Harargeetti abbaan warraa kilaashii isheen hojiif hidhatteen haadha warraa ajjeese adabame

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Obbo Takaabaa Ballaxaa fi Saajin Olaanaa Maqdas Xilaahun Abbaa Warraa fi haadha warraa ta'anii Bulchiinsa magaalaa Ciroo ganda Caffee araaraa jedhamu keessa waliin jiraachaa turan.

Imala bultii isaanitiinis ijoollee lama horataniiru. Galmeen qorannoo poolisii akka mul'isutti miidhamtuun, haati warraa kuni miseensa poolisiiti. Abbaan warraa ammoo hojuma dhuunfaa hojjeta.

Waajjira Abbaa alangaa Godina Harargee Lixaatti Abbaa Adeemsa Dhimmoota Yakka adda addaa kan ta'an, Obbo Ashannaafii Nigaatuu BBCtti akka himanitti, Yakki sukaneessaan kuni ALI Sadaasa 25, bara 2018 raawwatame.

"Guyyaa jedhame kanatti himatamaan kuni haadha warraasaa Saajin Maqdas Mokonnin jedhamtuu fi ilmaan lama waliin godhatan inaaffaa hariiroo jaalalaa nama biraa waliin qabdi jedhuun haaloo qabate."

"Halkan sa'aatii torba yoo ta'u manuma jireenyaa isaanii keessatti meeshaa waraanaa Kilaashii miidhamtuun kuni hojiif hidhatte, meeshumashiii fayyadamee ajjeese" jedhan.

Ragaan qorannoo abbaa alangaa akka akeekutti himatamaan kuni nama siivilii ta'ulleen nama ammaan dura miseensa poolisii turee fi ittifayyadama meeshaa waraanaa beekudha.

Himatamaan kuni yakka kana erga rawwateen booda miliquun gara godina Arsiitti akka baqates himu Obbo Ashannaafiin.

"Himatamaan kuni akkuma yakka kana raawwateen miliquuf yaalee ture. Asii bahee gara Godina Arsii deeme firoota achii qaba. Firootumtisaa kan inni dhaqee dhimma kana itti hime seera jalaa miliquu hin qabdu jedhee qabee Cirootti deebi'ee akka to'atamu ta'e" jedhan.

Akkaataa itti dura miliqee firootnisaa akka harka kennatu godhan kana himatamuma kanatu dhaddacha irratti ibse.

Himatamaan kuni erga to'annoo jala ooleen booda meeshaan waraanaa yakki kuni ittiin raawwatames too'atamuun ragaan namaa fi sanadaa walitti qabame.

"Himatamaan gaafa mana murtii olaanaa Godina Harargee ixaatti dhihaatee yaadasaa kennu yakka kana raawwachuusaa guutumaan guututti amanee jira. Aaariidhan yookan miira oftoo'achuu hin dandeenye keessa ta'een ajjeechaa kana raawwadhe jechuun mana murtiitti hime" jedhan Obbo Ashannaafiin.

Miira aarii yookan oftoo'achuu hin dandeenye keessa ta'een ajjeecha kana raawwadhe kan jedhe manni murtii akka jecha 'waakkiitti' waan fudhateef abbaan alangaa ragaalee irratti dhiheessuus himan.

Himatamaan haadha warraasaa haadha ilmaan lamaa taate Kilaashiidhaan ajjeese kuni ragaalee abbaan alangaa dhihesse akka ofirraa ittisu gaafatamee ofirraa ittisuu hin dandeenye.

Himatamaan kuni seera yakkaa keewata 539 keewwata xiqqaa 1/A jalattitumame darbuun himatamee murtiin balleessummaa itti kennameera.

Dhimmicha kan ilaale manni murtii olaanaan Godina Harargee Lixaa dhadhacha Amajjii 28, bara 2018 ooleen namicha Haadha warraasaa miseensa poolisii taate kilaashii isheen hojiif hidhatteen ajjese kana hidhaa cimaa waggaa 24'n akka adabamu itti mure.