Barri haaraa Chaayinootaa 'Bara bofaa'' jedhamu maali?

Madda suuraa, Getty Images
Uummanni addunyaa miliyoona hedduutti tilmamaamu ayyaana waggaa haaraa 'Lunar New Year' jedhamu kabajaa jiru. Ayyanni kunis Bara Bofaa jedhamees waamama.
Chaayinoonni bofa mallattoo ogummaanni jedhanii amanu. Kanaaf barri haaraan kun baratti ogummaa fi badhaadhina argannu nuuf haa tahu jedhanii waan hawwaniif Bara Bofaa [Snake Year] jedhanii waamu.
Yoo bara akkanaa keessa dhalatteetta tahe... baga gammadde si jedhu. Akka aadaa Chaayinootaatti garuu waggaa 12 naanna'ee yeroo dhufu carraa hamaa qabatee sii dhufa jedhanii waan amananiif hedduus hin gammadan.
Guyyaa akkanaarra dhalachuun Waaqa Umurii, Tai Sui jedhamu mufachiisteetta jedhama.
Carraa hamaa sitti dhufu kana karaan ofirraa ittistu tokkichi jira. Innis guyyaa hundumaayyuu uffata diimaa, kaalsii fi paantii osoo hin hafiin waan diimaa qofa uffachuudhaani. Halluun uffataa kun afuura hamaa sitti dhufuuf jedhu sirraa ari'a jedhanii amanu.
Hubadhaa! Yoo bara 2013, 2001, 1989, 1977, 1965, 1953, 1941 ykn 1929 keessa dhalatteetta tahe guyyaa hamaa kanarra dhalatte jechudha. Uffata diimaa sana qofatu afuuricha hamaa sirraa deebisa akka Chaayinoonni jedhanitti.
Chaayinoonni harka isaanii irrattis waan halluu diimaa qabdu faaya wayii hidhatanii akka waaqaatti kan ilaalan boca bofaa kan qabu kaawwatanii deemu.
Lamiilee Chaayinaa waan kanatti hin amannes akkuma aadaatti uffatanii deemu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ayyanni Lunar New Year kun Chaayinaa dabalatee Kooriyaa Kibbaa fi biyyoota biroo kaan keessattis ni kabajama. Akkuma ayyaana biyya keenya Itoophiyaatti beekamuu yerootti maatii, firoonnii fi hiriyyoonni walitti dhufuun bifa ho'aa taheen kabajanidha.
Nyaata baay'eetu qophaa'a. Namni hunduu quufee nyaachuun dirqama. Biyyoota Eeshiyaa hedduu keessatti kan kabajamu ayyaanni kun yerootti waggaa haaraan isaanii jalqabudha.
Veetnaam keessatti ayyaanni kun Teet jedhama. Kooriyaa Kibbaa keessatti ammoo Se'oolaal jedhamee beekama.
Guyyaa ayyaanaa ijoolleen uffata aadaa haaraa bitameef uffatu. Uffata haaraa maatiin bitaniif uffatanii manguddoota fuulduratti lafa jilbeenfachuun sirna hanbok jedhamu gaggeessu.
Sana booda manguddoonni ammoo Saba'etdon kennuuf. Kana jechuun eebbaa fi maallaqa callaa muraasa harkarra kaa'uun. Eebba fudhatu jechuudha.
Lammiin Kooriyaa tokko dur yeroo ijoollummaakoo doolaara torba fudhachuun waan ajaa'ibaa ture jedhe. Amma kennaan manguddoonni kennan gara doolaara 40 ykn Birroo 5,000tti guddateera.
Singaaporii fi Maleezhiyaa keessatti ammoo namoonni baay'een maaddii guddaa dhiyaatuuf tokkotti naanna'anii nyaatu. Fuduraa fi kuduraa, akka qoosxaa fi qurxummii iraa nyaata qophaa'udha.
Nyaanni kun akka aadaa biyyichaatti 'Lohei' jedhamee beekama. Nyaata kanarraa nyaachuun akka carraa gaariin nama mudatu godha jedhanii amanu.
Fakkeenyaaf qurxummiin nyaata kanatti dabalamu badhaadhina waama jedhanii amanu.
Nyaatonni kunneen ol gara samiitti darbachuun walitti maku. Yaadni isaa hammuma ol fageessitee darbitee saayinaa tokko irratti walitti makte carraa gaarii guddaa ofitti waamta jedhu.
Yeroo ayyaanaa kana keessumaa namoonni gurguddaan maallaqa callaa meeshaa kennaa ittiin saamsan halluu diimaa qabuun saamsuun nama jaalatan tokkoof kennu.
Hojjettoota isaaniif dhaabbileen bifa kanaan kennanis jiru. Garuu Paartiin Komunistii Chaayinaa kaadiroonni isaa kennaa kamiyyuu halluu diimaan maramee kennamuuf akka hin fudhanneef akeekkachiiseera.












