Tooftaa addaa namni Awustiraaliyaa konkolaataasaa ittiin hanna oolche

Madda suuraa, QUEENSLAND POLICE SERVICE
Tooftaan lammiin Awustiraaliyaa tokko ittiin konkolaataansaanii akka hin hatamne taasisan hedduu biratti ijoo dubbii isaan taasise.
Poolisiin biyyatii akka jedheetti, Awustiraaliyaa keessatti dubartiin tokkoos, nama naannawa biyyattii Loogaan jedhamtuufi lixa Kabiriizibaniitti jiraatu tokko jalaa konkolaataa hatuuf mana seenti.
Haata’u malee osoo konkolaataa hatuuf dhaqxe kaaftee hin deemiin duras, mana namtichaa seenuun erga dhaqna dhiqaxxeen booda uffatashee geedarachuun dhimma hannaa karoorfatee manaa baate eegalte. Dubartiin mana keessa osoo deddebiitu yerooshi gubdees haalli akka isheen yaaddeetti hin milkoofneef. Konkolaataa kaasuun bahuuf wayita jettuutti, abbaan qabeenyichaa, Bireendaan Miilis fi haatii warraa saanii gara manaa yoo deebii’a walitti bahan.
‘‘Fuuldura keenyatti maal ta’aa akka jiru battalumatti nuuf galee ture’’ jechuun ture Aab Miilisi jechuun dubatanii ture.
Dubartiittiin karra konkolaataa cufachuun socho’uuf wayita eegaltuutti waan tokko gochu qaban jechuu sochii eegale Aab Miilisi.
‘‘Irra dedeebiin akka konkolaataa keessaa baatuufan gaafadhe. ‘Amma gara mana keenyaa deebiineera, qabamte jirta. Konkolaataa keessaa bu’i,’’ jechuun dubartii konkolaataa hatuuf dhufte irra deddebbiin gaafatulleen tole hin jenne.
‘‘Haata’u malee dubartiittiin konkolaaticha keessa bahu hin barbaadne’’ ‘‘Achiin ‘tole achuma keessa turuu barbaaddee? Yaadni kee akkasi yoo ta’e mala biraa qaba jedheen.’’
Aab Birendaan Miilisi hojiin isaanii konkolaataa waliin kan wal qabate yoo ta’u, kanaafu dhiheenyaatti meeshaa meeshaa gurguddaa konkolaataa irratti fe’amun (forklift) qabu ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanaafu konkolaataansaanii dubartiittiin hatamte osoo hin fudhatamiin dura oolchuuf filmaanni qaban meeshaa sanaan fayyadamuudha.
‘‘Kun hundi wayita ta’utti maatiin koo dhaabbatanii ilaalaa turan. Haala kana keessatti ammo waan hin taane raawwachu hin danda’u,’’ jechuun haala ture yaadatu abbaan qabeenyaa kun.
‘‘Baayyee dheekameera. Sammuu koo keessa waan baayyeetu deddeebii’aa ture. Kanarratti ammo atattamaan waan tokko gochuun qaba. Achiinis maashinichi jiraachusaa yaadadhe. Achuma osoo jirruu maashinichaan waan tokko gochuun qaba jedhee yaade.’’
Achinis konkolaataa hatamuuf turte sana osuma dubartiittiin keessa jirtuu meechaa forklift sanaan fannisee ol kaase.
Yeroo sanas konkolaataan gara fulduraatti ta’e gara duubaatti deemuu hin dandeenye. Siriiyyu qilleensa irratti rarraatee hafte, dubartiin konkolaataa hatuuf turtees akkuma keessa teesseetti naasuun ija babaasuu eegalte konkoolaataa waliin akkuma qilleensarratti fanniifamteetti.
Achiin maaltu ta’e hin jettanii? Poolisoonni battalamutti qaqabuun dubartiittiifi konkolaataa silaa hatamuuf turte qilleensa irratti rara’anii argan. Abbaan qabeenyaas konkolaataa gara lafaatti deebiisuun dubartittii poolisiitti dabarsanii kennan.
Dubatiin sunis himannaa yakka mana namaa cabsanii seenuu fi seeraan ala konkoolaataa namaatti fayyadamuuf yaaluu jedhu irratti baname. Yeroo dhiyoottis mana murtiitti ni dhiyaatti jedhameera.












