Ertiraatti daa'imman mataan walqabatee dhalatan waldhaansaf alatti ergamuu qabu jedhame

Ertiraatti daa'imman lama mataan walqabatee dhalatan yaala baqaqsanii wallaanuutiin gargar baasuudhaaf biyya alaatti ergamuu qabu jedhame.

Daa’imman kunneen Hospitaala Riferaalaa Kaarenitti kan dhalatan yoo ta'u, Hospitaala Horotaa jedhamu Asmaraa keessatti argamu keessatti ammoo hanga wallaansa adda baasuuf alatti ergamaniitti kunuunsi taasifamaafii jira.

Dursaa Dippaartimantii Kunuunsa Daa’imman Dhalattuu Hospitaalichaa Dr. Zemikaa’el Oqubaay daa’imman sammuun isaanii walqabatee dhalatan kunneen reefuu ji’a lama akka ta’an himuun, “kunuunsi taasifamaafii akka jiruufi qaamaanillee guddataa jiru,” jedhe.

Akka Dr. Zamikaa’el jedhetti, daa’imman akka kanaa walqabatanii dhalatan wallaansa baqaqsanii yaaluutiin adda baasuun kan danda'amu yeroo umuriin isaanii wagga lama guute qofadha.

Yaaliin baqaqsanii wallaanuu kun ammoo kan gaggeeffamu qorannoon erga adda baafameen boodadha jedhe ogeessi kun.

“Haata’u malee, asitti [meeshaa kana adda baasu] high-contrast imaging system jedhamu hin qabnu. Kanaaf, qama mataafi sammuu isaanii isa kamitu walitti jira ykn lamaan isaanii waliin qabu kan jedhu ifa miti,” jedhe.

“Eessattiifi eenyu yaala baqaqsanii wallaanuu kana akka raawwatu kan murteessu Ministeera Fayyaati.

Yaalli baqaqsanii wallaanuu akkasii kun biyya alaattidha kan gaggeeffamu. Isa dura garuu daa’imman kunneen keessatti sammuu lama qabuu? Sammuu tokkoon/waloon yaadu ykn xiinxalumoo garaa garadhaa? gaaffilee jedhaman adda baasuu barbaachisa," jedhe Dr. Zemikaa'el.

Yaaliin daa'imman mataan isaanii walqabatee dhalatan baqaqsanii wallaanuu yeroo dheeraa kan fudhatuufi walxaxaa waan ta'eef hirmaannaa ogeessota fayyaa baayyee barbaada jedha Dr. Zemikaa'el.

Kana malees, wallaansi akka kanaa meeshaa wallaansa fayyaa baayyee ammayyaawaa ta'e akka barbaadu himuun, erga mataa isaanii wallaansaan adda baasaniis carraa isaan lubbuu ooluuf qabanis dhiphaa ta'uu dubbata.

"Carraan daa'imman mataan isaanii walqabatee dhalate yaala baqaqsanii wallaanuutiin lubbuun ooluu qaban dhibba keessaa 20 hanga 30 ta'a. Hedduun isaanii carraa lubbuun ooluu hin qaban," jedhe.

Dr. Zamikaa'el akka jedhutti, ulfi hanqaaquu dhalaafi sanyii kormaa irraa uumame yeroo torban lamaa keessatti walitti makamee lamatti yeroo qoodamu lakkuun dhalachuu danda'a.

"Qoqqoodamuun isaa yeroo isaa eegee kan xumuramu yoo ta'e ulfa lakkuu ta'etu dhalata; adeemsa qoqqoodamuu isaa osoon hin xumuriin yoo hafe garuu daa'imman qaama isaanii keessaa bakka tokkoon walitti qabatanii dhalachuu danda'u," jechuun akkamitti akka walitti qabatanii dhalachuu akka itti danda'an ibsa.

Taateen akkasii kun lakkuu walfakkaatoo (Identical Twin) warra ta'an irratti akka mudatu kan himu ogeessi fayyaa kun, walitti qabatanii dhalachuun mudachuu kan danda'u da'umsa miliyoona 2.5 keessaa tokko ta'a jedha.

kanaan dura daa'imman mataan walitti qabatee dhalate akka isa mudatee hin beekne kan himu Dr. Zamikaa'el, kan garaan isaanii walqabatee dhalatan garuu gara hospitaala isaanii akka dhufanii beekan yaadata.

Waggaa 15 dura ammoo daa'imni tokko mataa lama qabatee dhalee akka ture eeruun, mataa lamaan isaa keessaa tokko guutummaan guutuutti kan guddate, kaan ammoo kan hin guddanneef lubbuullee hin qabne waan tureef akka maqfameef yaadatu.

Daa'ima kanaaf ertiraatti erga wallaansi taasifameef booda haala keessa jiru wanti beeku akka hin jirre BBC Tigirinyaatti himeera Dr. Zemikaa'el.

"Daa'imni sun eessa akka jiru hin beeknu sababiin isaa ammoo hawaasni mudannoo kana fakkaataniif ilaalcha inni qabu dogoggoradha. Maatiin hordoffiif akka deebiyanii dhufaniif itti himamee hin deebiyiin hafan," jedha.