'Sanyiin Abeebee Tufaa amma Finfinnee keessaa lafa qabu hin jiru' - Akaakayyuu isaanii

Maqaan Finfinnee yeroo ka'u maqaan Abeebee Tufaa osoo hin kaane hin hafu.
Abeebee Tufaa, qe'ee Finfinnee, Eekkaatti dhalatanii guddatan. Lafti hora Finfinneetii hanga Xaafootti diriiru ammoo lafa abaabilee fi akaakilee irraa dhaalani.
Abeebee Tufaa yeroo hedduu maqaan isaanii kan ka'u dhimma abbummaa qabiyyee lafa Finfinnee waliin ta'ulleen, isaan garuu seenaa kanarra cehu hedduu nama qabanidha.
Obbo Zawuduu Maammoo Abeebee, akaakayyuu Abeebee Tufaati. Isaan hojjetaa mootummaa yoo ta'an kan jiraatan Magaalaaa Laga Xaafooti.
Obbo Zawuduun seenaa akaakayyuu isaanii kana qindeessuun kitaaba mata duree 'Goota hin Jilbiiffanne' jedhu barreessaniiru.
Kitaabni isaanii Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraatiin qophaa'e kun seenaa Fitaawuraarii Abeebee Tufaa dhalootaa hanga du'a isaaniitti jiru kan hammate.
Obbo Zawuduun waa'ee kitaaba seenaa akaakayyuu isaanii fi nama abbaa qabiyyee lafa Finfinnee jedhamuun yeroo hedduu ka'an kanaa ilaalchisuun BBC waliin turtii taasisaniiru.
Fitaawuraarii Abeebee Tufaa akkamiin Arsiitti awwaalaman?

Madda suuraa, Zewudu
Akka isaan jedhanitti, Fitawraarii Abeebee Tufaa abbaa qabiyyee lafa Finfinnee ta'uun alatti seenaa dheeraa nama qaban, garuu seenaan isaanii qixa hojii isaaniitiin hin barreefamnedha jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kitaaba kana akka barreessaniif sababa kan ta'es seenaan isaanii qixa sirriin barraa'uu dhabuu fi dogongoroota seenaa isaanitiin walqabatan ragaa dhugaatiin dhiheessuufidha jedhan.
Dogogorri inni tokko maqaa Abeebee Tufaa kana Abeebee Tufaa Munaa jedhamuudha jedhu.
"Miidiyaarrattis, seenarrattis yeroo baayyee maqaa isaanii Abeebee Tufaa Munaa jedhanii kaasu. Tufaa Munaa fi Tufaa Araddoo adda adda. Abeebeen kan Tufaa Araddoo Jaarraati. Tufaa Araddoo warra Eekkaati. Tufaa Munaa warra Gullalleeti" jedhan.
Fitaawuraarii Abeebee Tufaa dirree waraana Adawaatti duulee injifannoodhaaf gahee guddaa nama bahe ta'ulleen maqaan isaanii hedduu hin kaanes jedhu.
"Abeebee Tufaa biyya kanaaf waan meeqa godhee maqaan isaa baayyee hin dhahamu. Seenaan isaanii bal'aadha. Seenaa isaanii kana hunda kan natti hime ilma obboleessa isaanii Tadlaa Odaa Tufaa kan jedhamudha" jechuun BBCtti himan.
"Kan isaan natti himan sana guutumaan guututti kitaaba kanarratti barreesseera. Tadlaa Odaa waggaa shanii kaasee Abeebee waliin kan guddate. Seenaa isaanii guututti beeka," jedhan.
Eessumni Abeebee Tufaa, Tadlaa Odaa kan seenaa isaanii dhalootatti afaaniin dabarsan kun waggoota saddeetiin dura addunyaa kanarraa du'aan boqotan.
Kitaaba kana keessatti bakka dhalootaa, akkaataa Guddinaa, waraanawwan isaan keessatti qooda fudhatanii fi akkaataa du'a isaanii irratti seenaa dhugaa fi guutuu ta'e kitaabicha keessatti hammatamuus himan.
"Abeebee Tufaatiin dura lafti Finfinnee kan Tufaa Araddooti. Finfinnee bakka afuritti qoodamti. Eekkaa, Gullallee, Boolee fi laaftoo. Gullallee Tufaa Munaatu bulchan. Eekkaa ammoo Tufaa Araddootu bulchaa ture" jechuun ibsu.
"Tufaa Araddoo erga boqotanii lafti Finfinnee Lagahaar, Hora Finfinneetii qabee Eekkaa guutumaan guututti kan Abeebee Tufaa ta'e. Akkasiin darbaa dhufe," jedhan.
Lafti Finfinnee abbaa isaaniirraa dhaalan kun hanga isaan lubbuun jiranitti qabiyyuma isaanii akka ture kan himan Obbo Zawuduun isaan duunaan obboloota isaaniitti darbuus dubbatu.
"Isaan duunaan lafi obboloota isaaniitti darbe. Lafti Garjii jedhamu kun amma maqaa obboleettii isaaniiti. Abeebee suuq kan jedhamus maqaa isaanitiin kan mogga'e Finfinnee keessa ture. Booda hunduu fudhatamaa dhufe," jedhan.
Abbaan isaanii Obbo Maammoon lafa naannoo Eekkaarraa gara Laga Xaafoo jiru abbaa isaaniirraa akka dhalaan kan himan Obbo Zawuduun, amma lafti hunduu suutuma suuta irraa fudhatamee qabiyyeen isaan harka gahe akka hin jirre himu.
Inumaa lafti Finfinnee maqaa akaakayyuu isaanii, Abeebee Tufaatiin haa ka'u malee ammatti sanyiin Abeebee Tufaa Finfinnee keessaa lafa qabu akka hin jirre dubbatu.
"Sanyiin Abeebee Tufaa homtuu Finfinnee keessa hin jiru amma. Maatiin isaas kan jirru Laga Xaafoodha. Lafa haadha keenyatti darbe kaaree saantima 40 kanfalanii akka irra jiraataniif karee 500 qofti kennamte," jedhan.
Abeebee Tufaa bara Mootii Minilik keessa loltummaadhaan biyya isaanii tajaajilanii gulantaa Fitaawuraarii kan gahanii fi lola Adawaa irrattis Baalchaa Saafoo fa'ii waliin nama injifannoof gumaachan akka turan dubbatu Obbo Zawuduun.
"Fitaawuraarii Abeebee Tufaa Baalchaa abbaa Nabsoo waliin, Minilik wajjin, Xaayituu wajjin nama Adawaa gubbaatti lola keessa ture. Jeneraala Xaaliyaanii morma muree gulantaa isaa waliin fidee Minilikitti kennee lolli Adawaa achirratti xumurame," jedhan.
Sanyiin Abeebee Tufaa yeroo ammaa naannawa Laga Xaafoo akka jiraatanii fi sirba keessatti "Warra Abeebee Tufaadhaa balaballisaanii cufaadha" jedhamee kan sirbame garuu nu aarseera jedhu Obbo Zawuduun.
"Abeebee Tufa ijoollee qaba. Dhala qaba. Namni dhala qabu akkamitti balballisaanii cufaadha jedhama. Kun nu aarseera. Waa'ee sirba kanaa wellisicha bilbileefii waliin haasa'een ture," jedhan akaakayyuun Abeebee Tufaa kun.
Fitaawuraarii Abeebee Tufaa Muddee 7, bara 1918 kan du'aan boqotan yoo ta'u, sirni Awwaalcha isaanii ammoo Arsii Arbaguuguu, Diimaa Goorgisiitti raawwatame.
"Erga Minilik du'anii waa'ee aangoo itti aanuu irratti Fitaawuraarii Abeebee Tufaa fi Habtegoorgis Dinagdee gidduutti garaagarummaatu uumame. Sababa gareen lama uumame kanaan Abeebeedhaan Arsii Bulchi jedhanii achitti ergan. Akka achi jiraatu godhanii achumatti lubbuun isaanii darbe," jechuun haala itti gara Arsii itti deemuun achiitti awwalamanii himu.
Kitaabni seenaa Abeebee Tufaa kan akaakayyuu isaanitiin barraa'e kun kitaabuma tokkorratti Afaanota lamaan kan barraa'e yoo ta'u, Hagayya 24, bara 2025 eebbifama.












