Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee baqattuu Eertiraa qofaashee bosonatti deessee Poolaandi maal jette?
Poolaandi dubbii dubartiin ulfaa lammii Eertiraa taate daangaa Poolaandi akka hin galleef loltootaan duubatti deebifamuun bosona keessatti qofaa ishee deesse jedhu haalte.
Dubartiin kun daangaa Poolaandi fi Beelaarus irratti qofaa ishee deesse jedhame.
Loltootni Poolaandi ulfa taatee yeroo daangaa biyya isaanii galuuf jettu ''duubatti deebisan'' jedhan aktivistoonni.
Ministerri Dhimma Biyya Keessaa Poolaandi Maaseej Duusazik BBCtti akka himanitti dubartiin kun daa'ima erga deessee gara daangaa dhufnaan simatamtee hospitaala galfamte.
Aktivistoonni akka jedhanitti ammoo kana dura Poolaandi galuuf yeroo yaalte dhorkamteetti.
Sana booda daangaa Beelaarusii fi Poolaandi bakka bosonni itti heddumatu keessa qofaa ishee turte.
Mootummaan Poolaandi haaraan imaammata daangaa ''namoomaa hedduu'' irratti akka xiyyeefatu ibseera.
Aktivistoonni akka jedhanitti ammoo ammayyuu loltootni Poolaandi godaantota hedduu daangaa irratti deebisaa jiru.
Poolaandi Beelaarus godaantotni hedduun karaa daangaa ishee gara biyyakootti akka galan gochaa jirti jechuun himatti.
Ministirichi akka jedhanitti dubartii tokko qofaashee bosona keessa inumaayyuu bakka baay'ee diilallaa'aa keessa turuun deesse waan jedhamu waanuma hin fakkaannee fi hin danda'amnedha.
Eegdotni daangaa ishee simachuun gara hospitaala Hajnowkaatti geessaniiru.
Hospitaalichi naannoo daangaatti dhiyoo kan jiru yoo tahu akkuma arganiin ishee geessan jedhan.
Haa tahu malee, Adam Barwiniskii garee mirga namoomaaf falmu Grupa Granica jedhamu irraa BBCtti akka himanitti, dubartiin ganna 38 akka daangaa Poolaandi ceeteen eegdotni daangaa ishee deebisuu nutti himte jedhan.
Dubartiin maqaan ishee akka eeramu hin barbaanne kun bakka naga qabeessa barbaacha waggoota baay'eef daandiirra deemaa akka turtes nutti himte jedhan.
''Diraamaan akkasii dhaabachuu qaba, namni kamuu haala akkasii keessatti dahuu hin qabu," jedhan Mr Adam.
Dubartiin kun hospitaalaa bahuun amma daa'ima ishee waliin mana jireenyaa appaartaamaa keessa jirti jedhe dhaabbanni mirga namoomaaf falmu kun.
Amajji darbe keessa Dhaabbileen Miti Mootummaa 100 tahanii fi aktivistoonni 500 tahan mootummaan Doolaand Taski godaantota duubatti deebisuu dhaabuu qaba jedhan.
Ijoollee fi dubartootaa kabajuuf erga ji'a Amajjii as cimsinee hojechaa jirra. Ergasii godaantota 350 tahan simanneerra jedhe mootummaan Poolaandi.