Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Miidhaan saalaa dubartoota qonna baala shaayii Keeniyaa keessa hojjatan irratti raawwatamu ifa ta'e
Keeniyaa keessatti dubartoonni qonna shaayii keessa hojjetan, miidhaa saalqunnamtiif saaxilamaa jiraachuu qorannoon BBC argisiise.
Dubartoonni 70 ol dhaabbilee Biriteen lama waggootaf Keeniyaa keessatti hojjetaa tureen qacaraman, hoggantoota isaaniitiin miidhaa saalaa akka irra gahe BBCtti himaniiru
Fiilmiin dhoksaadhaan hojjetame hoggantoonni biyya keessaa, dhaabbilee Unilever fi James Finlay & Co, rippoortara dhoksaan badiisaanii saaxiluuf ramadamte tokko irratti saalqunnamtii raawwachuuf dhiibbaa akka godhan agarsiise.
Amma hoggantoonni sadii hojii irraa dhorkamaniiru.
Unilever waggoota 10 oliin dura himannaa walfakkaataan isa kan mudate yoo ta'u, miidhaa saalaa irratti mala "zero tolerance" akkasumas sirna gabaasaa fi tarkaanfiiwwan biroo jalqaban.
Garuu qorannoon waloo BBC Africa Eye fi Panorama gaggeesse himannaan miidhaa saalaa irratti dhiyaate irratti tarkaanfiin akka hin fudhatamne ragaa argateera.
Gaazexaan BBC Tom Odula dubartoota qonna shaayii dhaabbilee lamaan geggeeffamu irratti hojjetan dubbiseera.
Dubartoonni hedduun hojiin waan hin argamneef, gaaffii saalqunnamtii hoggantoota isaaniif harka kennachuu yookaan galii dhabuun akka isaan mudatu malee filannoo biraa akka hin qabne dubbatu.
Dubartiin tokko, "Ijoollee waanan qabuuf hojii dhabuu hin danda'u" jette.
Dubartiin biraa ammoo hogganaan kutaa tokko hanga isheen saalqunnamtii waliin raawwachuuf walii galtutti hojii ishee akka dhae dhabde dubbatteetti.
“Dararaa qofa; si waliin ciisuu barbaada, sana booda hojii argatta" jette.
Dubartiin biraa erga hogganaanshee,ishee wajjin saalqunnamtii raawwachuuf dhiibbaa godheen booda HIVn akka qabamte dubbatti.
Himata miidhaa saalaa raawwatamaa jiru ilaalchisee ragaa dabalataa walitti qabuuf BBCn rippoortara dhoksaa Kaatii dhaabbilee shaayii irratti hojjechuuf qacareera -maqaa ishee isa dhugaa miti
Yeroo tokko, Kaatiin nama dhaabbata James Finlay & Co qacaru kan Joon Chebochok jedhamu waliin gaafannoo hojii akka gootu affeeramte.
Gaafannoon qacarrii kutaa hoteelaa tokko keessa taateera.
Dhaabbata Finlay irratti waggoota 30 oliif kan hojjetan Chebochok, jalqaba hogganaa qabeenyaa, achiis abbaa qabeenyaa dhaabbata kontiraataa ta'e.
Kaatiin wal argu dura, dubartoonni hedduun Gaazexaan BBC Tom Odula dubbise innis nama karaa saalaa miidhaa isaanirraan geessise ta’u himaniiru.
Chebochok Kaatii foddaa irratti maxxansee akka isa tuqtu fi uffata ishee ofirraa akka baastu gaafate.
“Maallaqa siif kenna, sana booda hojii siif kenna. Si gargaareera, na gargaari,” jedhe
“Ciifnee, xumurree deemna. Sana booda dhuftee hojjetta.”
Kaatiin akka hin hayyamne ifatti dubbatteetti. Dhuma irrattis harka kennatee. Akka isheen deemtu sababa itti kennuuf bilbille.
“Baay'een sodaadhe, akkasumas baay'een rifadhe. Dubartoota Chebochok jalatti hojjetaniif dhuguma rakkisaa ta'uu qaba,'' jetti Kaati
James Finlay & Co akka jedhetti Chebochok erga BBCn dhaabbaticha qunnamee booda battalumatti hojii irraa dhorkamaniiru.
Dhaabbatichi poolisiittis akka isa gabaase ibse,amma hojiin ishee Keeniyaa “dhimma jeequmsa saalaa wajjin walqabate” babal’achuu fi dhiisuu isaa qorachaa ture.
Yeroo Kaatiin dhoksaadhaan dhaabbata Yuunileevariin geggeeffamu tokko keessa hojjechaa turteetti, miidhaa saalaa ishee mudateera.
Guyyaa hojii jalqabde odeeffannoo barbaachisaa ta’e argachuuf kan affeeramte yoo ta'u, hogganaan kutaa Jeremiah Koskei jedhamu waa'ee imaammata Unilever'n miidhaa saalaa irratti qabdu irratti namoota haaraa qacaramaniif haasawa kennaa ture..
Haa ta'u malee, sana booda "Kaatii" galgala sana mana dhugaatii tokkotti akka isa qunnamu afeeruun akka isa waliin saalqunnamtii raawwattu dhiibbaa gochuuf yaale- waliin gara mooraa isaatti akka deebi’an yaada dhiyeessuun.
Boodarra Kaatiin akkan jette: "Dhugumaan jireenyi koo guutuun carraa kanaan osoo hidhamee, wal argaan sun akkamitti akka raawwatamu tilmaamuun danda'a."
Kaatiin garee marga haamutti ramadamte- hojii dadhabsiisaadha, torbanitti guyyaa jaha, dubartoonni hedduun akka bakka biraatti ramadaman gaafatan.
Suppervaayizarrin achi jiru Saamu'eel Yebei jedhamu hojii salphaa ta'e hojjechuuf jecha saalqunnamtii akka raawwattu ishee gaafate.
Kaatiin amala kana qondaaltota miidhaa saalaa Yuuniliivar keessaa yeroo himatu: "Qajeeltoowwan kee cinaa dhaabbadhu. Hojiif qaama kee hin kennini.” jedhaniin
Tarkaanfiin hoggantoota ishee irratti fudhatamaa jiru baruuf hordoffii taasiftus deebii tokkollee hin arganne.
Yuuniliivaan himannaa kanaan ''baay'ee akka rifate fi akka gadde'' dubbata.
Dhaabbatichi hojii isaa Keeniyaatti osoo BBCn dhoksaan fiilmii hojjechaa jiruu gurgure.
Abbaan qabeenyaa haaraan ‘Lipton Teas and Infusions’ 'hoggantoota lamaan hatattamaan hojii irraa ari'eera'' jedha, akkasumas ''qorannoon guutuu fi walaba ta'e akka gaggeeffamu'' ajajeera.
Qorannoon dhoksaa Panoramaan gaggeeffame akka mul'isutti dubartoonni dhaabbilee biqiltuu shaayii ‘PG Tips fi Lipton’ oomishanii, hojii isaaniif deebii kennuudhaan hoggantoota isaanii waliin saalqunnamtii akka raawwatan dhiibbaan irra ga'a.
Gaafii keenyaaf Jeremiah Koskei yaada kennuu dide, Saamu'eel Yebei ammoo himannaa isarratti dhiyaate ni haalu.
James Finlay and Co shaayii Keeniyaa suuqiiwwan gurguddoo Sainsbury's fi Tesco, akkasumas Starbucks'f dhiyeessa.
Qorannoo BBC kanaaf deebii kennaniin, Sainsbury's ''Himannaan suukaneessaan kun dhiyeessii keenya keessatti bakka hin qabu'' jedheera.
Wiixata Starbucks ibsa baaseen ''baay'ee yaaddoo'' akka qabuu fi ''tarkaanfii hatattamaa'' fudhachuun bittaa James Finlay and Company Keeniyaa irraa dhaabuu ibseera.