Biyyoonni paaspoortii viizaa malee biyyoota heddu nama galchan qaban kam fa'i?

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni ''Henley nd Partners'' jedhamu paaspoortiiwwan ‘cimoo’ fi ‘dadhaboo’ jedheen ifa taasiseera.
Dhaabatichi gabaasa isaa bara haaraatti baaseen, paaspoortiin Jaappaan ‘cimaa’ addunyaarratti kan jalqabaa viizaa malee biyyota hedduu nama galchuu ta’uun itti fufeera.
Paaspoortiiwwan tartiiba sadarkaa keessa dadhaboo jedhaman keessa kan Afgaanistaan, Iraaqi fi Sooriyaa sadarkaa gadaanaa irratti argamu.
Dhaabbanni ''Henley and Partners'' kunis sadarkaa paaspoortiiwwanii kan baasu, odeeffannoo waldaa Geejiba Qilleensaa kan fayyadamu yoo ta’u, imaltoonni paaspoortii Jaappaan qabatan gara biyyoota fi bulchiinsota 193 viizaa malee imaluu danda’u jedhe.
Jaappaaniitti aanuun ammo Siingaapoor fi Kooriyaan Kibbaa qabxii 192n sadarkaa lammaaffaa irratti argamu.
Dhaabbatichi cimina paaspoortotaa kan madaalu, imaltoonni sababii paaspoortii qabataniitiin dursanii viizaan kan isaan hin barbaachifne ta’ufi gara biyyoota meeqaatti imaluu akka danda’an ilaaluun.
Akka gabaasa dhaabbata kanaatti dursa viizaan hin barbaachisu jechuun, gara itti imalaniitti viizaa hin gaafataman ykn ammoo mirga erga qaqqabaniin booda viizaa argachuu qabu jechuudha.
Dhaabbatichi sadarkaa paaspoortii kan baasu imala viizaa malee taasifamuuf qabxii tokko kennudhaan.
Tarree sadarkaa kanaanis paaspoortiin Itoophiyaa paaspoortiiwwan biyyoota 109 waliin wal bira qabamuun qabxii 46n sadarkaa 97ffaa irra kaa’ameera.
Kana jechuunis imaltoonni paaspoortii itoophiyaa qabatan osoo dursaa viizaan isaan hin barbaachisiin biyyoota 46tti imalu danda’u jechuudha.
Gabaasa nuusa sadaffaa bara 2022 dhaabbata kanaatin, Jarmaniifi Ispeen sadarkaa sadaffaa irratti argamu. Gabaasa ammaa kanaanis jijjiramni sadarkaa hin mul’anne.
Imaltoonni paaspoortii Fiilaandi, Xaaliyaanii fi Laaksambargi qabatan ammo gara biyyoota 189tti viizaa malee imaluun sadarkaa arfaffaarratti kan argaman yoo ta’u, Ostiriiyaa, Deenmaarki, Neezarlaandsi fi Siwiidiin ammo qabxii 183n sadarkaa 5ffaarra kaa’amaniiru.
Biyyoonni 10 cimina paaspoortii isaanitiin sadarkaa addunyaa gadaanaarratti ka’aman ammo, Liibiiyaa, Kooriyaa Kaabaa, Neeppaal, Bulchiinsa Filisixeem, Soomaaliyaa, Yeeman, Paakstaan, Sooriyaa, Iraaqi fi Afgaanistaan fa’idha.
Ciminni paaspoortii maaliin murtaa’a?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka Baankiin Addunyaa jedhuutti, dhimmoota cimina paaspoortii biyya tokkoo murteessa mummee keessaa tokko hama maallaqa lammiileen argataniiti.
Biyyoonni lammiileen sadarkaa dhunfaatti galii olaanaa itti argatan, biyyoota iyyeeyyii caalaa osoo viizaa dursanii argachuun isaan hin barbaachifne gara biyyoota hedduu imalu danda’u.
Galii lammiilee sadarkaa dhufaatiin alattis, nageenyi biyya tokkoo waliigalaa haala fooyya’een viizaa biyyoota hedduu argachuun osoo hin barbaachifne imaluuf ni taasisa.
Biyya tokkootti haleellaan shororkaa fi walitti bu’insii saba bu’uurreeffate kan baayyatu yoo ta’e, akkasumas yakkoonni gareewwan gurmaa’aniin raawwatamu yoo jiraate, imalli idil-addunyaa lammiilee biyya sanaa kan daangeeffame ta’a.
Biyyoonni buqqaatoonni hedduun keessatti argamaniifi mootummaa jiddugalaa cimaa hin qabnes haaluma walfakkaatuun biyyoonni dursa viizaa akka argataniif itti gaafataman hedduu ta’a.
Fakkeenyaaf lammiilee paaspoortii biyyoonni akka Yeeman, Afhgaanistaan, Sooriyaa fi Iraaqi kan diinagdeen isaanii ykn mootummaan jiddugalaa saanii dhabefi buqqaatoonni itti baayyatu kanneenii qabatan bakka hedduutti viizaa gaafatamu.












