Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Itoophiyaa dabalatee dureewwan Afrikaa sarbama mirgaa lammiilee dhaabuu hin dandeenye'
Itoophiyaa dabalatee dureewwan biyyoota Afriikaa sarbama mirga namoomaa bal’aa humnoota nageenya mootummaa fi gareewwan hidhattootaa mootummaan alaatiin lammiilee irra gahu dhorkuu hin dandeenye jedha dhaabbanni mirgaaf falmu Humaan Raayitis Woochi (HRW).
Dhaabbatichi Gabaasa Addunyaa 2023 isaa haala qabiinsa mirga namoomaa irratti tibbana baaseen, dureewwan Afrikaa sarbama mirgaa dhaabuu dadhabuun alatti, guutuu ardiitti yaaliiwwan miidhamtoonni haqa akka argataniif taasifame gahaa hin turre jedhe.
Kanaafuu dhaabbilee akka Gamtaa Afriikaafi kaan atattamaan akka tarkaanfiiwwan fudhataniifi sirnawwan ittiin mirgi namomaa haalaan to’atamu fi naannoo waraanaa keessaa ittiin gabaafamu wixineessuun dararamawwan biraafi balaa namoomaa hambisuu qabu jedheera.
Itti dabalunis, ‘‘bara 2022 keessatti rakkoowwan muraasa furuudhaaf yaaliiwwan naannichaa keessatti fedhii siyaasaa gahaafi hoggansi dhabamu, lammiileen nagaa lakkoofsaan hin beekamne waraana keessatti danqamuun gara bahanii akka dhaban ta’aniiru’’ jedhan Daareektarri Dhaabbata Humaan Raayitis Wooch Afriikaa, Maawusii Seguun.
Waa’ee Itoophiyaa maaltu jedhame?
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaan darbaniif gaggeeffamee jiraattoota naannoolee Tigraay, Amaaraafi Affaar irraan miidhaa cimaa qaqabsiisuu gabaasni kun himeera.
Ummanni naannoo Tigraay heddunis bakka jireenyaa isaanii buqqaafamuu fi deeggarsa namoommaa haalaan barbaachisu dhabuun turuusaanis yaadateera. Haaluma walfakkaatunis, waraanni humnootii mootummaa federaalaa fi hidhattootaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin gaggeeffamu cimee itti fufeera jedhan gabaasni HRW kun.
Haata’u malee qaamoolee waraanicha kana keessatti yakkawwan sukkanneessoo ta’an raawwataman seeratti dhiyeessuuf yaaliiwwan gama motummaan taasifaman akka hin jirrees kaaseera.
Waraanaa Kaaba itoophiyaatti mootummaa federaalaatiifi humnootii Tigraay jidudutti gaggeeffamaa ture karaa nagaatiin furuuf jaarsummaa Gamtaa Afriikaatiin baatii lamaan dura waraanicha dhaabu yaadateera.
Mirga lammiilee eegsisuun ittigaafatamummaa eenyuuti?
Akka gabaasni dhaabbata mirgaaf falmu kun jedheetti, xiqqaan ta’anii ykn guddaa, dirqamni mirga namoomaa lammiilee isaanii eegsiisuufi waliin ta’un jajjabeesun kan biyyootaati.
Fakkeenyaaf, bara 2022 keessa Itoophiyaa keessatti dabalatee, biyyoota akka DR Koongoo, Kaameeruun, Moozaampiik, Maalii, Burkinaa Faassoo fi Sudaan Kibbaa keessatti yoo xinnaate humnootiin mootummaafi hidhattoonni kan mootummaa hin taane sarba mirga lammiilee himatamu kaasa.
Dhaabbatichi, Burundii raapoortar addaa UN, Itoophiyaa ammo oggeessoonni Komishinii Idil-addunyaa Mootummoota Gamtoomanii fi Komishiniin Mirga Ummataafi Namoomaa Komishinii Afriikaa akka biyya hin galleef dhurku itti fufaniiru jechuun himate.
Itti dabalunis, ‘‘mootummoon Afriikaa fi dhaabbileen naannichaa sarbama ifatti balaaleeffachuu fi rakkoo ardii mormuu qabuu’’ jechuun waamicha dhiyeessan Seeguun.
‘‘Rakkoolee kanneen irratti qabsaa’udhaaf yaaliiwwan sirriifi qorannoon walabaa kan barbaachisu yoo ta’u, kaneen guutuu afriikaatti sarbama mirga namoomaa fi yakkatti gaafatamo ta’an ittigaafatamoo gochuuf haqi walabaa barbaachisaadha.’’ Guutuu Afriikaatti baqattoonni fi godaantoonni sababiiwwan walitti bu’insa hidhattootaa, hacuccaa, walitti bu’iinsa hawaasaa, iyyummaa fi rakkoo haala qilleensaatiin bakka jireenyaa isaanii irraa buqqaafamu jedha.
Ertiraafi Kaameeruun keessatti kolugaltoonni dirqiidhaan gara biyyaatti deebiifaman hidhaafi dararaadhaaf saaxilamaa jiraachu gabaasichi kaaseera.
Waliigalattis, hanqinni daandiin seera qabeessa godaansaa fi Afriikaa keessaafi alatti kolugaltummaa gafaachuuf danqaaleen jiraachun, dhiibbaa Gamtaa Awurooppaafi biyyoota miseensaatti dabalamee, goodaantoota du’a, dararaa, saamicha humnaafi loogiidhaa saaxileera jedhe.