Haleellaa Huutii Galaana Diimaarratti yaaddoo uume dhaabsisuuf yaaliin taasifamu milkaa’aa?

Loltuu Huutii yeroo dooniirra dhaabbatee Galaana Diimaa caqasaa jirutti

Madda suuraa, Getty Images

Torbanoota muraasa darban keessa dooniin fe’isaa karaa Galaana Diimaa darbuun qormaata ta’eera. Deeggarsa Iraan irraa kan argatan hidhattoonni Huutii dirooniifi misaa’elaan dooniiwwan irratti haleellaa raawwatu.

Hidhattoonni kunneen dabalataan bidiruufi heliikooptaraan haleellaa gaggeessaniiru.

Yaman harka caalu to’atanii kan jiran warri Huutiii, “Filisxeemota obboloota keenya jedhan Gaazaafi Weest Baank keessa jiraniif” deeggarsa akka taasisaniif ibsaniiru.

Dooniiwwan daldalaa gara Israa’el deeman irratti akka xiyyeeffatan ibsaniiru.

Akka odeeffannoo BBCn qulqulleeffateetti, Huutiin haleellaa kan gaggeessan Galaana Diimaa gara kibbaanidha. Kun ammoo qarqara galaanaa Yaman kara hulaa Baab El-Maandeb irrattidha.

Dooniiwwan gara Galoo-galaanaa Aden deemanirrattis haleellaa raawwataniiru.

Haata'u malee, haleellaawwan gaggeessan keessaa kan xiyyeeffannaa barbaadame argate muraasadha. Kanneen keessaa kan Amajji 17, 2024 raawwatan keessatti argama.

Haleellaa kanaan kan irratti xiyyeeffatame doonii Ameerikaadha. Haata'u malee, dooniin Ameerikaa kun diroonii Huutiin cinaan isaa rukkutamus imala isaa itti fufeera.

Suura haleellaa kana agarsiisu kan kaase doonii waraanaa Indiyaa ture. Kun ammoo haleellaa Huutii dura dhaabbachuuf agarsiistuu tumsaati.

Haleellaa Huutii

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Huutiin meeshaalee waraanaa garagaraa fayyadamu.

Keessumaa ammoo misaa'elootaafi dirooniiwwan fayyadamu.

Dirooniiwwan Qaasif-1 fi Qaasif 2 jedhaman qabu. Dirooniiwwan kunneen ammoo hanga kiiloomeetira 200tti dhukaafamuu danda'u.

Meeshaa hanga kiiloomeetira 1,800 furguggifamanis qabu. Kan jechuun dooniiwwan fageenya kanarra jiran ni haleela jechuudha.

Huutiin bidiruuwwan xixiqqaa gargaaramuunis dooniiwwan irratti haleellaa raawwataniiru.

Yeroon itti heliikooptara fayyadamuun dooniirratti haleellaa raawwatanis jira.

Hidhattoonni helekoopteraan deemanii dooniirraa bu'an doonii tokkoyyu butanii fudhataniiru. Dooniin Galaaksii Liidar jedhamu tokko ammayyu butamee Galaana Diimaarra qarqara Yaman jira.

Erga wal waraansi Yaman jalqabee as meeshaaleen mootummaa biyyattiirraa fudhatame harka Huutii jira.

Akka dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) jedhutti, Eeshiyaa bahaa irraa meeshaalee karaa namoota sivilii ta'aniin argatanis qabu.

Dirooniiwwaniifi misaa'eloonni ammayyaa hedduun garuu Iraan irraa akka argatan dubbatama.

Ameerikaan akka jettutti, Misee'aliifi meeshaan xiyyaara qolatu bidiruu ittiin qurxummii qabaniin Iraan irraa gara Yaman osoo geeffamaa jiruu qabatteetti.

Xiinxaltoonni waraanaa akka jedhanitti, MV Beshaan kan jedhamu dooniin Iraan Huutiin akka bakka irratti xiyyeefatame akka rukkutaniif gargaraaa jira.

Dooniin kanaan dura geejiibaaf oolaa ture amma kan ittiin nageenya to'atan ta'uu isaa ibsu.

BBCn mootummaa Iraan irraa deebii gaafatus hin argatiin hafe.

Galaana Diimaa qarqara Yamaniin jiru bakka dooniin Galaaksii Liidar jedhamtu itti ugguramtee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Deebii idil-addunyaa

Qaxanaa sana keessatti garee nageenyaa kan hoggnan Kiriis Faarel akka jedhanitti, dooniiwwan meeshaa garagaraa de'atan eegumsi kan taasifamuuf ta'ulleen, meeshaa ittiin haleellaa qilleensarraan dhufu ittisuu danda'an garuu hin qaban.

Kun "rakkoo guddaa dooniiwwan daldalaa yeroo dheeraan booda" karaa Galaana diimaarraan darban mudatedha.

Deebiin idil-addunyaa cimaa dhufuu isaatiin US fi UKn waliin ta'uudhaan finciltoota Huutii Yaman jiran irratti haleellaa qilleensarraa raawwataniiru.

Biyyoonni kunneen lamaan [US fi UKn] haleellaa humna waraanaa finciltoota kana dadhabsisuuf kaayyoo godhate ture kan gaggeessan.

Ta'us garuu lafa bal'aa gaarreen Yaman Huutiitu to'atee jira.

Dhokachuu kan danda'anis sababa kanaan akka ta'e xiinxaltoonni waraanaa ni dubbatu.

Mudde darbe humni waraanaa waloo Ameerikaan durfamu dooniiwwan daldalaaf eegumsa gochuudhaaf akka hojjetu ibsamee ture.

Kana gochuudhaan hojii Galaana diimaa to'achuu kan hojjetan yoo ta'u, Yunaayitid Kingidam ammoo hojii kanaaf doonii akka dhiyeessitu beeksifteetti.

Humna waloo Ameerikaa kanaan alatti biyyoonni akka Faransaayis qaxanaa sana keessaa buufata to'atan qabu.

Kaappiteeniin humna galaanaa Ameerikaa Biraadilii Maartiin akka jedhutti, michoota idil-addunyaa garagaraa akka tumsan gochuun qormaatdha.

Dooniiwwan galaanicharratti eegumsa taasisan boba'aa guutanii, meeshaa hidhachiisuunis baasii gudda agaafata.

Misaa'eloota akka C Vaayipar Huutiin dhukaasan ittisuun baasii dolaara miliyoonaan lakaa'amu baasisa.

Faallaa kanaan ammoo Huutiin haleellaa diroonii gaggeessuuf kan baasan dolaara kumaan lakkaa'amanidha.

Imala doonii gufachiisuu

Dhaabbieen baayyeen dooniiwwan isaanii akka karaa Galaana Diimaarra hin deemne gochaa jiru.

Kana jechuun ammoo karaa fagoo ta'e Keep Oof Hoop kan qarqara Afrikarraan darburra goruudhaaf baasii guddaa baasu jechuudha.

Warri karaa dheeraa Garbarra naanna'uu dhiisanii toora Galaana Diimaarraan filatan nageenya isaanii eeggachuuf filannoowwan jiranis ni fayyadamu. Tooftaan tokko sira kallattiiwwan doonii agarsiisan diriirsuudha. Kunis GPS Tiraaking jedhama.

Sirni to'annoo kun ammoo finciltoonni Huutii dooniiwwan kanneen akka hin arganneef gargaara.

Dooniiwwan tokko tokko ammoo "Israa'el waliin hariiroo hin qabnu" jechuun dooniiwwan isaaniirratti barreessu.

Dooniirratti "hidhattoonni jiru" ykn hojjetoonni kun Chaayinootadha" jedhanii kan barreeffatanis jiru.

US fi UKn dhiyeenyatti haleellaa gaggeessanis Huutiin ammallee dandeettii miidhaa geessisuu danda'urra ta'uusaa xiinxalaan waraanaa kun ni ibsa.

"Haleellicha hir'isuun ni danda'ama. Haata'u malee, rakkoon kun kan furamu walitti bu'insa Gaazaatii furmaanni siyaasaa yoo kennamedha. Dooniiwwaniif eegumsa taasisuu qofaan haleellaa kana dhaabsisuun hin danda'amu," jedha.