Kitaabni seenaa Dr. Haayilee Fidaa miseensa maatii barreeffame maal ofkeessaa qaba?

Madda suuraa, Ashenaf SisayFida FB
Dr Haayilee Fidaa namoota seenaa siyaasaa fi waa'ee Afaan Oromootiin waliin maqaansaanii ka'u keessaa tokkodha.
Miseensi maatii dhihoo kan ta'an Ashannaaffii Sisaay Fidaa tibbana seenaa hayyuu Oromoo kanaa ilaalchuun kitaaba barreessan Adooleessa 20, 2025 Magaalaa Finfineetti eebbiifameera.
Barreessaan kitaaba kanaa kan ta'an Ashannaafii Sisaay Fidaa waa'ee qophiin kitaaba 'Seenaa jireenyaafii qabsoo Dr. Haayilee Fidaa' waggoota shan itti fudhachusaan BBC'tti himeera.
Barreessaa kitaabichaafii ilma obboleessa Dr. Haayilee Fidaa kan ta'e Ashannaafii Sisaay Fidaa, kitaabni seenaa Dr. Haayilee Fidaa dhalootaa hanga yaadannootti himu kun boqonnaawwan sagalii fi fuulawwan 325 kan qabu ta'uu himeera.
Kitaaba kana qopheessuuf maatii, namoota naannoo, hiriyootaafi waahillan Dr. Haayilee Fidaa waliin af-gaafii gochuu kan himu barreessichi, warqaaalee qorannoofi kitaabilee afaanota garagaraan barreeffaman wabeeffachuusaas himeera.
Gama biraatiin "Kun ka'umsa akka ta'uufi malee Haayilee Fidaa sirriitti ibseera jechuuf miti" kan jedhu Ashannaafii Sisaay, "Namoonni gadi fageenyaan isa hinbeekne kitaabicharraa barumsa guddaa irraa argatu jedheen barreesse" jedheera.
Dhalootaa hanga yaadannootti
Kitaabni 'Seenaa Jireenyaafi Qabsoo Dr. Haayilee Fidaa,' imala jireenyaa fi gumaata Dr. Haayilee bal'inaan kan himu akka ta'e barreessichi dubbatan.
Haaluma kanaan kitaabichi waa'ee maatii Dr. Haayilee Fidaa, seenaa dhalootasaa, gahee qubee Afaan Oromoo keessatti qabu, hirmaannaa siyaasaa, haala hidhaafii ajjeechaa Dr. Haayilee Fidaa dabaalatee dhimmoota garagaraa kan qabate ta'uusaas himeera.
Dabalataan kitaabichi dhimmoota waa'ee Dr. Haayilee Fidaa kanaan dura hin himamne ofkeessatti kan qabate akka ta'es dubbateera.
"Haayilee Fidaafi siyaasni biyyattii maal fakkaata ture? Haayilee Fidaan siyaasa biyyattii keessatti gahee akkamii bahate? kunneen jedhan irratti kan kanaan dura dhageenyerra hanga ta'e wantoonni haaraa ta'an kan itti dabalaman jiru," jedheera.
Dabalataan sababoonni Dr. Haayilee Fidaa gara siyaasaatti fidan, qorannoowwan qubee Afaan Oromoorratti taasisan akkasumas haalawwan haati warraafi ijoolleen Dr. Haayilee Fidaa keessa darban kitaabicha keessatti bal'inaan barreeffamuu Ashannaafii Sisaay himeera.
Gama biraatiin ammatti hanqina bajataarraa kan ka'e kitaabnikun koppiin muraasni qofti maxxanfamuu kan himu Ashannaafiin, hanga ammaatti gabaatti akka hinbaanes himeera.
Gara fulduraatti garuu qaamoleen deeggarsa taasisan yoo argaman kitaabicha baay'inaan maxxansuun gabaatti dhiyeessuuf yaada akka qabu dubbateera.
Ka'umsa barreeffama seenaa
Kitaaba 'Seenaa Jireenyaafii Qabsoo Dr. Haayilee Fidaa' barreessuuf dhimmoonni garagaraa sababa akka ta'aniif barreessaan kitaabichaa Ashannaafi Sisaay hima.
Sababoota kunneen keessaa tokkommoo hubatamuu dhabuu Dr. Haayilee ta'uu dubbata.
"Ijoollummaakoorraa kaasee maqaan Dr. Haayilee Fidaa yemmuu sanatti ka'uudhaaf baay'ee ulfaataa ture. Bara sana keessa namoonni harka caalaan kan isa hin hubanne 'Haayilee Fidaa qomoo biraa waliin ta'e saba keessaa bahe saba Oromoo hacuuce' kan jedhuun maatii Haayilee Fidaarra dhiibbaan guddaan tureera" jedha.
Kanaafis yaada "namni maalif isa hin hubanne" jedhurraa ka'uun kitaaba kana barreessuusaa himeera.
Sababni biraammoo seenaafi hojiileen Dr. Haayilee Fidaa sadarkaa hojiileefi gumaachasaa madaaluun barreeffamuu dhabusaanii akka ta'es dubbateera.

Madda suuraa, Kitaaba Amaaree Tagibaaruurraa
Hidhaafi Ajjeechaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Barreessaa kitaaba seenaa Dr. Haayilee Fidaa kan ta'e Ashannaafi Sisaay Fidaa, hidhaafi ajjeechaa Dr. Haayilee ilaalchisee namoota isaan waliin hidhamanii turan waliin af-gaafii taasisuu dubbata.
"Namoota isa faana hidhamanii turan, warra isa faana kutaa tokko keessa dabarsan namoota garagaraa argachuuf yaalera" kan jedhu barreessichi, turtii yeroo hidhaatii hanga mana hidhaattii baafamanitti ture irraa odeeffachuu himeera.
Akkaataa odeeffannoo namoota kunneenirraa argateenis Dr. Haayileen ALI bara 1969 mana hidhaa seenanii bara 1971 immoo, "gaafiidhaaf barbaadamta" jedhamuun mana hidhaatii fuudhamanii bahuusaanii dubbata.
ALI bara 1971mana hidhaatii erga fuudhamanii booda osoo hindeebi'iin hafuusaaniifii ajjeefamuusaanii himuun, "Lafa inni itti ajjeefamefii lafa itti awwaalame ilaalchisee hanga yoonaatti ragaan quubsaan argamuu hindandeenye" jedha.
Gama biraatiin wantoota Dr. Haayileen wayita waggoota lamaaf hidhaarra turanitti hojjechaa turanis kitaabasaa keessatti barreessuusaa himeera.
Miidhama maatii
Hidhaafii ajjeechaan Dr. Haayilee Fidaa maatii isaaniirratti dhiibbaa guddaa geesisuu ilmi obboleessa isaaniifi barreessaan kitaabichaa Ashannaafi Sisaay Fidaa dubbata.
Abbaan Dr. Haayilee Fidaa Obbo Fidaa Kumaa "ilma isaaniirraa abdii guddaa qabu ture. ALI bara 1969 wayita inni hidhamutti abbaan dhukkubatti seenan" jedha.
"Ilmakoo dhaqee dubbisuu hindandeenye, lafa inni itti hidhames argachuu hindandeenye' kan jedhuun haadhafi abbaan halkaniif guyyaa osoo walitti boo'anii abbaansaa osoo Haayileen du'aafii jireenyisaa hinbaramin lubbuunsaanii darbe" jechuunis hima.
Dabalataan obbolaan Dr. Haayilee: Taaddasaa Fidaa fi Sisaay Fidaa jedhaman yaada "isin MEISONi, biyya garagalchuu barbaaddu' jedhuun hidhaawwan irra deddeebiif saaxilamaa turuu Ashannaafiin himeera.
Dabalataan "Jarri warra biyya garagalchu" jedhamuudhaan maatiin Dr. Haayilee Fidaa jireenya hawaasummaa keessattillee dhiibbaan irratti taasifamaa turuu himeera.
Kana malees obbolaawwan Dr. Haayilee Fidaa du'a obboleessasaanii kufaatii Dargii booda raadiyoorraa dhagahuusaanii barreessaa Ashannaafii Sisaay himeera.
Dr. Haayilee Fidaa eenyu?
Godina Wallagga Bahaa magaalaa Arjootti dhalatanii kan guddatan Dr. Haayilee Fidaa, gameessa afaaniifi siyaasaa namoota hedduun leellifamanidha.
Hayyuun kun Afaan Oromoorratti qorannoowwan garagaraa taasisuun Qubeen Afaan Oromoo akka qophaa'u warra taasisan keessaa isaan adda dureedha.
Kitaabnisaanii Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo jedhus qorannoo seerlugaafi caasluga Afaan Oromoo yemmuu ta'u, barnoota bu'uuraa bara Dargii turerratti bal'inaan tajaajilarra oolera.
Gama biraatiin gaheen Dr. Haayileen siyaasa biyyattii keessatti qaban olaanaa yemmuu ta'u, kufaatii sirna mootii Hayile-Sillaasee booda Awurooppaarraa gara biyyatti deebi'uun dhaaba siyaasaa Warraaqsa Sooshaalistii Itoophiyaa Guutuu kan maqaa Amaariffaa "ME'ISOON" jedhamuun beekkamu hundeesssaniiru.
Dhaaba siyaasaa kana erga hundeessanii boodas saba hacuucame hacuuccaa jalaa baasuuf yaada 'Falaasama' sadii – Barachuu, Gurmaa'uufi Hidhachuu' jedhu karoorsanii lafa qabsiisuu jalqabuunsaanii himama.
Dr. Hayileen biyya keessafi biyyoota biraatti barnootawwan Ji'ooloojii, Sooshiyooloofi Sooshaal Antirooppoloojii, akkasumas Falaasama kan baratan yemmuu ta'u, biyya keessafii biyya alaatti barsiisaniiru.
Gama biraatiin Dr. Haayileen, lammii Faransaay kan taate haadha manaasaanii Bernandeet irraa ijoollee lama kan hiratan yemmuu ta'u, isaaniis yeroo ammaatti biyyoota Neezarlaandis fi Faransaay jiraachaa akka jiran odeeffanneerra.












