Ministeerri Geejjibaa Ameerikaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa maallaqaan adabe

Madda suuraa, Ethiopian/FB
Ministeerri Geejibaa Yunaayitid Isteetis Daandiin Qilleensaa Itoophiyaafi Iitaad Ayirwayis seera cabsaniiru jechuun maallaqaan akka dabaman murteesse.
Ministeerichi ibsa Kamisa darbe baaseen Daandiin Qilleensaa Itoopiyaa mallattoo (koodii) Ameerikaan Yunaayitid Ayirwayiin balali'uu isaatiin doolaara kuma 425 akka adabamu murtaa'eera.
Daandiin Qilleensaa Yunaayiid Arab Emireetis kan ta'e Iitihaad ammoo lakkooofsa adda baastuu Daandii Qilleensaa Ameerikaa Jeetbiluu jedhamuun balali'uu isaatiin doolaara kuma 400 adabameera.
Ministeerichi fuula marsariitii isaarratti odeeffannoo baaseen akka jedhetti, daandiiwwan qilleensaa lamaan, Abbaa Taayitaa Aveeshinii Federaalaa (FAA) daangaawwan qilleensaa daandiiwwan qilleensaa akka keessa hin balaliine dhorkaman keessa balali'uutiin ture seera kan cabsan.
Daaniiwwan qilleensaa lamaanuu gocha kanarraa akka of qusataniifis akeekkchiifni akka kennameefii tures gabaafameera.
Biiroon Ministeera geejjibaa Yunaayitid Isteetisitti Aveeshiin Kunsiyuumer Pirotekshin jedhamu qorannoo gaggeesseen Bitootessa 2020 hanga Mudde 2022 gidduutti Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa yakka kana raawwateera jedhame.
Yeroo jedhame kanatti Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa koodii Yunaayitid Ayirlaayins fayyadamuun Itoophiyaarraa Jibutiitti balaliiwwan baayyee taasiseera. Daangaan qilleensaa kun ammoo daandiiwwan qilleensaa Ameerikaa akka keessa hin balaliineef bulchiinsa Aveeshinii Federaalaatiin dhorkameera jedha.
Daandiin Qilleensaa Afrikaa guddichi gocha kana kan raawwate hayyama ministeera Gaajjibaa Ameerikaatiin ala ta'uu ibsichi eereera.
Adabbii kana ilaachisee deebii BBC'n Daandii Qilleensaa Itoophiyaarraa argachuuf yaale hin milkoofne.

Madda suuraa, Etihad Airways U
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qorannoo Iitihaad Ayirwayis irrati tasifameen Daandiin qilleensichaa Hagayya 2022 hanga Fulbaana 2022tti mallattoo Jeetbiluu Ayirwayis fayyadamuun balaliiwwan baayyee taasiseera.
Balaliiwwan kunneen kan taasifaman Yunaayitid Arab emiretis fi Yunaayitid Isteetis gidduu yoo ta'u, bulchiinsa Aveeshinichaatiin daangaawwan qilleensaa daandiiwwan qilleensaa Ameerikaatiif dhorkaa ta'an keessa darbeera jedha.
Ministeerici Iitihaadiiin Fulbaana 2022 fi Sadaasa 2022 beeksisullee daandiin qilleensichaa garuu Amajjii hanga Ebla 2023tti mallatoo Jeetbiluu fayyadamuun balali'aa turuu isaa ibsi kun eereera.
Ministeerri Tiraanispoortii Ameerikaa xiyyaarota imaltootaa Yunaayitid Isteetis keessatti galmaa'aniif yeroo yerootti beeksisa baasaaf.
Yeroo hedduu daangaawwan qilleensaa balaliirraa kan dhorkaman imala daandiii qilleensaaf mijatoo miti jechuun ykn qaxanaa walitti bu'insi keessa jiru jedhamee yoo yaadamedha.
Onkoloolessa darbe ministeerici Ejensii Aveeshinii Awurooppaatiif qajeelfama ergeen xiyyaaronni daangaa qilleensaa Iraan keessa akka hin balaliin dhorkaa kaa'uun isaa ni yaadatama. Onkoloolessa keessa Iraan Israa'el irratti haleellaa misaa'elii gaggeessuun ishee ni yaadatama.
Daandiiwan qilleensaa mallatoowan balalii Ameerikaa kan fayyadaman qajeelfama Ministeerri Geejibaa US yookaan ammoo Abbaa taayitaa Aveeshinii Federaalaaf ajajamuu akka qaban xiinxaltoonni ni himu.
Ministeerichi dhiyeenya kana seera daangaa qilleensaa Amerikaatiin ala daandiiwwan qilleensaa socho'an adabaa jira.
Daandiin qilleensaa Kanaadaa Ayir Kanaadaan Fulbaana darbe mallattoo Yunaayitid Ayirlaayensiin daangaa qilleensaa Iraaq keessa balali'uun doolaara kuma 250 adabameera.
Daandiin qilleensaa Emireetis ammoo Mudde 2021 hanga Hagayya 2022tti mallattoo Jeetbiluu fayyadamuun ol fageenya akka kessa balali'u hayyamameefiin oliin daangaa qilleensaa Baagidaad keessa balali'uun dolaara miliyoona 1.5 adabamuun isaa kan yaadatamudha.
Adabbii kana hordofee paayileetonni daandii qilleensaa Emireetis sababa haala qilleensaa rakkisaa ta'een daangaa qilleensaa hayyamameen ala balali'uuf akka dirqaman deebii kennaniiru.












