Afrikaan 'waggoota 15-20 keessatti Waancaa Addunyaa ni mo'atti' -Leenjisaa Morookoo

Afrikaan "waggoota 15-20 keessatti" Waancaa Addunyaa ni mo'atti jedhe leenjisaan garee biyyaalessaa Morookoo Waalid Reguraayi.
Morookootiin xumura walakkaa Waancaa Addunyaa akka qaqqaban taasisuun Afrikaaf, akkasumas biyyoota Arabaatiif seenaa haaraa kan galmeessise Waaliid, kaayyoo yeroo dheeraa Afrikaan Waancaa Addunyaa argachuu qabdi jedhu milkeessuuf itti dhiyaatanii ture.
Leenconni Atilaas (garee biyyaalessaa Morokoo) tapha xumura walakkaa irratti Faransaayiin mo'amaniiru.
Tapha sadarkaa Kirooshiyaa waliin taasisanis mo'amuun afraffaa bahuun xumuraniiru.
Morookoon xumura-walakkaa Waancaa Addunyaaf darbuun Afrikaaf seenaa haaraa hojjettetti.
Leenjisaan umuriin isaa waggaa 47 ta'e Waaliid, Afrikaan waancaa bara 2026 gaggeeffamuurraa kaasee biyyoota shanii ol ardittii Waancaa Addunyaa irratti bakka bu'an qabaachuun ni cimti jedhee amana.
"Waancaa Addunyaa itti aanurratti, caalaa barachuu akka dandeenyu kan nu gargaaru bakka biyyoota sagalii qabaanna," jedhe Waaliid.
"Waggoota 15-20 keessatti, gareen biyya Afrikaa tokko akka mo'atu na amansiiseera.
Sababiin isaa ammoo hanguma hirmaannee deebineen baayyee barachaa deemuun, dargaggoonni keenya waa'ee Waancaa Afrikaatiin qaacimmachaa deemu."
Afrikaan bara 1994 irraa kaastee garee shan qofa bakka buuftaa turteetti. Kun ammoo biyyoota 13n kan bakka bu'u Awurooppaan gadidha.
Kun ammoo kan xiqqaateef, biyyoonni Afrikaa tapha ramaddiirra darbee sadarkaa mo'atanii darbuu keessa hanga barbaadameen seenuu dhabuu isaaniirraa kan ka'eenidha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Rakkoon keenya, biyyoota shan qofaan bakka bu'uudha.
Kana jechuun ammoo [biyyoonni ciccimoo] akka Masrii, Naayijeeriyaa, Afrikaa Kibbaa, Maaliifi kaan carraa hirmaachuu akka dhaban taasiseera," jedhe leenjisaan Morookoo kun.
Akka yaada Waalid kanaatti biyyoonni Afrikaa Waancaa Addunyaa keessatti hirmaatan hanguma dabalaa deemeen muuxannoo argamu waan dabaluuf carraa biyyi Afrikaa shaampiyoonaa ta'uu ballisa.
Abjuun Morookoon Waancaa Addunyaa bara 2022 Qaataar keessummeessaa jirtu injifachuu hin milkaa’in hafe, garuu biyyattiin gaddaarra hin jirtu.Biyyattii barana otoo sadarkaa kana geessi jedhamee hin eegamne dorgommicharratti walakkaa xumuraaf geesse ture.
Leenjisaan Morookoo Waalid Reguraay, seenaa hojjatan jedhamanii leellifaman.Reguraay milkaa’uuf waan danda’an hojjachuu himan.
‘’Taphattoonni koo ga’umsa agarsiisaniin garee Morookootti maqaa gaarii horan, kana fudhachuun ni jabaata, isaan silaa galmee seenaa irra deebiin barreessuu yaadanii turan,’’ jedhe.












