Finfinneen magaalota Afrikaa keessaa qaala'insa jireenyaan sadarkaa kamirratti argamti?

Madda suuraa, PM OFFICE _ ETHIOPIA
Baay'inni ummata addunyaa saffisaan dabaluun magaalonni baay'inaan akka babal'atan taasisaa jira. Kanarraa kan ka'e bu'uuraaleen misoomaafi dhiyeessii magaalota keessarratti dhiibbaan dabalaa dhufeera.
Omishaafi tajaajilli magaalonni kennan jaalatamummaa guddaa argachaa kan jiran ta'us, keessumaa waggoota dhiyoo asitti weerarriifi waraanni addunyaa mudate jireenya magaalaa qormaata akka ta'u taasiseera.
Kunis baadiyyaa caalaa jireenyi magaalota keessatti akka qaala'uufi iyyummaan babal'atu taasisaa jira.
Yeroo yeroon omishniifi tajaajilli gara magaalotaa dhiyeeffaman dabalaa kan deeme yoo ta'u keessumaa waggoota dhiyoo asitti weerarri fi waraanni addunyaa mudate jireenya magaalaa qormaata guddaa keessa akka galu taasiseera.
Qaala'iinsa jireenyaa magaalaa tokkoo ulaagaa adda addaatiin madaalama.Isaanis baasii jireenyaa, gatii mana jireenyaa, nagaaf tasgabbii fi imaammata dinagdee ilaalcha keessa galchuun ni danda'ama.
Fakkeenyaaf magaalonni akka Hong Kong, Singaappoor fi Zurik (Switzerland) baasii mana jireenyaa fi geejjibaa ol'aanaa ta'uun addunyaa irratti qaala'aa ta'anii fudhatamu.
Magaalotni akka Islaamaabaad (Paakistaan), Leegoos (Naajeeriyaa) fi Abujaa (Naajeeriyaa) magaalota humna bittaa maallaqa biyyattiitiin keessa jiraachuuf gatii salphaa ta'an keessaati.
Weebsaayitiin sadarkaa magaalotaa baasu Mercer jedhamu xumura waggaa bara 2024 hordofuun sadarkaa magaalota 226 ifa godheera.
Tarree kana keessaattimagaalota keessa jiraachuuf jiruun akkan qaalii ta'e irraa kaasee hanga magaalota gatii salphaadhaan keessa jiraatanitti kan argamudha.
Finfinneen, Daakaar (Senegaal), Meksikoo Siitii (Meksikoo) fi Edinbaraa (Iskootilaand) magaalota sadarkaa isaanii kan bara darbee wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu jijjiirama guddaa agarsiisa keessatti argamu.
Duraan magaalaa jireenyaaf mijatuu fi gatii madaalawaa ta'e qabaachun kan beekamtu Finfinneen, amma magaalota qaala'aa ardii afrikaa keessaatti maqaan ishee eerameera.
Magaalota addunyaa akkan qaalii ta'an 10
Magaalota addunyaa 10 keessa jiraachuuf qaala'aa ta'an keessaa walakkaan isaanii Awurooppaa Dhihaa keessatti argamu. Isaan keessaa afur magaalota Siwiizarlaand.
Garuu sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa kan taa'an Hong Kong fi Singapooridha.
Magaalota Siwiizarlaand malees magaalaan guddoo Yunaayitid Kingidam Landan kurnan duraa keessaatti hammatamteetti.
Dubaay kan Yunaayitid Arab Emireetis keessatti argamtu ammoo magaalota Baha Giddu Galeessaa keessaa kanneen jireenyaaf qaalii jedhaman keessatti argamti.
Gama Ameerikaa Kibbaati magaalaan Uraagaay Montevidiyoon magaalaa qaaliidha jedhaman keessaa yoo taatu, magaalaan guddoon Arjentiinaa Buyenos Aayires sadarkaa duran qabdurraa gadi buterti.
New York, Bahamas fi Los Angeles magaalota Ameerikaa Kaabaa qaala'aa ta'an keessaatti argamu.
Ardii Afrikaa irraa, Finfinnee fi Jibuutii waliin, Daakaar magaalota sababa qaala'iinsa jireenyaatiin jireenya qaala'aa dhufe keessaatti eeramaniiru.

Madda suuraa, Sean Pavone/Alamy
Magaalonni addunyaa kanarraa qaalii ta'an kurnan
1. Hoong Koong - Hoong Koong
2. Singaapoor - Singaapoor
3. Zuuriik - Siwiizarlaand
4. Jeeneevaa - Siwiizarlaand
5. Basel - Siwiizarlaand
6. Bern - Siwiizarlaand
7. Niiw Yoork - Ameerikaa
8. Landan - Yunaayitid Kingidam
9. Nassau - Bahamas
10. Los Angeles - Ameerikaa

Madda suuraa, AA Mayor Office
Magaalota Afrikaa jireenyaaf qaalii ta'an 10
Gabaasni magaalota Afrikaa 10n keessa jiraachuuf qaali ta'an irratti dhiyaate wal hin fakkaatu.
Fakkeenyaaf, marsariitiin Statista akka jedhutti bara 2024tti Finfinneen magaalaa Afrikaa keessaa qaalii ta'uu ishee ibsa.Kuusaan odeeffannoo baasii jireenyaa magaalota shallagu Numbeo akka jedhutti ammoo Itoophiyaan bara 2024tti Afrikaa keessaa magaalaa jireenyaaf qaaloftuu sadarkaa sadaffaa irratti argamti.
Mercer gama biraatiin magaalaa Finfinnee magaalota jireenyaaf qaalii 10 keessaa tokko ta'uu baatus bara 2024tti qaala'iinsa jireenyaa olaanaa agarsiisan shanan keessaa tokko ta'uu eereera.
Xumura waggaa bara 2023tti qaala'iinsa jireenyaatiin sadarkaa 194ffaarra kan turte Finfinneen bara kana sadarkaa 138ffaatti ol guddatteetti. Ankara (Gaanaa), Istaanbul (Turkii), Tiraana (Albaaniyaa) fi Kaayiroo (Masrii) magaalota biroo waggaa tokko keessatti jijjiirama guddaa ykn qaala'iinsa jireenyaa ol'aanaa agarsiisanidha.
Magaalota Afrikaa qaalii ta'an 10 (Statista)
1. Finfinnee - Itoophiyaa
2. Hararee - Zimbaabuwee
3. Johaannesbargi - Afrikaa Kibbaa
4. Keep Taawun - Afrikaa Kibbaa
5. Piritooriyaa - Afrikaa Kibbaa
6. Durban - Afrikaa Kibbaa
7. Kaasaablaankaa - Morookoo
8. Aljeersi - Aljeeriyaa
9. Marrakesh - Morookoo
10. Taanjaar - Morookoo
Qaala'iinsa jireenyaa magaalaa Finfinnee
Waggoota muraasa darban keessa waraanni, tasgabbii dhabuu, dabalatee deeggarsi mootummaan boba'aaf taasisu suuta suutaan hir'achuufi, gatiin boba'aa dabaluu, akkasumallee humni bittaa birrii laafaa dhufuun qala'iinsa jireenyaa guutuu biyyatti keessatti akka hamaatu taasisaniiru.
Keessattuu magaalaa guddoo Finfiinnee namootni hedduun keessa jiraatanii fi lakkoofsi jiraattotaa dabalaa deemuun bu'uuraalee misoomaa fi dhiyeessii magaalattii irratti dhiibbaa guddaa geessisaniiru.
Kanaanis baasii nyaataa, bishaan, kiraan manaa, geejjibaa. .. .. . kun hundi walitti ida'amuum Finfinnee magaalota Afrikaa keessa jiraachuuf qaala'aa ta'an keessaa tokko taasiseera.












