Jaartiin ganna 87 hattuu manashee seene ofirraa lolteefi soorte ijoo dubbii taate

Madda suuraa, Getty Images
Magaalaa Ameerikaa xiqqoo Biraanswiik keessatti hattuun yeroo mana manguddoo ganna 87 cabsee seenu deebistee na lolti jedhee hin yaadne ture.
Maarjoorii Parkiins, ''halkan dukkana keessa yeroo kaatu nama mana kee keessatti mataarra si dhaabbatu hamma arguu waanti hamaa hin jiru,'' jechuun BBCtti himte.
Manguddoon kuni waggaa 35f barsiistuu mana barumsaa sadarkaa jalqabaa turte.
Hattuun mana gale, ''kukkuteen lafa si kaa'a,'' ittin jedhe jaartii ganna 87 kana.
Jalqabarra naatus battalumatti garuu tarkaanfii fudhachuun ofirraa loluutti kaate.
Dargaggoon ganna 17 hanna, yakka doorsisaa, qoccollaa fi waggaa 18 gadi tahee alkoolii dhuguun himatamee mana hidhaa ijoolleetti gaaddisa seeraa jala jira.
''Yoo qaama koo kutuuf jira tahe, nan isa dhiita yaada jedhutu naa dhufe, achii battalumatti kophee koon diradhe,'' jetti.
Hattuun kuni yeroo isheetti siqaa adeemu barcuma ishee bira jiruun ofirraa ittiste.
Maddiisheefi addarra abootteedhaan ishee dhahee keenyanitti harkisee ishee dhaanuu itti fufe.
Ollaa callisaa tahe keessa kan jiraattu tahus manni Aadde Parkiins garuu karaa namoonni bahanii galanirratti argama. Manguddoon kuni karaa foddaa, ''maaloo na gargaaraa jettee iyyite,''
Magaalaan ishee keessa jiraattu jiraattota 21,000 qabdi.
Yeroo muraasaaf, ''barcuma isheen qabatteen erga wal-lolaa turanii,'' daraggoon kuni dadhabee kutaa nyaanni itti qophaa'u dhaqe jetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Mana kootii akka bahu irra deddeebiin itti himaan ture,'' jetti Aadde Parkiins.
Kanuma gidduutti ''waanuma fuulduratti arge bilcheefachuus yaale, akka malee beela'ee ture,'' jetti.
Gargaarsa barbaada yoo taheef isa gaafannaan, ''kana dura gargaarsa argadheen ture garuu homaa nan fayyadne,'' ittiin jedha.
Achii Aadde Parkiins biskuutii, dadhaa ocholoonii, damma fi dhugaatii pirootiinii qabu lama akkasumas, burtukaana lama kenniteef.
''Waanin kenneefi hunda harkaan hin qabne biskuutii tokko qofa nyaate,'' jette.
Yeroo inni nyaataa ture isheen bilbilashee durii irraa 911tti bilbilte. Gurbaanis karuma balbala fuulduraan achii bahee sokke.
Sareen poolisii hamma mana akkoosaa daandii dhihoo jirutti isa faana buutee argatte.
Yeroo hattuun kuni manashee galu fooddaafi balballi cufaa turus uraa fooddaa bira jiru qilleensa to'achuuf hojjetame cabseeti gale.
Yeroo wal lolaa turanitti yeroo dheeraa dura marga mooraashee keessa jiru sii aramee beeka jedheeni.
Manguddoon kuni waggaa saddeetiin dura mucaan dhiiraa tokko dhufee akka beeku yaadatti.
Sana booda Aadde Pakiins mana nyaataatti otoo fayyadamaa jirtuu keessummeesituun, ''mucaan sun eenyu akka tahe nan beeka-mucaa obboleessa kooti,'' jettiin.
Akka dubartiin sun jettutti dargaggoon kuni kana duras yakka hojjetee beeka.
Erga mudannoo kanaa ollaa, namoota daansii wajji shaakalturraa deeggarsa argachaa jirti. Obboleettishee jaarraa walakkaa oliif hin argine waliinis wal agarteetti.
Seenaan ishee kuni miidiyaalee addunyaa irratti baheera, ishee garuu addunyaarra waan baayyee otoo adeemaa jiruu seenaan ishee maaliif akka qalbii namoota qabate hin beeku jetti.
Waan gaarii natti fakkaata, hattuu kana ofirraa loluuf barcuma kaasuun koo nama baayyee dinqisiiseera jette.












