo jalatti awwaalame muraasa baasuuf yaalaa jiru.

Maatiis maallaqa walitti qabudhaan namoota reeffa gamoo jalatti hafe qotee baasu qotuu danda'an mindeessaa jiru.

"Haadha warraa obboleessa kootiifi ilma obboleessa koo Mohaammad dabalatee, reeffa namoota afur [har'a] baasneerra. Guyyoota 75‘f caccabaa gamoo jala turan," jechuun jedhan Ahimad BBC'tti wayita himetti.

Bakki awwaalcha isaanii yeroodhaaf lafa duwwaa naannichatti argamu xiqqootti qotameera. Uleefi pilaastiikiidhaan mallattoon itti taasifama.

Ahimad Iyyaariko keessatti uggurameera waan ta'e Gaazaa dhaqee isaan gaafachuu hin dandeenye.

"Haadhakoo, haadha manaakoo, ijoolleekoo fi obbolaa koorraa kanan dhorkameef maliin balleesse?" jedhee gaafate. "Hundi isaaniiyyuu namoota nagaa turan."

Waa'ee himannaa maatiin haleellaa qilleensaatiin irratti qiyyaafatamuu dhiyeessan kanneenis Waraana Israa'el gaafanneerra. Waraanichis deebii kenneen, waa'ee haleellaa jedhamu kana akka hin beekneefi Humni Ittisa Israa'el (IDF) waraanaa Hamaas irratti gaggeessa jiruun ''namoonni nagaa akka hin miidhamneef of eeggannoo barbaachisu'' akka taasisu hime.

Guyyoota maatiin Ahimad itti ajjeefamaniin duraa fi booda humnoota Israa’eliifi hidhattoota Hamaas gidduutti Shejiyyaa, naannoo mana al-Guferitti lola cimaatu ture.

Mudde 9, 2023 Waraanni Israa’el ibsa yeroo kennu ''shororkeessitoota misaa'ela farra taankii hidhatan hedduu Shejiyyaatti dhiyaatan argeera jedhe.

Sana booda xiyyaroonni isaa maadhee shororkeessitootaati kan jedhu Gaazaatti haleelu ibse.

Zeyituun ammoo bakka gamoowwaan mana jireenyaa namoonni miidhaman kanaa itti argamu yoo ta’u, iddoo haleellaan waraana Israa’el irratti qiyyaafate ture.