BBC'n badhaasa 'Komlaa Dumoor' bara 2022'f dorgomsiisuu eegale

BBCn gaazexeessitoonni ciccimoo gara fuulduraatti Afriikaa keessaa guddataa jiran badhaasa 'Komlaa Dumoor' kan amma waggaa torbaffaaf gaggeeffamu irratti akka dorgomaniif gaafate.

Gaazexeessitoonni Afrikaa guutuu irraa badhaasa, dandeettii haaraa ardittii keessaa ifa baasuu irratti xiyyeeffate, akka iyyatan affeeramaniiru.

Gaazexeessaan dorgommii kana injifate ji'oota sadiif waajjira muummee BBC magaalaa Landan jiru keessa turuun dandeettii gabbifata, muuxannoos qooddata.

Yeroon iyyata itti galfamus Guraandhala 16, 2022 sa'aatii 23:59 GMT'tti xumurama.

Gaazexeessaan lammii Gaanaa BBC keessatti dandeettii fi kabaja guddaa qabu Kumlaa Dumoor kan bara 2014 umurii waggaa 41tti du'aan addunyaa kanarraa boqote.

Haatii warraa Dumoor Kwanseemaa Dumoor, dhiibbaa abbaan warraan ishee BBC keessatti qabuun kan ''boontu' ta'u himuun, akkasumas BBC'n karaa ''badhaasichaatiin'' waan isa yaadateef maatiinsaa gammadoo ta'u himte jirti.

BBCn gaazexeessitoonni guutuu ardii Afriikaa keessaa akka badhaasa kanarratti hirmaataniif jajjabeessuun, kanneen hojii gaazexeessummaa cimaa hojjataniif beekamtii kenna.

Kaadhimamtoonni dorgomicha mo'atanis leenjii argachuun alatti, odeessaalee isaan qorannoo irratti gaggeessan irratti dhaggeeffattoota BBC addunyaatiif gabaasa hojjachuuf carraa biyyoota Afriikaa keessa imaluus ni argatu.

Dumoor hijoo gaazexeessuu tarkaanfataa, kan haala yeroo waliin adeemuu akkasumas dhimmee oduuwwan afriikaa mirkanaa'aniifi guutamaa ta'an gabaasdhaan ardii afriikaa fi addunyaa biraarratti dhiibbaa cimaa taasisan beekama.

BBCn karaa badhaasa kanaatiin gaazeexeessitoonni odeessaalee Afriikaa cicimoo fi kanneen hordoftoota idil-addunyaatiif hawwatoo ta'an akka gabaasaniin karaa leegaasii Dumoor kanaan aangeessuufitti fufuuf hojjataa jira.

Gaazexessituu duraan badhaasa kana mo'atte Viiktoriyaa Rubaadiriin sababii kornaavaayirasitiin leenjii ishee bara 2020 hojjachuu waan hin dandeenyeef gara bara 2021tti dabarfamee ture.

Wayita leenjiicha keessaa turteettis gara magaalaa DR Koongoo, Kinshaasaatti imaluun waa'ee appii nageenya geejjibaa fooyyeessuuf hojjatame gabaafte turte.

Rubaadiri badhaasa ishee Daareektara Olaanaa BBC Tiim Deevi haraa fudhate.

''Yaadannoo kabaja olaanaa Komlaa Dumoor ol kaasuu isaantiin alatti, BBCn hojii kiyya akka gaazexeessituutti beekamtii naaf kennuusaatti, yeroo baatii sadii Landaniitti dabare keessatti jijjirama of irratti argeera,'' jette.

"Muuxannoofi waanan baradhe ogummaa kiyya sadarkaa ittaanuuntti na dabarseera. Carraan kunis kallattiiwwan gabaa odeessaalee ardiilee ilaalchiisuun carraa naaf kenneera. Akkasumas malawwan haar'aa odeessaaleen afriikaa ittiin himaman irratti sammuu koo baneera.''

Daarektarri BBC World Service, Liliyaan Landoor akka jetteetti, ''Badhaasni Komlaa Dumoor BBC World Service waggaa torbaffaa isaa qaqabuusaatti baayyeen gamada.''

''Badhaafamtoonni kanaan duraas kutannoo Komlaan odeessaalee afriikaa gadi fageenya, fi haala hubannoo kennuun gabaasa turee fakkeenya dhugaa turan. Bara kanattis gaazexessaa badhaasicha kana mo'atu simachuuf onneen eegaa jirra.''

Dumoon Focus on Africa, sagantaa oduu TV guyyaa guyyaan afaan Ingliffaatiin BBCn tamsaafamu irrati qopheessaa sagantaa ture. Akkasumas sagantaa BBC World News irratti ammoo kutaa sagantaa barii Awurooppaa irratti dhiyeessitoota sagantaa adda duree keessaa tokko ture.

Dumoor erga biyya isaa Gaanaatti hojiiwwan gaazexessummaa hojjachuun badhaasa Waggaa Gaaazexessitoota Gaanaa badhaafameen booda bata 2007tti BBCtti makamee ture.

Baroota 2007 fi 2009 jidduuttis osoo sagantaa World Today jedhamu hin eegaliin dura BBC guddicha irratti sagantaa Network Africa jedhamu keessummeessa ture.

Bara 2009tti ammoo BBC World Service irratti sagantaa oduu bizinasii Afriikaa kan jalqabaa ta'e keessummeessu eegale. Akkasumas Afriikaa guutuu imaluun intaripiranoota jajjaboon wal arguuun adeemsa bizinasii ardiittii irraatti waan haaraa turan gabaaseera.

Dumoor barruu Nwe Africa bara 2013 irrattis tarree Afrikaanoota dhiibbaa uumuu danda'an jajjaboo 100 keessatti eerameera.

Kanaan dura kanneen injifatan:

  • Bara 2015: Nancy Kacungira Yugaandaa irraa
  • Bara 2016: Didi Akinyelure Naayijeeriyaa irraa
  • Bara 2017: Amina Yuguda Naayijeeriyaa irraa
  • Bara 2018: Waihiga Mwaura Keeniyaa irraa
  • Bara 2019: Solomon Serwanjja Yugaandaa irraa
  • Bara 2020: Viiktoriyaa Rubaadirii Keeniyaa irraa