Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaazexeessaan Zambiyaa badhaasa ‘BBC World News- Komlaa Dumoor’ mo’ate
Gaazexeessaa televijiinii fi Raadiyoo kan ta’e Dingindaba Joonaa badhaasa ‘BBC World Service, Komlaa Dumoor’ mo’ate.
Dargaggeessi umrii 25 Buyooyan namoota badhaasa bara 2015 hundeeffame kana argatan keessa nama kibbaa Afrikaarra dhufu kan jalqaba fi umriin hundasaaniirra xiqqaa kan tahe.
Ammatti televijinii ‘Daayimand’ kan waggoota shan dura hojechuu eegale irratti oduu gabaasuu fi dhiheessuun hojeta.
Badhaasni kun gaazexeessaa ‘BBC World News’ kan tahe Koomlaa Dumoor bara 2014tti tasa umurii waggaa 41'tti lubbuunsaa darbee yaadachuuf kan qophaa'edha.
Gaazexeessaa Koomlaa Dumoor nama lammii Gaanaa yoo ta'u BBC muuxannoo fi jaalatamummaa guddaa qaba ture.
Buyooyan fakkeenya gaazexeessitoota amma dura badhaasa kana argatani; Viiktooriyaa Rubaadiirii, Solomon Serwanjja,Waihiga Mwaura , Amina Yuguda, Didi Akinyelure fi Nancy Kacungira hordofa.
Isatti aanudhaan badhaasa kanaaf kan filatamte gaazexeessituu Ayivoorii Koosti Lindsay Aida kan sagantaa ofi qabduudha.
Gaazexeessan Zambiyaa kun ji’oota sadiif garee BBC Landan jiran wajjiin teletelevijiinii, raadiyoo fi kanneen irra hojeta. Akkasumas gaazexessitoota BBC cimoo ta’an irra leenjiif muuxannoo argachuuf deema.
Buyooyaan Afrikaa keessa biyya tokkotti imaludhaan gabaasa dhaggeeffattoota BBC addunyaa maratti tamsaasan qopheessuuf.
“Badhaasa Komla Dumor ‘ kana mo'achuuf anaaf waan guddaadha,” jedha Buyooyan.
“Hojii Komlaaf dinqisiifannaa guddaa qaba. Ani gaazexeessa ta’uuf hawween ture, gabaasa Komlaan duraan hojate ilaalan ture. Yeroo dubbatu aangoodhaan kan yaadasaa ibsatu yoo tahu, gabaasalee Afrikaa sirriitti hojechaa ture.
“Dhaala Komlaa keessa jiraachukoof baay’ee gammade.”
Gareen badhaasicha kennan gaazexessummaa isaafi fedhii inni gabaasalee Afrikaa karaa diijitaalii dhiheessuuf qabuuf Buyooyaa dinqisiifatan.