'Hakiimoonni daa'imni tiruu koorratti guddachaa akka jiru adda baasan', kun attamiin ta'e?

Saarvesh garaa ishee irra bakka 12 kan baqaqsan yoo ta'u amma bayyanachuufrra jirti

Madda suuraa, BBC/Prabhat Kumar

Ibsa waa'ee suuraa, Saarvesh garaa ishee irra bakka 12 kan baqaqsan yoo ta'u amma bayyanachuufrra jirti

"Osoo gargari hin citiin ol na deebisaa ture. Akkasumas, dhukkubbiifi dadhabbiin natti dhagahama ture,'' jechuun BBCtti himte Saarvesh. Saarvesh dubartii umuriin waggaa 35 yoo taatuu, amma dhukkubsataa jirti.

''Maal akka na mudate hubachuun baayyee rakkiisaadha,'' jetti taatee fayyaashee mudate yoo ibsitu.

Qorannoo altiraa saawundii marsaa jalqabaarratti dhukkubbiinshee maal akka ta'e hubachuun hin danda'amen. Dubartiin biyya Indiyaa bulchiinsa Utaar Piraadeshirraa taatee kun, kanaaf infekshinii garaa shakkudhaan qoricha farra baakteeriyaa (antibiotic) fudhataa turuu dubbatti.

Baatii tokkoof erga qorichicha fudhatteen boodas jijjirama omaa dhabdee ammas deebite mana yaalaa deemte.

Yeroo kanatti, wanti hubatame kan amanuuf ulfaatudha. Hakiimota ishee ilaalaa turaniifuu wanti argan kan amanuuf ulfaatu ture.

Dr KK Guritaan biyya Indiyaatti waggoota 20n darbaniif ogeessa raajii ta'uun tajaajilaniiru. Yeroo bu'aa qorannoo Aaddee Shaarvesh ilaalan garuu waan akkasii kana yeroo jalqabaatiif arguu himan.

''Ulfa torban 12 tiruu ishee irra karaa harka mirgaatiin qabdi turte',' jedhan. Kanas kanaan dura qorannoo MRI irratti gonkumaa isa mudate hin beeku.

''Bu'aa qorannichaa kutaa garaagaraatti irra deddeebiin fudhachuun dhuguma ulfa ta'uusaa mirkanneessuuf yaaleera,'' jedhu hakimiichi.

Abbaa warraa Saarvesh Obbo Paaraamveer ala barcumarra osoo taa'aa jiranu

Madda suuraa, BBC/Prabhat Kumar

Ibsa waa'ee suuraa, Abbaan warraa Saarvesh, Obbo Paaraamveer mudannoon ulfa gadameessaan alaa kun maatii isaaniitiif gama maallaqaa fi sammuutiin baayyee cimaa akka ture himan

Ulfi gadameessaan alatti uumamu akkasii kun kan mudatu yeroo killeen dubartii sanyuu dhiiraa waliin walitti makamuun gabbatte gadameessaan ala, yeroo baayyee ujummoo gadameessa dubartii keessatti guddachuu eegaluudha.

Ulfa 80 keessaa tokko kan gadameessaan alatti uumamu yoo ta'u, kunis yeroo tokko tokko kan lubbuu haadhaa balaarra buusu ta'uu mala.

Kan Saarveesh ulfishee gadameessa keessatti guddachurra, bahee tiruu keessatti guddachuu eegale.

Tiruun qaama dhiiga keessaa wantoota summaa'oo ta'an baasuudhaan hanga sukkaaraa fi itituu dhiigaa to'achuun kan gahee olaanaa bahudha.

Ulfi tiruu keessatti uumamu (intrahepatic) jedhamuun beekamu kunis kan haala baayyee darbee darbee mudatu sababii ta'eef dubartiin tunis xiyyeeffannaa hawaasa wallaansa addunyaa akka argattu taasiseera.

Dr KK Guptaa, ogeessii raajii wayita bu'aa suuraa MRI kompitara irratti xinxalaa jiran

Madda suuraa, BBC/Prabhat Kumar

Ibsa waa'ee suuraa, Doktaroonni muxannoo baroota dheera qaban illeen wayita bu'aa qorannoo MRI Aaddee Saarvesh arganiitti ni dinqisiifatan

Bayyanachuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maatiin kun baatiiwwan sadan dabarsan gama maallaqaa fi rakkoo guddaa keessa isaan galche akka ture dubbatu.

BBC haadha tana dubbisuuf gara ollaa Daasturaa imaluun argateera. Sireerra ciiftee bayyanataa kan jirtu ta'ulleen, dhukkubbiin ishee ammallee itti hin wayyoofne.

Garaasheerra bakka 21 irratti wallaansi baqaqasanii yaaluun kan taasifameef yoo ta'u, isa haguuguuf jecha faashaan itti marameera.

Haatii kun mana fincaanii fayyadamuudhaa kaasee, sirreerra taa'uuf, akkasumas uffata jijjirachuuf abbaa warraasheetiin gargaaramaa jirti.

Saavesh keessattuu kan hakiimootaan itti himame fudhachuun baayyee itti cimee akka ture dubbatti.

Sababiin isaas marsaan laguushee kan barameefi fayyaa ture. Dubartoonni yeroo ulfi gadameessaan alaa isaan mudatutti yeroo baayyee dhiigni isaan dhangala'a ture.

Dr KK Gupitaan ''kanaaf ulfa ta'usaa adda baasuuf yeroo fudhata'' jedhu.

Qorannoo baayyeen booda doktaroonni ulficha baasuuf jecha wallaansa baqaqsanii yaaluun ala filmaanni biraa akka hin jirree murteessan. Yoo ulfiichi guddachuusaa itti fufe tiruun dubartii kanaa miidhamuun du'aaf saaxilamuuf jirti.

Haala walxaxaa wallaansichaatiin kan ka'e haatiifi abbaan warraa kunneen wallansaaf gara magaala guddoo biyyattii Deelhii akka deemaniif gorfamulleen baasii isaa kaffalachuu hin dandeenye.

Paaraaviir ''Nuti iyyeeyyiidha. Gara Deelhii deemuuf baasii isaa hin dandeenyu turre'' jedha.

Dhummaarrattis, Saarveesh dhukkubbii baatii sadiitiin booda, hakiimoonni hospitaala dhuunfaa naannoo isaaniitti argamu keessatti yaalii baqaqasanii wallaanuu daqiiqaa 90 fudhatu gochuuf waliigalan.

Dr Monikaa Anaant ulfa umamuu keessaa parsantaa tokko qofti gadameessaan ala akka mudatu dubbatan

Madda suuraa, BBC/Prabhat Kumar

Ibsa waa'ee suuraa, Dr Monikaa Anaant ulfa umamuu keessaa parsantaa tokko qofti gadameessaan ala akka mudatu dubbatan

Ulfi tiruu keessatti umamuu hangam mudata?

Dubartiin tokko killeen ovaarii keessaa bahee yoo sanyii dhiiraa waliin wal arguutti ulfi akka uumamu ogeettiin ulfaafi gadameessaa pirofessar Dr Maamtaa Siing ni dubbatu.

Killeen sanyii dhiiraatiin wal arguun gabbate kun karaa ujummoo gadameessaatiin gara gadaameessa keessatti micireen guddatuutti darba.

Yeroo tokko tokko garuu haalawwan adda addaatiin killeen gabbate kun osoo gadameessa keessa hin gahiin dura ujummoo gadameessaa keessatti hafa ykn darbee darbee akka kan amma Aaadee Saarvesh mudateetti qaama biraa keessatti maxxanee taa'a.

Saarvesh ulfishee tiruutti maxxane. Tiruun dhiheessitiin dhiigaa ulfaaf qabaatu gaariidha. Kanaaf guyyoota jalqabaarratti ulfa kanaaf akka 'gaariitti tajaajilee' akka ture dubbatti Dr Siing.

Haata'u malee, oolee erga buleen booda rakkoo fayyaa uumuu eegale.

Sadarkaa addunyaatti ulfi gara parsantaa tokkootti siqan gadameessaa alatti kan uumamu ta'uu kan himan hakiimiin gadameessaa i ulfaa gara biraa Dr Moniikaa Anaantidha.

''Ulfawwan gara miiliyoona torbaa hanga saddeetii ta'an keessaa tokko qofti gadameessaan ala tiruurratti uumamuu akka danda'u tilmaamama'' jedhan.

Saarveshiin dura addunyaarratti ulfi tiruu irratti umamee 45 sadarkaa addunyaatti galmaa'uu dubbatu Dr Anaantiin. Isaan keessaa ammoo sadi kan Indiyaa keessatti umamaniidha.

Taateen ulfi jalqabaa tiruu irratti uumamuu kan dhagahamee bara 2012tti Indiyaa Deelhii keessatti mudachuu galmaa'eera.