Mariin Keeniyaatti mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduutti eegale 'hanga Jimaataatti dheerate'

Madda suuraa, Getty Images
Mariin jalqaba torban kanaa Wiixataa magaalaa Keeniyaa Naayiroobiitti eegale hanga Jimaatatti akka itti fufuu danda’u himame.
Mariin kuni erga waliigalteen nagaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF waliin torban darbe Afrikaa Kibbaatti mallattaa'ee booda kan eegaledha.
Marii ajajoonni waraanaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF irratti argaman kuni Roobii xumurama jedhamee ture.
Keeniyaatti dipiilomatiin Itoophiyaa akka himanitti mariin kuni hanga Jimaataa itti fufa.
Dabalataan maddeen Ministeera Dhimma Alaa Keeniyaa keessa jiran mariin kuni Roobii akka hin xumuramne BBC’f mirkaneessaniiru.
Mariin eegale carraan itti Roobii xumuramu xiqqaa ta’uufi guyyoota lama booda hanga Jimaataa itti fufuu akka danda’u BBC’n dippilomaatii kanarraa odeeffateera.
Mariin Ajajaan waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa fi Ajajaan humnoota Tigraay Janaraal Taaddasee Warradaa gidduu adeemaa jiru galma cufaatti adeemsifamaa jira.
Adeemsa hanga ammaa jiruufi bu’aa irra gahan wanti jedhame hin jiru.
Giddugala Kaaran Moraan Magaalaa Naayiroobii argamutti qaamolee lamaaniifi jaarsummaa kan taa’an ala seenuun kan hin danda’amne yoo ta’u, mariin gaafa xumurame gaazexeessitootaaf ibsi akka kennamu eegama.
Mariin yeroo jalqabaaf mootummaan Itophiyaafi TPLF Afrikaa Kibbaatti taasisanis akkasuma yeroo qabameefiin ala guyyoota dabalataa fudhachuun isaa ani yaadatama.
Torban darbe qaamoleen lamaan walitti bu‘iinsa dhaabuufi dhimmoota kaan irratti waliigalteerra gahaniiru.
Akkaataa waliigaltichaan dhimmoota irratti wal ta’ame hojiirra oolchuuf marii itti fufinsaan ni taasisu.
Ajajoonni waraanaa gama lamaan akkaataa humnoonni TPLF meeshaa hiikkatan, dhiheessi deeggarsa namoomaa, akkasumas tajaajiloonni bu’uuraa haala eegaluurrati ni mari’atu.
Waliigaltee nagaa torban darbe irra gahame hordofee Naayiroobiitti mariitti jiru.












