'Meeshaan waraanaa nagaa fide' - Tiraamp

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp paarlaamaa Israa'itti dhiyaachuun haasaa dheeraa godhan keessatti deeggarsa isaaniin Israa'el wanta injifachuu malte mara injifateetti jedhe.

Dabaluun ''meeshaan waraanaa nagaa fide'' jechuun dubbate.

Maqaa masoo Israa'elotni Ministira Muummeesaanii Netaaniyahuu ittiin waaman Bibi fayyadamuun ''Bibi'n amma amma naa bilbila, meeshaa waraaanaa na gaafachuuf jedhe.

''Hedduunsaa Israa'eliin jabeesseera, cimseera... isatu nagaa fide'' jedhe.

Kana malees, Tiraamp biyyoota Arabaa nagaa buusuuf jaarsummaa keessatti hirmaatan galateeffateera.

Waliin ta'uudhaan hojii "mo'icha ajaa'ibaa" argamsiise hojjetaniiru jedhe.

Amma "Israa'eliif bara warqeedha. Akkasuma naannicha guutuufis bara warqeedha," jedhe Tiraamp.

Waliigaltee dhuakaasa dhaabuu kana akka milkaahu godhe kanarratti hundaa'uunis "kun 'barii seenaa' Baha Giddu-galeessaati," jedhe.

Tiraamp haasaa isaa keessatti US deeggarsa Israa'eliif gootu akka itti fuftu mirkaneessan.

''Hadaraa keessan beekaa, Ameerikaan dhaadannoowwan barabaraa lamaan: gonkumaa hin dagannu fi gonkumaa irra hin deebi'amu jedhuun isin duukaa jirti'' jedhe.

Abjuun sodaachisaafi dheeraan sun Israa'elirraas Filsixeemirraas darbeera jedhe.

''Guutummaa Baha Giddugala Bahaa keessatti, humni jeequmsaa, shororkaafi badiisaa barkurneef ture amma dadhabee, qollifamee fi guutummaatti mo'atamee jira.''

Gochaa US irraa kan ka'e ''farri qaroominaa boodatti akka deebi'u ta'eera'' jechuunis dubbate.

Yaa'ii aanga'oota waliin Masriitti qabuuf barfachaa akka jiru kan qoose Tiraam, Shaarm el Sheek keessatti mariin hegeree waliigaltee dhukaasa dhaabuurratti gaggeeffamu aanga'oota biyyoota 20 kan hirmaachisu akka ta'e dubbate.

Ammoo ''yoo waliin taane nagaan abdii abjoonnu qofa osoo hin taane guyyaa guyyaatti ijaaraa kan dhugoomsinudha'' jedhe.

Biyyootni addunyaa hedduun waggoota lamaan darban kana keessa haleellaa Israa'el Gaazaatti raawwatteen Israa'elitti dheekkamaniiru, gumgumaniiru.

Tiraamp amma ''addunyaan deebi'ee Israa'eliin ni jaalata'' jedhe.

Biyyootni hedduun waliigaltee Abra(the Abraham Accords) jedhamu hariiroo Israa'eliifi biyyoota Islaamaa gidduutti godhamutti akka deebi'an abdii qabus ibseera.

Netaaniyaahuutiin ammoo ''addunyaan deebi'ee Israa'eliin ni jaalata''jedhe.

Galma Paarlaamaa Israa'el keessaa rukuttaa harkaa hedudun dhagaahamaa kan ture ta'us yeroo dheeraaf kan hirmaattotni harka walitti dhahan Tiraamp waayee Gaazaa qaama hidhaterraa bilisa gochuufi Hamaasiin hidhannoo hiiksisuu dubbateeedha.

Hamaasii hidhannoo hiiksisuun wixinee Nagaa abbaa qabxii 20 Tiraamp qopheesse keessaa tokko. Haata'u malee dhimmi kanarratti ammallee waliigalteen hin gahamne. Hamaas yaada kana hin fudhanne.

Achii itti aansuun Israa'el humna waraanaatiin lola kamuu mo'attetti jedhe. Ammaa achi waraanni akka hin jirres akeeke.