'Warra tamboo aarsan dhaabsisuuf ija itti babaasaa' - Hong Kong

Jiraattonni Hong Kong kanneen bakka dhorkametti tamboo aarsan hamilee cabsuuf ija itti babaasuu qabu jedhan qondaalli fayyaa.

Magaalaa tamboorraa bilisa taate hundeessuu irratti gaaffii gaafatamaniif yeroo deebii kennanitti, dureen fayyaa magaalattii Lo Chung-maawu kana kan dubbatan.

Dabaluunis poolisiin kanneen tamboo aarsan qabuun kan irraa eegamu miti jedhan.

Hong Kong tarkaanfii farra-tamboo ciccimoo tahan dabarsuu irratti marii gubbaa jirti.

Ammatti manneen nyaataa, bakka hojii, iddoowwan walgahii hawaasaa manneen keessaa fi alaa muraasa tahanitti tamboo xuuxuun dhorkaadha.

Hong Kongitti tamboo xuuxuu xiqqeessuuf marii hawaasa kan jalqabsiisan Piroofesar Lo, hawaasni kana keessatti gahee qaba jechuun dubbatan.

Poolisiin kanneen xuuxan battaluma sanatti arganii to'achuun itti cimas jedhan.

Tamboon fayyaa namaa miidha kan jedhan aanga'aan kun, Hong Kong "aadaa fedhiin seeraaf bitamuun" ishee barbaachisa jechuun dubbataniiru.

Dabaluunis: "Jiraataan tokko nama bakka hin eeyyamamnetti xuuxaa jiru yoo arge... ija itti babaasuu ykn ija keessa sirriitti ilaaluu ni danda'a," jedhan.

Bulchiinsa magaalaa kana keessa seera tamboo amma jiru cabsuun hanga Doolaara 192 yookaan Birrii 10,000 ol adabsiisa.

Poolisiin bakka seerri cabe jedhametti oggaa gahu, gochaan kun ennaa raawwatamu sila hin agarreef, tarkaanfii fudhachuun itti cima.

Kanaaf seerri tamboos akkuma, barmaata dabaree taaksii eeguutti baratamuu qaba jedhan.

"Namoonni dabaree baasii akka eeggataniif seerri haa bahu kan jedhu hinjiru.

''Hawaasni keenyi aadaa baasii ennaa eegan tarree galanii dabareen eeguu uumeera. Hawaasni marti aadaa tamboo xuuxuu dhaabuu hojiirra oolcha jedheen abdadha."

Mootummaan Hong Kong tarkaanfiiwwan akka: lammilee waggaa murtaa'e booda dhalatan oomishaalee tamboo akka binne dhorguu fi gurgurtaa tamboo irra qaraxa garmalee dabaluun, hojiirra oolchuuf karoorfateera.

Hong Kong magaalaa Chaayinaa keessatti argamtudha.