Seensawwan magaalaa Finfinneetti misoomni koriidarii marsaa lammaffaan eegaluuf

Gamoo waajjira bulchiinsa magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, Mayor office of Addis Ababa

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee misooma koriidarii marsaa lammaffaa, iddoowwan seensa magaalattii ta'aniifi bu'uuraaleen misooma reefuu keessatti babal'ataa jiran kanneen akka Adda babayii Koyyee, Gooroo fi Samiit jedhamanitti hojjechuuf.

Misoomni marsaa lammataa kun kiilomeetira 43 dheerata, misooma magaalaa Shaggar faana walitti hidhamiinsa kan qabu akka ta'es ibsameera.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee maqaa ''misooma koriidarii'' jedhuun daandiiwwan gurguddoo magaalattii haaressuu fi babbareechuu, daandii lafoo babal'isuu, iddoowwan boqonnaa babal'isuu fi ibsaawwan daandiirraa akkasumas sararoota teelee haala ammayyaan diriirsuu kan eegale bara kana keessa.

Misoomni koriidarii marsaan jalqabaa iddoowwan bebbeekamoo magaalattiirraa eegale, kallattiiwwan shaniin hojjetame.

Iddoowwan misooma koriidarii marsaa jalqabaan misooman Piyaasaa, Araat Kiiloo, Boolee, Magganaanyaa, Meksikooo fi CMC fa'a.

Wayita misoomni koriidarii Piyaasaa hojjetamu namoonni kuma 11 ta'an qe'eesaaniirraa buqqa'uu kantiibaan magaalattii ibsanii turan.

Misooma koriidarii marsaa jalqabaa kiilomeetira 42 haguugu hojjechuuf birrii biiliyoona 33 baasuu bulchiinsi magaalaa Finfinnee ibsee ture.

Magaalaa Finfinneetti misooma koriidarii hojjetame

Madda suuraa, Office of the Prime Minister

Ibsa waa'ee suuraa, Sagantaa misooma koriidarii marsaa jalqabaan fincaawwan bishaanii 32, iddoowwan bashannanaa 70 fi fulaawwan sooranni itti gurguraman hedduun hojjetamaniiru

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee sagantaa misooma koriidarii marsaa jalqabaan giddugaleessa magaalattiirratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, amma ammoo iddoowwan seensa magaalattii jedhamanii fi babal'inarratti argamanitti misoomsa koriidarii marsaa lammataa eegaluun kan jalqaba hojjetame waliin walitti hidhuuf.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Misooma koriidarii marsaa lammataa eegaluu dura Biiroon Pilaanii fi Misooma magaalaa Finfinnee qorannoo gaggeesseera.

Sagantaa misooma koriidarii masraa lammataan iddoowwan misooman kiilomeetira 43 uwwisu.

Misoomni kun bulchiinsota Boolee, Lammii Kuraa fi Aqaaqii Qaallittii akka dabalatus qorannoon kun ni eera.

Misoomni marsaa lammataa kun sararoota shan irratti kan hojjetamu yoo ta'u, kanneen keessaa dheerina guddaa kan qabu ''toora Anbassaa Gaaraj- Maabraat Haayil-Gooroo- Boolee'' qabatee kan deemudha.

Daandiin kun kiilomeetira 14.8 kan uwwisudha.

Booleerraan ba'ee karaa Bulbulaa gara adda bababyii Koyyeetti kan fulla'u ammoo bal'inaan lammaffaadha. Kiilomeetira 12.8 dheerata.

Qaama misooma koriidarii marsaa lammataa kan ta'e keessaa kan biraan ammoo ''Boolee Dildiy'' irraa ka'ee karaa ''Boolee Hooms'' seensa VIP daandii qilleensaa irraan darbuun hanga Goorootti kan fulla'uudha.

''Adda babayii Gooroo'' irraa kan ka'u ammoo sarara afraffaadha. Kiilomeetira shan akka ta'e qorannoon kun ni mul'isa.

Toorri kun ammoo ''Adda babayii Gooroo'' irraan karaa naannawa ''Sabaa Hulet'' irra darbee Warshaa Lallaafaa Samiit keessa qaxxaamuree hanga naannawa ''Fiyyal Bet'' fi ''CMC'' kan uwwisudha.

''Fiyyal Bet irraa Fiigaa- Adda babayii Sahaaliita Mihrat- Jaakroos'' kan ga'u sararri shanaffaan ammoo kiilomeetira 5.9 dheerata.

Iddoowwan daangaa bulchiinsa magaalaa Finfinneerratti argaman kan of keessatti hammate misoomi koriidarii marsaan lammataa kun, misooma magaalaa shaggar kan amma hojjetamaa jiru waliin walitti hidhuun kan hojjetamu ta'uu qorannoon gaggeeffame ni mul'isa.

Magaalaan Shaggar kan waggaa darbe keessa magaaloota shan naannawa Finfinneetti argaman bulchiinsa magaalaa tokko jala galchuudhaan hundeeffames, baatii Waxabajjii darbeerratti ‘‘koridariiwwan misoomaa sagal’’ adda baasuudhaan gara hojiitti seenuudhaaf qophiirratti akka argamu beeksiisee ture.

Sanadiin qorannoo Biiroon Misoomaafi Pilaanii Magaala Finfinnee qopheesse kunis, hojiiwwan misooma koridarii naannoolee daangaa Oromiyaa fi Magaala Shagariitti argamaniitti haala magaala Ollaa walin walsimuutti ''dizaayiniin walfakkaatu qophaa’eefii haalli waloon itti misooman umamuu'' akka barbaachisu kaaseera.

Misoomni koriidarii naannoolee marsaa lammaffaa keessatti hammatan irratti raawwataman kan akka marsaa jalqabaatti karoora daandii ilama miilaa bal’isuu qaba. Naannooleen fuullee daandii aspaaltii guddaa biratti argaman akka bal’ina meetira 10 qabaatan yaadamu qorannichi kaa’eera.

Isa keessaayisi meetirri shan kan imala miilaatiif oolu yoo ta’u, sararri saayikiilii ammoo bal’ina meetira sadii qabaata.

Meetirri hafe lamaan qarqara asipaaltiitti hafu ammoo bakka misooma magariisaa akka ta’u qorannichi kaa’eera.

Bulchiinsa magaalaa Boolee

Madda suuraa, Bole communication

Ibsa waa'ee suuraa, Qondaalonni bulchiinsa magaalaa Boolee misooma koriidarii marsaa lammataa eegaluuf hojiiwwan hojjetamaa jiran Wiixata darbe daawwachuu waajjirri kominikeeshinii bulchiinsa magaalichaa gabaasee ture

Misoomni koridarii sararawwan shaniin ijaaramu kunis akkuma eddoowwan biraatti hojjatame hunda, eddoo taaskiiwwan dhaabbatan, bakka qulqullinaa, bakka bashannannaa akkasumas paarkiiwwan sadarkaa magaalaa, kutaa magaalaa fi aanaatti ijaaraman kan hammatu ta’uu qorannichi ibseera.

Ijaarsi maneen jireenyaatis qaama karoorichaa akka ta’e kan ibse qoranichi, naannawa ''Boolee Hoomsi, Ambassaa Gaaraajii- ICT paarkiitti'' argamaniitti eddoon itti qubatamu (relocation site) ni jiraata.

Eddooww kanarrattis manneen jireenyaa wal makaan (mixed residence) ni ijaaramu jedhameera.

Dhimma eddoowwan sababii misooma koridarichaatiin ''gutummaa gutuutti'' kaafaman irratti murteen akka kennamu kanneen tarreeffaman keessaay.

Ijaarsi duraan turan ''haalli misooma keessatti hammataman'' umamuu akka qabaatu kan kaasu sanadichi, gamoowwan sararawwan misoomni koridarichaa irratti hojjatamurratti argaman filamaata lama qabu.

Gamoowwan ''darbii lamaa ol qabaniif'' filamatiinni kaa’ame ''Arcade akka hammatu gochuudha’’ kan jedhuudha.

Filmaanni gosa kanaa kuni kan gamoowwan misooma koridarii boqonnaa jalqabaarratti argaman irratti hojiirra kan oolfame yoo ta’u, gamoowwanis darbii lafaa gara fulduraatiin diiguudhaan imala miilaatiif banaa godhaniiru.

Filmaanni gamoowwan darbii lamaatiin gadiif kaa’ame ammmoo ''haaluma qorannootiin misooma keessatti hammachuu'' kan jedhudha.

Eddoowwan marsaa lammaaffaa keessatti argaman ''qabiiyyee adda baasuu, tilmaamuu, xinxaluu fi hojiiwwan tajaajiloota bakka buusuu adda baasuu'' hojjatamaa jiraachu qorannichi kaaseera.

Sararawwan misooma kordarii marsaa lammaffaa keessatti hammataman keessatti Kutaa Magaalaa Booleetti kan argaman ijaarsiwwan sadii yeroo dhiheenyaatti akka eegalaman Waajjirri Kominikeshinii bulchiinsa Kutaa Magaalichaa BBCf mirkaneesseera.

Sararriiwwan Kutaa Mgaalaa Lammii Kuraatti argaman irratti ammoo hojiicha eegalchiisuuf ''hawaasa waliin mariin kan gaggeeffame ta’u’’ waajirri kominikeshiniin kutaa magaalichiaa beeksiise.