Du’a baqattoota Itoophiyaa 30n walqabatee namni hidhamee ture hiikame

Eddoo godaantoonni jumlaan itti awwaalamanii turan

Madda suuraa, MALAWI POLICE

Lammilee Itoophiyaa baatii Onkoloolessaa keessa Maalaawii keessatti awwaalli jumlaa isaanii argameera jedhameen walqabatee shakkamuun to’atamee kan ture ilmi pirezidantii duraanii wabiin gadhiifamuun dhagahame.

Pirezidantiin duraanii Maalaawii Piitar Mutaariikaa, ilmi buddeenaasaa yakka seeraan ala namoota dadabarsuufi yakka ajjeechaatiin shakkamuun poolisiin erga to’atamee baatii lama ta’ee ture.

Ilmi pirezidantii duraanii Taadikiilaa Maafuubizaa jedhamun beekamu kun kan to’atame, Onkolooleessa darbe keessa godaantoonni lammmilee Itoophiyaati jedhamaniifi awwalcha jumlaa namoota 30 argameen wal qabateeti.

Shakkamaan garuu himannaa irratti dhiyaate waakkateera.

Manni-murti Olaanaa Maalaawii Roobii Amajjii 11, 2023 dhimma shakkamaa kanaa erga ilaaleen booda, wabii maallaqa biyyattii Kiwaachaa miiliyoona lama ykn doolaaraa kuma lama akka qabsiisu, akkasumas shakkamtoonni kaanis tokkoon tokkoosaanii wabii lama kan doolaara kuma ta’u akka dhiyeessan murteesseera.

Kana malees, manni-murtichaa yeroo wabii hayyamameetti shakkamaan Maalaawii keessaa akka hin baaneef paaspoortii isaafi sanadoota imalaa kan biraa poolisiitti akka kennu ajajeera.

Taadikiilaa Maafuubizaa mirgi wabii yoo hayyamamuuf dhaddacha keessa akka hin turre himame.

Manni-murtichaa shakkamaan dhimma itti shakkame irratti namoota ragaa ta’uu danda’an waliin haala kamiinuu walitti dhufeenya akka hin qabaannee fi torban lama lamaan guyyaa Kibxataa gara waajjira Mummee Poolisii biyyattiitti dhiyaachuun gabaasa akka taasisuuf ajajeera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Baatii Onkoloolleessaa darbe keessa bulchiinsa Kaabaa Maalaawii bakka Moziimbaa jedhamuutti bosona guddaa keessatti ture namoonni 30 lammiilee Itoophiyaati jedhaman jumlaan awwaalamuu poolisiin biyyatti kan beeksiise.

Poolisiin ibsa tibba sana baaseen, ‘‘ragaan argannee akka mul’isuutti namoonni ajjeeffaman lammiilee Itoophiyaati’’ jechuun umuriinsaanii ammoo wagga 25 hanga 40 akka ta’u ibsee ture.

Qorannoo reeffarratti taasifameen bu’aa argameen, lammiilee Itoophiyaa kunneen du’aaf saaxilaman karaa seeraan alaa dhoksaan akka dabarfaman wayita taasifamanitti ukkaamfamuu isaan mudateen ta’uun beekameera.

Poolisiin ilma pirezidantii duraanii biyyattii kana to’annoo jala kan oolche namoota 30n kanneen godaansisuuf konkolaataa isaatti itti fayyadamame jedhameera. Konkolaachisaan isaas poolisiin to’atamee ture jedhamee ture.

Taatee kanaan boodas Ministeerri Dhamma Alaa Itoophiyaa namoota du’an irratti qorannoo gaggeessuufi aanga’oota Maalaawwii waliin wal ta’uun waan barbaachisu hunda raawwachuuf garee tokko hundeessuun gara baikka sanaatti bobbaasee ture.

Haaluma walfakkatun, jalqaba baatii Muddee keessa reeffii godaantoonni lammii Itoophiyaati jedhaman 27 Zaambiiyaa keessatti qarqara daandiitti gatamee argamun ni yaadatama.

Lammiileen Itoophiyaa hedduun karaa namoota seeraan ala nama dadabarsaniitiin biyyoota akka Keeniyaa, Taanzaaniyaa, Mozaambiikii fi kaan qaxxaamuruun gara Afriikaa Kibbaatti imalu,

Sababii kanaatinis godaantoonni kunneen miidhaa cimaa fi waln dhahuu keessa darbu. Baayyeen isaanii ammo sababiiwwan adda addaatiin jumlaa fi dhunfaan du’aaf kan saaxilaman ta’u ni gabaafama.